Biyyi xiqqoon ollaa Sawudii Arabiyaa, Kaataar waggoottan 20 moota darbaniif addunyaarratti biyya mariin nagaa keessatti gaggeeffamuun beekamtudha. Biyyattiin Israa’eliifi Hamaas gidduutti waliigalteen dhukaasa dhaabuu qindeessuun gahee dursaa kan baate yoo ta’u, isaan duras mariiwwan nagaa baay’een akka taasifamaniif gargaarteetti. Sawudii Arabiyaan gahee jaarsummaa har’aa kana osoo hin fudhatiin duratti waggoota baay’eef amala dubbii barbaaduu akka qabdutu himama.
Akka Lakkoofsa Awuroppaa bara 2015’tti wal waraansa Yaman keessatti mootummaa deeggaruun gidduu seenuudhaan hidhattoota Huutii irratti haleellaa qilleensaafi madfii raawwattee jirti. Bara 2017′ tti ammoo mootummaan Liibaanoos Sawudii Arabiyaan ministirri Muummee Liibaanoos Al-Haariiriin aangoo akka gadhiisaniif dhiibbaa gochuun to’annoo jala oolchiteetti jechuun himate.
Ameerikaa, Waashingitaniitti waahila Inistiitiyuutii Baha giddu-gala kan ta’an Dr Pool Saaleem ”hoggansi Mohaammad Biin Saalmaan duraanii kan shira walitti bu’iinsaa qindeessu ture” jedhaniiru. ”Haata’u malee, hoggansi isaa walitti bu’iinsa harbeessurra mariiwwan nageenyaa keessuummeessuun waan gaarii hojjechuuf murteesse” jechuun BBCtti himaniiru. “Sawudii Arabiyaan nagaafi tasgabbiin Baha giddu-galaa keessaa akka fooyya’uuf adda durummaan mariiwwan nageenyaa irratti hojjetaa turteetti” kan jettu immoo waahila Inistiitiyuutii Waashingitan Ameerikaatti bu’uureeffachuun dhimmoota Baha giddu-galaa irratti xiyyeeffachuu hojjetuu kan taatee Elsaabeeti Deentaati. ”Kunis boba’aa alatti erguu qofarratti hirkachuu dhaabuun dameewwan diinagdee haaraa cimsuudhaaf mala daldala alaa hawwachuuf taasifamuuf qaama barbaachisaadha” jetteetti. Sawudii Arabiyaan seenaan nagaa akka dhufu gochuu keessatti waggoota kurnan baay’ee lakkoofsiisteetti.
Akka Lakkoofsa Awuroppaa bara 1989’tti qaamolee Liibaanos wal lolan gidduutti gara waliigaltee Taa’iifitti kan qajeeleefi booda bara 1990’tti waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka taasifamuuf jaarsummaan gargaarteetti. Kunis wal waraansa biyyattii keessatti waggaa kudha shaniif itti fufee ture dhaabsiiseera. Akka Lakkoofsa Awuroppaa bara 2007 wal dhabdee gareewwan Filisxeem kan ta’an Hamaasiifi Faataah gidduutti ture kan dhaabe waliigaltee Makkaa dursiiteetti. Dhiheenya kana ammoo dursummaa Mootii Mohaammad biin Saalmaaniin Sawudiin deebistee gahee marii nagaa keessummeessuu fudhatte. Akkasumas, marii walitti bu’iinsa Sudaan keessattis kan hirmaatan ajajoota waraanaa biyyattii gidduutti waraana yeroo dheeraaf gaggeeffamaa ture keessummeesiteetti. Sawudii Arabiyaan bara 2022tti Raashiyaafi Yukireen gidduutti marii taasifameef booji’amtoota waraanaa 250 walitti bu’iinsa biyyoota lamaaniin qabamanii turan gadhiifamuun gara maatiisaaniitti akka makaman taasifame olaantummaan dursaa turteetti.
Kaataar marii nagaa akkamirratti hirmatte? Ameerikaafi Masrii waliin ta’uun Amajjii bara 2025 Israa’eliifi Hamaas gidduutti dhukaasa dhaabuun akka taasifamuuf marii taasifame keessatti gahee olaanaa baatee jirti. Bara 2020tti ammoo Kaataar waraana Afgaanistaan waggoota 18’f gaggeeffame dhaabsiisuuf Taaliibaaniifi Ameerikaa gidduutti waliigalteen nagaa akka taasifamuu kan jaarsummaan tajaajilte yoo ta’u, Ameerikaafi michoonnishee waraanaa baasuun Taaliibaan biyyattii to’achuu danda’eera.
Akkasumas bara 2020tti milkaa’uu baatullee waliigalteen dhukaasa dhaabuu mootummaa Yamaniifi hidhattoota Yaman gidduutti akka taasifamu taasifteetti. Kaataar waliigaltee nagaa Afrikaa keessatti taasifaman irrattis hirmaattee jirti. Tokkooffaa bara 2022tti mootummaa Chaadiifi mormitoota baay’ee gidduutti waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka taasifamu taasifteetti. Kan biraa ammoo, mootummaa Sudaaniifi gareewwan hidhattootaa gidduutti bulchiinsa Lixa Daarfuur keessatti waliigalteen nagaa taasifameera.