Addunyaan meeshaa guddaa, teeknooloojii ammayyaa gati jabeessa kana kan hojjetteef waan biraaf osoo hintaane waraanaaf itti dhimma bahuufi. Waa’een galaana jala imalanii wal waraanuu yeroo ka’u gara jaarraa 18 ffaatti nu deebisa. Garuu teeknooloojii doonii waraanaa galaana jala imaluu kan gabaa addunyaatti ba’ee mul’ate 1990moota keessadha. Dooniin kun galaana jala sirriiquun, yeroo garii ammoo galaana jala riphee turuun yeroo waraanaa eegee haleellaa raawwata. Jireenyi doonii kanarraa salphaa miti, hojjettootaaf eegumsa cimaatu godhamaaf.
Sirna jireenyasaaniif wabii ta’etu doonii galaana jalaa kana waliin jira. Dooniin galaana jalaa Waraana Addunyaa Lammaffaarratti dandeettiinsaa sirriitti hubatame. Yeroo sana dooniin warra Naazii, U-boats, ulaa garba Atilaantik gargaarsi US irraa gara Biriteeniifi Awurooppaa seenutti dhihaachuun haleelte. Isaa boodadha dubbiin babal’atee, waraanni galaana jalaas kan xiyyeeffannaa argate. Jaarraa 20ffaa keessa teeknooloojiin doonii waraanaa galaanarraafi bishaan jala imaluu addunyaarratti babal’achuun dirreen waraanaa galaanarra akka ta’u taasiseera. Jalqaba jaarraa 20 ffaarraa eegalee waggoota shantama ittaanan keessatti biyyoonni teeknooloojiin guddatan galaana keessaafi irra imaluun walhaleeluu aadeffataniiru. Guddinni teeknooloojii kun akkaataa waraanaa duraan ture guutummaatti jijjiire. Kana keessatti dooniin waraanaa galaana jala imalu- Submarines jalqabarratti eerama. Biyyoonni jalqaba teeknooloojii kana baayyinaan fayyadaman US fi Faransaayidha. Dhaabbati guddichi doonii waraanaa Biriteen “Royal Navy” jedhamu boodarra itti dabalame. Jaarmiyaan kun jalqaba doonii galaana jala deemu kan bite akkamiin akka hojjetuufi akkamiin ittisuun akka danda’amu hubachuuf ture.
Garuu hanga Waraana Addunyaa Tokkoffaatti dooniin galaana jalaa hojiirra waan hin oolleef dandeettiifi humni teeknooloojii isaa sirriitti hin hubatamne ture. Ergasii garuu galaana jala deemuun waraana gaggeessuun akka danda’amu addunyaan hubatte. Teeknooloojiin doonii yookiin meeshaa waraanaa galaana jala imaluu hojiirra ooluun akkaataa waraanaas jijjiireera. Akkaataa seera waraanaa duraan tureen doonii hidhannoo waraanaa hin qabnu haleeluun galaana jala dhidhimsuu dura akeekkachiisi erga kennamee booda gareen doonii sanarra turan baraaramu. Garuu dooniin waraanaa galaana jala imalu qaamaanis xiqqoo waan ta’eef bakka itti namoota doonii biraa oofan baraaru hin qabu, ammoo yoo dirree galaanaatti olba’e diinaaf saaxilamuu danda’a. Kanaafuu haleeluurratti fuulleffata malee namoota nagaa baraaruu hin danda’u.
Kubbaaniyyaa guddichi doonii waraanaa Biriteen- Royal Navy doonii waraanaa xiyyaara baatu hojjete. Xiyyaara waraanaa dooniirra qubachuun achirraa haleellaa raawwatus bara Waraana Addunyaa Tokkoffaa hojjette Biriteeniidha. Teeknooloojiin kun ammoo of danda’ee guutummaatti faayidaarra kan oole Waraana Addunyaa Lammaffaarrattidha. Jalqaba xiyyaara doonirra buufachuun achirraa haleellaa guddaa raawwatu kan as baase humna qilleensaa Jarmanii, Luftwaffe jedhamu. Itti aansuun Jaappaan kan mataashee qabattee as baate. Addunyaarratti yeroo jalqabaaf waraanni galaanarraa kan gaggeeffame bara 1942 yoo ta’u innis kaaba Awustiraaliyaa galaana Kooraal irratti.
Waraanni guutummaatti galaanarratti gaggeeffame kun- Waraana Kooraal (Battle of the Coral Sea) jedhama. Doonii waraanaa faallaa jiran osoo wal hin argin wal waraanaa turan. Bara 1941 fi 1945 gidduu waraanni Paasiifik guutummaatti waraana xiyyaarri dooniirra buufachuun raawwatamu ture. Amma iddoon buufata doonii xiyyaara waraanaa baatu barameera, kun utuu kanaan jiruu ammoo teeknooloojiin waraana galaana jalaa biraan dhufe. Meeshaan waraanaa galaana jala deemuufi humna niwukilaraan oofamu hojjetame. Meeshaan waraanaa kun humna niwukilaraan waan deemuuf baatirii hin barbaadu. Dirra galaanarratti ba’ee kallattiisaa diinatti hin agarsiisu.