Dhidhiibbaa: Ogummaa Aadaa Guddachuu Qabu

Jiruufi Jireenya ilma namaa keessatti taatewwan adda addaa yeroo gara yerootti nama mudachuu malu. Gaddaafi gammachuu, dhabuuf argachuufi dhimmootni hedduun kana fakkaatan waan oola hin qabnedha. Nama tahuun amma dachee kana irra lubbuun jiranittis wantoota nama mudachuu danda’an keessaa dhibeen isa tokkodha. Dhukkuboonni sababoota  garagaraan kan namatti dhufuu danda’an yoo ta’u dhukkubbii hamaa jedhamuun kan beekaman keessaa tokko cabiinsi lafee miira dhukkubbii jabaa taheen qaama namaa miidhuu kan danda’u dha.

Cabiinsi kunis karaalee adda addaa nama mudachuu kan danda’u yoo tahu, namni otuma deemuu qaamni isaa; buusaa yookiin bakka lafeen walitti qadaadaman wal irraa molqamuufi walbira darbuun, caba lafee ni jedhama. inni biraan ammoo balaa konkolaataafi kufaatii hamaa nama mudachuu danda’uun lafeen gargar cabee miira  ulfaataa namatti uumuun akka namni naafa tahuu, tarii ammoo mukaafi meeshaalee biroo qabatee akka socho’uufi sadarkaa qaamni isaa cituu irras gahuu kan hordofsiisudha.

Balaan kun yeroo durii irraa eegalee hanga har’aatti bifa aadaan yaaliin yeroo itti taasifamaa tureefi jiru yoo tahu, yeroo hedduu namni ogummaa Kanaan beekamus “Dhidhiibduu” jedhamuun waamamu. Bulchiinsa magaalaa Kamiseettis abbaa qorichaa rakkoo kanaa tahuun waggoota 20’ oliif kan tahu hawaasa bal’aaf furmaata tahuu irratti kan argaman Obbo Mahammad Zeeynii jedhamu. Hojii ogummaa nama dhidhiibuu Kanaan haala addaan kan beekamtii argatan yoo tahu, jiruufi jireenya isaanii ogummaa Kanaan maatii isaanii gaggeessuu irratti akka argaman yaada isaanii nuuf qoodaniiru.

Ogummaan adda addaa barnoota idileen darbee darbee ammoo maatii irraa dhaaluun kan argamu yoo tahu obbo Mahaammad, wanti adda isaan taasisu garuu ogummaa kana abjuu (manaabaan ) isaaniin akka itti mullatedha. Irra deddeebiin manaabaan erga arganii booda gara hojiitti hiikuu dubbataniiru. Ogummaa dhidhiibuun nama bu’aa kennu kana barbaachas nannawaa magaalaa Kamisee irraa eegaluun gandootaafi aanoota godinichaa hunda keessa, magaalota gurguddoo Dasee, Kombolchaa, Addis Ababaafi Biyya Afirikaa Yugaandaa irraa bakka kana dhufuun fayyanii akka deebi’anis odeeffanneerra.

Dhugumatti baayyinni namootaa bakka kanatti balaan cabuu xixiqqaa hanga  mulqamuu lafee olaanaatti jiruufi daa’ima xiqqaa hanga dullummaatti wal gahan dhugummaafi jabina hojii ogummaa Obbo Mahammadiif ragaa bahaniiru. Taatee biraan nama hojii ogummaa kanaan beekame kana adda godhu, guutummaa qaama namaa harkaan qaqqabanii fayyummaa qabaachuufi dhabuu isaa beekuu isaaniiti. Mana yaalaa irraa dadhabamuun yaalii dhidhiibbaaf gara isaanii dhufuun kan fayyanis lakkoofsi isaanii danuudha. Akkasumas ofii isaanii dhidhiibuun yaalii kennuu kan hin dandeenye harkaan qaqqabanii ilaaluun gara hospitaalaa akka isaan deemaniif osoo isaan nama gorsaniis argineerra. Maalif jennee yoo gaafannus “harka kiyyaan qaqqabeen beeka, kun anaan hin yaalamu hospitaala gurguddaatti sibiilaan yoo hidhame malee jedheen kallattiifi gorsa kennaaf” jechuun nuuf deebisaniiru.

Guyyaa gara guyyaatti namoota 80’f isaa oliif yaalii kan taasisan yoo tahu, namootni bakka kana dhufanis hedduun isaanii barbaaduun magaalota biraa irraa, akkasumas yeroo lamaafi isaa ol tajaajila kana barbaacha as akka dhufanis nii himu. Dargaggoo Ahimad Huseen yeroo lammaffaa isaaf bakka kanatti osoo dhidhiibamaa jiru argine. Dargaggoon kun “obbo Mahaammad jechuun qoricha namaati”  jedheera. Yeroo hedduu yoon cabe homaa yaaddoo hin qabu kan jedhu dargaggoon kun magaala Kamisee waanan jiraadhuuf  battalumattin dhufee dhidhiibbachuun fayyee deebi’a jechuun yaada isaa nuuf laateera.

Obbo Siraak Zannabee, jiraataa magaalaa Kombolchaa yoo ta’an, nama hojii ogummaa qabu kana barbaacha akka dhufan dubbatu. ‘’Namni ogummaa akkasii qabu hedduu jajjabeeffamuu qabu,  yaalii argachuuf bakkeewwan hedduu deemuun fayyuu akka hin dandeenye, garuu bakka kanatti battaluma dhufeen bakka caba kiyya qaqqabanii arguun lafee koo wal irraa mulqamee ture bakkatti deebisan’’ jedhu. Hojiin ogummaa Kanaan faayidaa guddaa hawaasaaf buusaa kan jiran obbo Mahaammad, bakka hojii dhaabbataafi mijataa tahe akka hin qabne argineerra. Namootni dhidhiibbaaf dhufanis bakkee keessaa, daandii irraafi mana namaa jalatti osoo dhidhiibanii taajjabne. Akka Waajjira Aadaafi Tuurizimii Bulchiinsa Magaalaa Kamiseetti rakkoon kun maaf hin furamne jechuun yaada kaafneef waajjirichatti ogeessi aadaa obbo Mahammad Yimam, ammaan dura hojii ogummaa kanaaf xiyyeeffannoo gahaa kennaa akka hin turreefi karoora isaaniin irrati fuulleffachuuf hojii manaa guddaa nurraa eegama jedhaniiru

Itti gaafatamaan Qajeelcha Aadaafi Tuurizimii Bulchiinsa Sablammii Oromoo, Obbo Ahimad Ibraahim, “hojii ogummaa kanaan hawaasni keenya faayidaa guddaa argachaa waan jiruuf, qaama dhimmi isaa ilaallatu waliin tahuun bakki hojii mijataa tahee akka kennamuu ni hojjenna; namoota hojii ogummaa adda addaa qaban kana cimsuufis karoora qabannee jirra” jedhaniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo