Mirga itti fayyadama Ulaa galaanaa

Hulaan galaanaa Itoophiyaaf dhimma jiraachuufi jiraachu dhabuuti. Hulaan galaanaa biyyi tokko,  biyya ollaa jirtu waliin yookiin ardii biroo waliin karaa qaama bishaaniin ittiin qunnamtudha. Hulaan galaanaa  biyyoota addunyaa wal qunnamsisuuf faayidaa olaanaa qaba. Itoophiyaan hanga bara 1991 akka lakkoofsa Awurooppaatti biyya hulaa galaanaa mataa ishee kan qabdu akka turte, seenaan ni agarsiisa. Haata’u malee Eritraa bara 1993tti riifrandamii uummataa gaggeessuun biyya walabaa ta’uun ishee hordofee Itoophiyaan hulaa galaanaa malee hafuu dandeessetti.

Eritraan yeroo biyya walabaa taatetti hulaa galaanaa malee kan hafte Itoophiyaan, Bahaafi Gaanfa Afriikaa keessatti baayina uummataa hedduu kan qabduufi lafa bal’aa kan qabdu  biyya guddoo hulaa galaanaa hin qabne erga tatee waggaa 30 ol lakkoofsifteetti. Fedhiin buufata daldalaa biyyattii  waliigalaa  sochiilee galiifi bahaan irra caalaan buufata Jabuutii irraatti hirkataa ta’ee jira. Kanaanis, biyyattiin buufta galaanaaf waggaatti dolaara Ameerikaa biliyoona tuqaa shan akka baasii taasiftuu ragaaleen adda addaa ni agarsisuu. Baasiin waggaatti bahu kun osoo misooma biyyaaf oole, dargaggootaaf carraa hojii guddaa kan uumuu ta’uu kan nama shakkisisuu miti.

Jiraata magaalaa Baahir Daar kan ta’e Tasfaaye  kabbada, Itoophiyaan hulaa galaanaa dhabuu isheetiin,  meeshaaleen alaa galan irratti qaala’insi gatii akka uumamuu taasiseera jedheera. Dhabamuun hulaa galaanaa, biyyattii kiraa buufata dooniidhaaf baasii guddaa akka kaffaltu kan taasisuu ta’us himeera.  Baasiin  biyyattiin kiraa buuftaa dooniif kafalaa jirtu osoo misoomaaf oolchite pirojeektoota misoomaa hedduuf oolfachuu akka dandeessuufi kanaanis carraan hojii dargagootaaf uumuun fayyadamaa taasisuun ni danda’ma ture yaada jedhu qaba. Yuunivarsiitii Ambootti barsiisaan saayinsii siyaasaafi hariiroo idil Addunyaa obbo Darajjee Damissaw, biyyattiin hulaa galaanaa dhabuun isheetiin meeshaaleefi oomishawwan alaa galan irratti qaal’insi gatii akka uumamu taasisuun biyyatti irratti dhiibbaa guddaa dhaqqabsisaa jiraachuu dubbataniiru. Oomishaafi oomishitummaa garaagaraa haala barbaadameen gara alaatti erguufi galteewwan adda addaa gara biyyatti galchuufis rakkoo baasii humna oliif saaxiluu akka danda’u ibsaniiru. Kun immoo biyyattiin,  biyyoota biraa irratti akka hirkattuu kan taasisuu ta’uu ibsaniiru.

Itoophiyaan waggaatti kiraa buufata doonii Jibuutiif waggaatti doolaara biliyoona tokko ol akka baasii taasistu himaniiru. Dhabamuun hulaa galaanaa, hirmaannaa biyyatti gabaa addunyaa keessatti qabduus kan gufachisisuu ta’uu ibsaniiru. Oomishaawwan biyya keessatti oomishaman haala barbaadameen gara alaatti erguufis danqaa guddaa akka ta’e barsiisaa Damissaw ibsaniiru. Itoophiyaan oomishaawwan alaa galan irrattis qaraxa garaagaraa waan kaffaltuuf, qaala’insa gatii guddaan akka uumamu taasisa jedhaniiru.

Yuunivarsiitii naannoo Oromiyaatti barsiisaa diingdee  kan ta’an Bayyanaa Ibsaa gaazexaa Hirkoo waliin kanaan dura turtii taasisaniin, hulaan galaanaa guddina biyya tokkof baay’ee murteessaa ta’u dabbataniiru. Qorannoo Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii taasisee caqqasuun biyyi hulaa galaanaa hin qabne ‘GDP’n ishee irraa 20 hanga 30 dhabuu yookiin hir’isuu akka dandeessu himanii, Kun immoo biyyi hulaa galaanaa hin qabne, biyyoota ollaa ishee jiran, wajjiin walii galuudhaan bifa kiraan fayyadamuuf ni dirqamti jedhaniiru. Dhabamuun hulaa galaanaa qabeenya biyyaattiin qabdu gara alaatti erguufi  meeshaalee adda addaa gara biyya keessatti galchuudhaaf baasii geejjibaa guddaaf kan saaxiluu ta’u kaasaniiru.

Akka barsiisaan Damissawa jedhanitti, biyyi hulaa galaanaa qabdu tokko,  diinagdee ishee guddisuu keessatti, carraa gabaa addunyaa keessatti hirmaachuu, meeshaalee biyya keessatti oomishaman akka barbaaddeefi yeroo barbaadde keessatti gabaa addunyaaf dhiheessuun bu’aa olaanaa ni argatti. Kaanaafuu hulaa galaanaa qabaachuun diinagdeefi daldala biyya tokkof murteessaa ta’uu eeraniiru. Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuuf tattaaffiin yeroo ammaa taasisaa jirtu dhimma murteessaa ta’u himaniiru. Itoophiyaan biyyoota oollaa waliin haala waliigalteefi, sirna kennanii fudhachuun, qajeelfama biyyoota lama fayyadamaa taasisuu danda’u hordofuun carraa hulaa galaanaa argachuu qabdu qabaachuu dubbataniiru.

Biyyoota hulaa galaanaa hin qabneef mirga hulaa galaanaa argachuu ilaalchisee,  Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Konvenshinii biyyootni addunya hedduu mallatteessanii jiru. Kunis waliigaltee biyyoonni hulaa galaanaa hin qabne daangaa galaanaafi garbaa hin qabne, karaa buufata biyyoota naannawasaaniitti argamuutiin tajaajila argachuu kan  dandeessisudha jedhaniiru. Waliigalteen kun  biyyoonni hulaa galaanaa hin qabne karaa gara galaanaatti darbuu danda’an argachuuf mirga akka qaban waligalticharrattii keewwata 125 irratti kaa’amuu dubbataniiru.

Dhimmi fayyadama hulaa galaanaa sadarkaa walitti dhufeenya biyyoota lamaan gidduurratti kan murtaa’u ta’uusaa waliigalteen biyyootni mallatteessan agarsiisa. waliigalteen alaa garuu seerri idil-addunyaatis hin deeggaru jedhaniiru. Waliigaltichi hojiirra kan oolfamu haaluma waliigaltee biyyoota jidduutti taasifamuun ta’uu barsiisaa Damissaw dubbataniiru. Hulaan galaanaa birmadummaa dinagdee qofa osoo hin taane olaantummaa siyaasaa biyya tokkoofis dhimma murteessaa ta’u eeraniiru.

Kanaanis Itoophiyaan karaa waliigalteefi sirna kennanii fudhachuutiin, hulaa galaanaa argachuuf hojii eegalte cimsitee itti fufuu qabdi jedhaniiru. Akka barsiisaan diingdee Bayyanaa Ibsaa jedhanitti, seenaan biyyoota addunyaa akka agarsiisuutti hulaan galaanaa kallattii garaagaraan argamuu danda’a. Fakkeenyaaf Alaaskaa paarchees  bara 1867 Ameerikaan Raashiyaarraa hariftee gara Beering Istireet fudhatte dhimma bahaa turteetti. Paanaamaa kaanaal zoonii kan Ameerikaan bara 1930 hanga 1999tti  paanaamaarraa kireeffattee fayyadamaa turteetti. Hoongi koongi  isilaandi,  Yuunaayitid kingidam Chaayinaaraa kireeffattee, bara  1842 hang1997tti fayyadamaa turteetti.

Kanaafuu Itoophiyaan muxannoo biyyoota addaa addaa irraa fudhachuun hulaa galaanaa argachuuf filannoowwan jiran fayyadamuu akka qabdu hubachiisaniiru.  Ruwaandaafi Burundii, moombaasa portii keeniyaa irraa waligalteen fudhatanii fayyadamaa jiru. Walumaagalaatti biyyootni hulaa galaanaa hin qabne, hariiroo biyyoota oollaa waliin jiru cimsachuun, waligaltee biyyoota lamaan fayyadamaa taasisuu raawwachuuniifi sirna kennanii fudhachuutiin hulaa galaanaa argachuu ni danda’u.

Oduu

AMECO Hirkoo