Dameewwan invastimantii abbootii qabeenya alaaf cufamanii turan banamuunsaanii invastaroonni hedduun gara Itoophiyaatti akka dhufan taasisuu komishiniin invastimantii Itoophiyaa ibseera. Komishinariin Komishinii Invastimantii Itoophiyaa Zallaqaa Tamasgeen (Dr) waggoottan torban darban Itoophiyaan jijjiirama hedduu keessa dabartee bu’aalee hedduu galmeessisuushee eeraniiru.
Waggoottan jijjiiramaa darban dameewwan abbootii qabeenya alaaf cufaa turan banamuu isaanii kan eerana komishinarichi, riifoormiin dinagdee Invastimantii fooyyeessan yookiin deeggaru danda’an taasifamuu dubbataniiru. Tarkaanfiiwwan Seera Invastimantii fooyyessuuf fudhataman dameewwan kanaan dura abbootii qabeenya alaaf daangeffamanii turan akka banaman taasisuu kaasaniiru.
Akka Zallaqaa Tamasgeen (Dr) jedhanitti kaampaaniiwwan alaa daldala dimshaanaa, qinxaaboofi daldala alergiifi alaa galu irratti akka hirmaatan boordiin Invastimantii Itoophiyaa eeyyameera. Mootummaan dameewwan invastimanti waggoottan dheeraaf cufaa turan banuun isaa labsiin Itiyoo-telekoom fi zoonii dinagdee addaa invastimantii akka deeggaruufi abbootiin qabeenya alaa baay’inaan akka hirmaatan gochuusaa dubbataniiru. Komishiniichi baatiiwwan saglan darban invastimantiin kallattii alaa kan bardheengaddaa irraa guddina dhibbantaa 2 tuqaa 4 hawachuusaa ibsaniiru.
Daldalli alergii fi alaa galchuu dimshaashaafi qinxaaboo banamuumsaatiin abbootiin qabeenya biyya alaa 40f eyyamni invastimantii kennamuusa dubbataniiru. Dureeyyonni 36 ammoo adeemsarra akka jiran eeraniiru. Mootummaan dameewwan cufaa turan kan akka faayinaansii,Itiyoo-teleekomiifi dameewwan daldala biroo irratti fooyya’insa taasisuun isaa jijjiiramni oolaanaan akka galmaaa’u taasisuu himaniiru