Misooma Fuullee Magaalotaa Jijjiiraa Jiru

Biyyi tokko nageenyaafi fayyummaa hundagaleessa lammiilee ishee mirkaneessuuf yeroodhaa yerootti hojmaata garaagaraa hojii irra oolchitu ni qabdi. Kanneen keessaa hojiin misooma koriidarii isa ijoodha. Hojiin misooma koriidarii hawaasa fayya buleessa horachuuf magaalota jiraattonni bakka tokkotti qubatanii jiraatan keessatti  qilleensa qulqulluufi bu’uuraalee misoomaa magaalaa ammayyaa tokkoof barbaachisu guutuuf barbaachisummaa olaanaa kan qabu ta’uusaa muuxannoon biyyoota baroota dheeraaf misoomicha hojjechaa turanii irraa qooddatame ni agarsiisa. Kanaan walqabatee biyyi Odola Kibba Bahaa Eeshiyaa keessatti argamtu Singaappoor akka fakkeenyaatti eeramti. Biyyattiin ganamummaan biyya aadaa qulqullina eeguu qabdudha. Kosiifi balfa daandii irratti gatuun, hancaqqee alanfachuun, daandii gubbaa irratti fincaa’uuniifi wantoota caccabsuun seera biyyattiin kan nama himachiisudha.

Yeroo ammaa magaalonni biyya keenyaa baay’een misooma dinqisiisaa adeemsisuun jijjiirama guddaa agarsiisaa jiru. Inumaayyu magaalonni umurii dheeraa lakkoofsisan misooma koriidariin jijjiiramanii eenyummaa haaraa gonfataniiru. Itoophiyaan misooma koriidarii magaalota 31 ol keessatti hojii jalqabdee kan jirtu yoo ta’u, kanneen keessaa magaalonni torba naannoo Amaaraa keessatti argamu. Teessoo magaalaa guddoo mootummaa naannoo Amaaraa kan taate Baahir Daar, misooma koriidariif xiyyeeffannoo guddaa kennitee hojjechaa jirti. Fuulleen magaalattii misooma koriidarii marsaa jalqabaan miidhagina addaa gonfachuu iji argeefi qor-qalbiin qilleensa qulqulluu Haroo Xaanaa irraa ol bubbisuun boqonnaa sammuu argate mirkaneessuu waan didu hinfakkaatu.

Jiraattuun magaalattii shamarree Masarat Warqinah bakkeewwan duraan balfi goggogaafi dhangala’aa itti maqfamaa turee yeroo ammaa misooma koriidariin jijjiiramee bakka qilleensa gaarii fudhachaa itti aara-galfatan ta’uu dubbatteetti. Dhufaatiin misoomichaa miidhigina magaalattii dabaluu bira darbee jiraattota baay’eef carraa hojii uumuusaa eerteetti. Keessumaa naannoon Haroo Xaanaa miidhagina addaa gonfachuusaa kan himtu shamarreen kun, haroowwan miidhagoo biyyoota addunyaa biroo karaa miidiyaa hawaasaa argee ajaa’ibsiifataa ture osoo fagoo hindeemiin magaalaan jiraadhu keessatti arguu danda’uu kootti gammadeera jetteetti. Ittaanaan Dursaa Kantiibaa bulchiinsa magaalaa Baahir Daar, Goshuu Indaalaamaawu, misoomni koriidarii magaalaa Baahir Daaritti hojjetamaa jiru  faayidaa baay’ee qabatee kan dhufe ta’uusaa himaniiru. Akkasaan jedhanitti, misoomichi daandii biskiliitaa, bakkeewwan magariisaa hawaasni bal’aan itti bashannanuu danda’u, bakka dhaabbii konkolaattotaa, akkasuma mana dubbisaafi ijaarsawwan kanneen biroo kan ofkeessatti hammatedha.

Uwwisni misooma koriidarii magaalattii kiilomeetira 22 tuqaa 5 ta’uu himanii, adeemsa hojichaan magaalattii caalmaatti miidhagsuuf hojiiwwan haaraa keessatti hammachiifamuu hubachiisaniiru. “Ijaarsa misooma koriidarii magaalonni biroo waan jalqabaniif jalqabne osoo hintaane miidhagina dabalataa magaalaafi galii waan argamsiisuuf qorannoon erga mirkaneeffannee boodadha gara hojiichaatti kan seenne” jedhaniiru. Hawaasa magaalattii gama diinagdeen haala fayyadamoo taasisuun danda’amuun hojiichi cimee kan ittifufudha jedhaniiru. Ittigaafatamaan Biiroo Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Naannoo Amaaraa, Ahimaddiin Muhaammad (PhD) magaalota ammayyeessuun hojiilee diijitaalaayizeeshinii caalaatti jireenyaaf mijatoo ta’an haaromsuufi fooyyessuun ‘magaalaa ismaartii’ uumuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Akkasaan jedhanitti, Misooma koriidarii saffisiisuun, haala baay’ina uummataa giddugaleeffachuun fedhii geejjibaafi bu’uuraalee misoomaa naannichaa furuuf hojjetamaa jira. Hojiichi boqonnaan qoodamee qulqullinaafi saffisaan hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Hojiin misooma koriidarii ijaarsa bakka magariisaa, sarara bishaanii, ibsaa magaalaa sadarkaasaa eeggateefi bu’uuraalee telekoomii kan hammatu ta’uu himaniiru. Teeknoloojiiwwan sochii uummataa dabalatee bakkeewwan hawwata tuurizimii adda addaa haaromsuun jiraattota magaalotaa dabalatee invastarootaafi tuuristootaaf magaalota mijatoo uumuun hojii ijaarsa biyyaa cimsinee itti fuufna jedhaniiru.

Haaluma kanaan, Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) uumamniifi ogummaan namaa, miidhagina Baahir Daar caalmaatti mul’isaa jiraachuu himaniiru. Baahir Daar qormaata keessatti cichoominaan hojjechuun magaalaa fakkeenyaa taate ta’uu dubbataniiru. Akkasaan jedhanitti banamuun Haaroo Xaanaa ibsituu qajeeltoo walitti hidhamiinsaati. Hojiilee misoomaa walitti qindeessuufi galtee waliif gumaachuuf misoomni koriidarii magaalaa Baahir Daar fakkeenya gaarii ta’uu mirkaneessaniiru. Bakkeewwan Xaanaa waggoota baay’eef magaalichaan adda bahanii turan misooma Koridariin wal qunnamanii jiraachuu kaasaniiru. Kunis bakka bashannanaa ta’uurra darbee magaalichaaf haala qilleensaa mijataa uumuusaa himaniiru. Magaalattiin mukkeen jaarraa walakkaa ol lakkoofsisan qabaachuu eeranii, kanarratti misooma koriidariin caalmaatti miidhagina dabalataa gonfachuu hubachiisaniiru.

Previous article
Next article

Oduu

AMECO Hirkoo