Oomisha qonnaa biyya keenyaa guddisuurratti waqtiin Arfaasaa shoora olaanaa qaba. Oomishni gahaan akka argamuuf gosoota sanyii waqtiin Arfaasaa barbaadu sirriitti adda baasuun barbaachisaadha. Misoomni waqtii Arfaasaatti raawwatamu akka haala qilleensaafi tessuma lafaatti garaagarummaa qabaachuu ni danda’a. kana jechuun keessumaayyuu ogeessonni qonnaa hojmaata waqtii Arfaasaatti raawwataman adda baasuun qonnaan bulaa gargaaruun irraa eegama. Qonnaan bulaan oomishaawwan waqtii Arfaasaatti oomishamuu danda’an muuxannoo isaa yeroo dheeraatiin kan beeku ta’us hojmaanni ammayyaawaan waan isa barbaachisuf gorsa ogeessaa dhagahuun hojiirra oolchuu qaba.
Gama birootiin qonna Arfaasaa galmaan geessisuuf galteewwan qonnaa barbaachisaa ta’an hunda guutuun barbaachisaadha. Qonnaan bulaaf leenjii barbaachisaa laachuu, sanyii filatamoo qopheessuu, xaa’oo haala barbaadameen dhiheessuufi yerootti qonnaan bulaaf raabsuun hojiin waqtichaa galmaan akka gahuuf gumaacha olaanaa qabu. Asirratti qonnaan bulaan aadaa xaa’oo uumamaa gabbisuu isaa cimsee akka itti fuufuufi akka itti fayyadamu gochuurratti xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba.
Naannoon Amaaraa bal’ina lafaa qabunis ta’e, qabeenya kufama qonnaaf ta’uu qabaachuun, hojii qonnaa biyyattif gumaacha olaanaa taasisa jira. Itoophiyaan galii oomisha qonnaa akka biyyaatti argattu irraa dhiibbantaan 40 ta’u naannoo Amaaraa irra akka argamus ragaan biiroo qonnaa naannicha irraa argame ni mul’isa. Kana jechuun misooma qonna Arfaasaa naannoo Amaaraatiif xiyyeeffannoon olaanaa yoo laatame tumsa midhaan nyaataatiin of danda’uu taasifamaa jiru galmaan gahuun ni danda’ama jechuudha. Walumaagalatti oomishni waqtii Arfaasaa diinagdee biyyaa guddisuurratti shoora olaanaa waan qabuuf dame kanaafis xiyyeeffannoo olaanaan laatamuu qaba kan jedhu ibsa ejjannoo keenya har’aati.