Malaanmaltummaa Xiqqeessuuf Itti Gaafatamummaa Mirkaneessuu Gaafata

Malaanmaltummaan gareen yookiin namni dhunfaan tokko  aangoosaa fayyadamee,  faayidaa ittiin hin dadhabneefi hin barbaachifne argachuuf  gocha dhoksaan raawwatamudha. Bakki osoo hin daangeessin iddoo kamittuu dhoksaan raawwatamuu kan danda’u gocha seeraan alaati. Malaanmaltummaa maallaqa saamuu yookaan matta’a fudhachuu qofaa miti; qaamnii itti gaafatamaan ramadame tokko itti gafatamummaa isaa fedhii mataa isaaf yoo taasiisee yookaan itti gaafatamummaa isaa fayyadamee hojii hin malle yoo hojjete, malaanmaltummaadha jedhame amanama.

Malaanmaltummaan guddina diinagdee, siyaasaafi hawaasummmaa biyya tokko kan duubatti hambisuudha.  Addunyaa kanarratti namootni yookiin dhaabbileen daldalaa dolaara tiriliyona 1.5 ol  ta’u waggaa tokko keessatti matta’a  akka kaffalan ragaaleen yeroo garaagaraa bahaan ni mul’isu. Kun immoo malaanmaltummaan waraana, dhukkubootaafi balaa uumama irra bifa gadi hin taaneen, rakkoo dachee kanaa akka ta’e agarsistuu guddaadha. Keessattuu, malaanmaltummaan biyyoota guddataa jiran keessatti,   misoomaafi guddinni biyyaa akka qucaruu,  sirni bulchiinsa mootummaas akka dadhabu,  bu’uuraaleen misoomaa biyyattii keessatti akka hin babal’anne taasisuun miidhaa guddaa dhaqqabsisaa jira.

Dargaggoo jiraataa magaalaa Kamisee, maqaan isaa akka ibsamu hin barbaanne tokko,  “yeroo ammaa harka wayyaa jalaan yoo deemte malee dhaabbilee tokko tokko keessatti tajaajila si’ataa ta’e argachuun rakkisaadha’’ jedheera.  Rakkoo kana hundaaf sababa guddaa kan ta’e  immoo mootummaan itti gaafatamuummaa mirkaneessuu dhabuusaatin akka ta’e himeera. Mootummaan malaanmaltummaa ittisuuf imaammataawwan garaagaraa baasuun hojiilee hedduu hojjechaa jiraatus, tarkaanffiin gama kanaan fudhatamuufi kutannoon jiru gadii aanaa ta’uu  dubbateera. Gama malaanmaltummaa qabsaa’uurratti hawaasa birattis rakkoon jiraachuu dargaggoon maqaansaa akka ibsamu hin barbaanne kun dubbachuun hawaasni mirga isaa gaafachuuf harkaan deemuu yookiin matta’a kaffaluu hin qabu jedheera.

Naannoo Amaaraa bulchiinsa sablammii Oromootti malaanmaltummaa ittisuudhaaf hojiileen hedduu hojjetamaa jiraachuu Qajeelcha Haqaa bulchiinsa sablammii Oromootti, abbaan adeemsa hojii farra malaanmaltummaa, obbo Huseen Adam himaniiru. Malaanmaltummaan  namni dhunfaan yookiin gareen tokko qabeenya kan isaa  hin taane, kan ittin hin dafqinee argachuuf  gocha karaa seeraan alaa raawwatamudha jechuun himaniiru. Dabalataanis,  hojii mootummaa qajeelfamaan ala hojjechuun illee akka malaanmaltummaatti kan lakka’aamuu ta’uu hubachisaniiru.

Rakkoon nageenyaa naannichatti muudate,  hojiin haala barbaadameen akka hin hojjetamne taasisuun, hojiiwwan hojjetaman irrattis yeroo yeroodhaan qorannoo akka hin taasifne,  haallii nageenyaa gufuu ta’uun malaanmaltummaafi hojmaatni badaa akka babal’atu taasisee jira jedhaniiru. Qaama badii raawwate  tokko gara seeratti fiduun,  tarkaanfiin  bulchiinsaas ta’e tarkaanffiin seeraa akka irratti hin fudhatamne taasisuun haalli nageenyaa malaanmaltummaaf haala mijataa uumee jiraachuu yaadasaani nu qoodaniiru. Haala barbaadameen qaama badii raawwate qabsiisuufi ragaa dhiheessuu irratti  banaa guddaa uumuus kaasaniiru. Hojii hojjetameef hanga sadarkaa gadiitti bu’uun qorannoo cimaa taasisuun rakkisaa ta’u kan kaasan obbo Hasan, walumaa galaatti rakkoon nageenya qaamolee hanna irratti bobba’aniif  haala mijataa uumeeraaf jedhaniiru.

