Nageenyi Milkaa’ina Turiizimiif Murteessaadha

Turizimiin akkuma sochiilee birootti damee nageenyaafi tasgabbii barbaadudha. Guutuu hiruutti gosoonni turizmii hundinuu kan raawwataman yommuu nageenyi jiruttidha.Turizimiin naannawa itti jiraannu irraa fagaachuudhaan imala taasifamu ta’uu isaa wajjiin wal qabatee baroottan duriitti tuuristii ta’uun balaaf of-saaxiluu akka waan ta’eetti ilaalamaa ture. Sochiin tuurizimiis balaadhaaf saaxilamuu wajjiin kan wal-qabatu akka ta’e amanamaa tureera.

Waraana addunyaa lammaffaatiin asitti garuu, keessattuu geejjiboonni lafarraa, bishaanirraafi qilleensa irraa ammayyaawoon jalqabamuu waliin wal-qabatee dameen turiizimii kan balaa hin geesifne ykn sochii balaa hin barbaadne ta’uun itti amanamaa dhufeera.  Keessattuu yeroo ammaa turistoonni daawwannaaf, bashannanuuf, waa barachuuf, wal baruuf, boqochuufi k.k.f waqtii imala taasisanittis ta’ee turtii iddoo itti deemanitti taasisaniif jalqaba nageenyi akka jiraatu ni barbaadu.

Sababa waraanaaniifi tasgabbii dhabuutiin turistoonni imalli bakka itti turtii taasisuuf deemaniirraa akka of qusatan ni dirqamu. Nageenyi jiraachuu dhabnaan turiizimiin hin jiraatu jechuun ni dandaama. Akka biyya keenyaatti rakkoolee nageenyaa baroottan darbe muudataniin, naannawaalee biyyattii rakkoon nageenyaa itti muudateetti sochiin turiizimii taasifamaa ture, qabbanaa’uu bira darbee hanga sadarkaa guutumaan guutuutti dhaabbachuutti gaheera. Naannawaalee rakkoo nageenyaatiin muudannaa akkasii isaaniirra gahe keessaa naannoon Amaaraa ni caqafama. Rakkoo nageenyaa naannichatti muudachaa jiruun sochii turiizimii irraa faayidaan argamaa ture, kan diinagdee, siyaasaafi hawaasummaa guutumaan guutuutti hanga dhaabachuu biras gahee jira.

Naannichatti akka fakkeenyaatti magaalota gurguddoofi naannawaalee isaanii kan akka Baahir Daariifi Gondar yoo fudhanne, haroon Xaanaa, odolootaafi manneen amamantii Kiristaanaa buleeyyiin haroo Xaanaa keessatti argaman hambaalee seena qabeessa isaanii wajjiin, lagni Abbayyaafi bakki ka’umsa lagichaa, manneen amantii Kiristaanaa buleeyyiinii fi hambaaleen keessatti argaman akkasumas ogummaan ittiin ijaaraman, gamoon Faasiil,  ijaarsonni manneen gamoo Gondar keessaa ammayyummaafi babalina magaalummaatiif fakkeenya ta’an, masaraaleen adda addaa, kabajoonni ayyaanota amantiifi aadaa hawwatoo ta’an, bakki hawwata turizmii Gorogoraa, bishaan yaa’aan Xiis Abbaay, paarkiin Sameen isaan muraasa hawwata turizmiif oolaa turanidha. Rakkoo nageenyaa waggoottan darbanitti naannawaalee kanneenitti tureen garuu faayidaan damee tiriizimii irraa argamu akka qabbanaa’uufi hanga dhaabachuutti akka qaqqabu taasisaa tureera, taasisaa jiras.

Dhimma kanarratti hangaan wal-caalus kutaalee naannichaa rakkinni wal-fakkaataan isaan muudachaa ture keessaa tokko bulchiinsa sab-lammii Oromooti. Bulchiinsa sab-lammichaatti faayidaa turizimiif kan oolan iddoowwan uumamaafi nam-tolcheen adda addaa kan argaman yommuu tau, kan akka bishaan ho’aa Aweeytuu, bishaan ho’aa Caacaatuu, bishaan ho’aan Borkannaa, masgiidonni buleeyyiin hambaalee seenaa of keessaa qaban, iddoowwan gabaa seena qabeeyyiifi sabaafi sab-lammoonni akkasumas heddummoonni keessatti hirmaachuudhaan beekaman kan akka gabaa Baateefi gabaa Sambatee ijaarsi manneen buleeyyii ogummaafi kalaqni itti dhangala’e Mandara Shonkee muraasa maqaa dhahuun ni danda’ama.

Itti gaafatamtuun waajjira aadaa fi turizmii aanaa Baatee, aadde Hawwaa Umar, dhimma keenya kana irratti turtii nu wajjiin taasisaniin, aanaa isaanii fi naannawa aanaa isaaniitti iddoowwan turizimiif ooluu dandaaniifi madda galii ta’an  hambaalee dhaabbatoon Masgiidoonni buleeyyiin shan, iddoon hawwata bosona Garfaa jedhamu, bishaan ho’aan Caacaatuu jedhamuun beekamu, Gabaan Baatee akka jiran himaniiru. Iddoowwan kana biyya keessaafi biyya alaatii daawwattoonni itti imaluun daawwachaa kan turan yommuu ta’u rakkoo nageenyaa waggoottan darbanitti muudatee tureen adeemsichi akka dhaabbatee ture dubbataniiru. Yeroo walitti bu’iinsiifi lolli naannawichatti turetti kan akka bishaan ho’aa Caacaatuu irratti miidhaan qaqqabuullee akka fakkeenyaatti kaasaniiru. “Iddoowwan kana bakka nageenyi hin jirretti kan dhufee daawwatu hin jiru” kan jedhan adde Hawwaan, yeroo ammaa garuu haalli nageenyaa fooyyauu isaatiin daawwattoonni akka deebi’aa jiran kaasaniiru.

Itti gaafatamaan qajeelcha aadaafi turizmii bulchiinsa sab-lammii Oromoo, obbo Ahmad Ibraahiim, rakkoon nageenyaa muudatee ture sochii turizimii akka naannoo Amaaraattis ta’ee akka biyyaatti taasifamaa ture haala olaanaan danquu isaa dubbataniiru. Waggoottan rakkoon nageenyaa itti muudate darbanitti daawwataan baayyee hirachuu kaasanii, akka fakkeenyaattis akka bulchiinsa sab-lammichaati gabaaleen Baateefi Sambatee daawwattoota biyya keessaafi alaa hedduun daawwatamaa turan, keessattuu daawwattoonni biyya alaa gar malee hirachuu eeraniiru. Obbo Ahmad, yeroo ammaa garuu haalli nageenyaa fooyya’uu isaatiin daawwattoonni deebi’aa akka jiran eraniiru. “Yoo nageenyi jiraatee iddoowwan turizimiif oolan kana irratti hojjenne kan kanaan duraa olittuu irraa fayyadamna” jedhaniiru. Iddoowwan turizimiif oolan kana hojiin misoomsuu, kunuunsuufi beeksisuu irratti hojjetamaa akka jirus itti gaafatamichi hubachiisaniiru.

Itti gaafatamaan biiroo aadaafi turizimii naannoo Amaaraa, Malkaamuu Tsaggaayeen ibsa kennaniin, rakkoon nageenyaa waggoottan darbanitti naannoo Amaaraatti muudatee ture damee turizimii danquufi qormaata keessa galchee turuu  isaa kaasaniiru. Yeroo ammaa naannichatti fooyyiinsi nageenyaa argamuu isaatiin damichi dadammaquu isaas himaniiru. Itti gaafatamtichi akka jedhanitti sochiin turizimii naannoo Amaaraa irra caalaatti waqtii jia Muddee irraa hanga ji’a Amajjiitti kan raawwatamu yommuu ta’u ji’oottan kanatti fooyya’iinsa nageenyaa argameen raawwii fooyya’aa galmeesisuun danda’amuu dubbataniiru. Kanaanis naannichi hanga walakkaa waggaa bara 2017tti  daawwattoota biyya alaa kuma 16 fi daawwattoota biyya keessaa miiliyoona 5.2 keessummeessuu himaniiru. Daawwattoota kanneen irraas galiin birrii biiliyoona 2.4 walitti qabuun akka dandaames beeksisaniiru. Kunis waqtii wal-fakkaataa kan waggaa darbe wajjiin yommuu wal-bira qabamee ilaalamu caalmaa dhibbantaa 104 akka fide hubachiisaniiru. Egaa damee tuurizimii irraas haa ta’u kanneen biroo irraa fayyadamoo ta`uuf nageenya tikfachuufi nageenyaaf dhaabbachuun murteessaadha yaanni jedhu dhaamsa keenya.

Oduu

AMECO Hirkoo