“Bulchiinsa sablammichaatti,  malaanmaltummaafi hojmaataa badaa ittisuuf, kanaan dura kutaalee hawaasaa hedduuf hanga sadarkaa gaditti bu’uun hubannoon kennamaa turu himanii, yeroo ammaa garuu sababa rakkoo nageenyaatiin hanga sadarkaa gaditti bu’uun dhaqqabamaa taasisuuf qormaata guddaa nutti ta’eera” jedhaniiru. Haata’u malee  hawaasa naannawa magaalaafi seektaroota mootummaa hundaaf hojiin hubannoo uumuufi miidhaa malaanmaltummaan biyyaafi uummata irratti dhaqqabsisaa jiru hubachisuun danda’amu dubbataniiru. Qaamolee malaanmaltummaafi hojmaata badaa raawwatan gara seeratti fiduun itti gaafatamummaa mirkaneessuufi  qabeenya saamame deebisisuuf bulchiinsi sablammiichaa hojjechaa jiraachuu hubachisaniiru.

“Qaamolee malaanmaltummaa waliin walqabate himanni irratti banamee ture,  galmeen  bara 2016 keessa gara 2017 naanna’ee galmeen 19 dabalate walumaagalatti galmee 29 qabanne mana murtitti falmaa turre”  jedhaniiru. Kana keessaa himatamaan tokko  hojii mootummaa gadhisee, biyya alaa bahuu isaatiin galmeen tokko kan cufame yoo ta’u, galmeen kan biraan immoo ragooleen dhiyaachuu dhabuun galmeen sun cufamuu danda’u hubachisaniiru. Galmeewwan sagal irratti immoo qaamolee malaanmaltummaa hojjetan  adabsisuun danda’amu dubbataniiru.

Kana keessaa birrii miliyoona 1.8 bajata mootummaa irraa fudhatame ture deebisisuun danda’amuufi himatamaanis,  adabbiin seeraa waggaa sadiif birrii 5000  itti murtaa’e mana sirreessaa akka jiru mirkaneessaniiru. Adabbiin kun kan salphateefis maallaqicha guutummaan guutuutti  waan deebiseef ta’uu ibsaniiru.  Qaamoleen hafanis balleessanii waan argamaniif hidhaan adabamuu himaniiru. Namootni sadii immoo seeratti dhihaatanii bilisa jedhamuun galmeen isaanii cufamuu eeraniiru. Galmeewwan 13 hafan immoo adeemsa irra jiraachuu abbaan adeemsa farra malaanmaltummaa bulchiinsa sablammichaa ibsaniiru.

Walumaa galaatti malaanmaltummaa ittisuu keessatti rakkoo guddaan hawaasa bira jiru saaxilu sodaachuu ta’uu himanii, kanneen eeruu kennanis yeroo ragaan barbaadamu dhiyaachuu dhabuun rakkoo guddaa ta’uu ibsaniiru. Qaamolee eeruufi ragaa ta’aniifis iccitiin isaanii akka eegamuufi akka nageenyi isaanii eegamu taasifamaa jiraachuu kan himan obbo Huseen, kanaanis hawaasni shakkiifi sodaa qabu dhiisuun qaamolee malaanmaltumnaafi hojmaata badaa raawwatan saaxiluun gahee isaarraa eegamu bahachuu akka qabu hubachisaniiru.

Bakka rakkooleen nageenyaa jiruttis, malaanmaltummaa ittisuuf hojii hubannoo  uumuu gama bakka bu’aa hawaasaatiin kennuu, bilbilaan hordofuu, haala ittiin hojjetan qajeelfama kennuu, gorsuufi pooliisiin deeggarsa akka kennu taasisuun hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Malaanmaltummaan safuu hawaasaa kan cabsuu waan ta’ef dhaloota gocha kana balaaleffatu uumuuf hojii guddaan hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru. Hojii ittisa malaanmaltummaa hojjetamaa jiru kanaan qaamoleen callisaa bulchinsa sablammichaa, waajjiraaleen lafaa,  dhaabbileen faayinaansiifi dhaabbileen haqaa hirmaannaa olaanaa taasisuu himaniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo