Tajaajila Hospitaala Waliigalaa Kamisee

Hospitaalli Waliigalaa Kamisee tajaajilamtoota miiliyoona 1 tuqaa 5 oliif tajaajila fayyaa kennaa jira. Hospitaalichi aanolee ollaa baay’eef tajaajila waan kennuuf lakkoofsa tajaajilamtootaa yeroodhaa yerootti dabalaa dhufeen kenninsa tajaajilaa irratti hanqinaaleen garaagaraa mudachaa akka jirutu himama. Dhiheessa qorichaa, meeshaalee wallaansaa, hanqina ogeessota fayyaa, ambulaansii, kutaawwan wallaansaa dabalachuun rakkooleen gurguddoo kenninsa tajaajilaa hospitaalichaa danqaa kan turaniifi jiran ta’uusaaniin komiin tajaajilamtootarraa ni ka’a. Hospitaalli tokko tajaajila fooyyee qabu kan kennu ulaagaalee hospitaala tokkoof barbaachisan yoo qabaate ta’uu hubatamuu qaba. Jiraataan magaalaa Kamiseefi tajaajilamaan hospitaalichaa dubbisne obbo Mahaammad Ahimad, hospitaalichi sababa baay’inni tajaajilamtootaafi dandeettiin keessummeessuu hospitaalichaa waan wal hingitneef kenninsa tajaajilaa irratti rakkoo akka qabu himaniiru.

Kanas kan taajjaban yeroo tajaajila fayyaa argachuuf garasitti deemanittidha. Akkasaan jedhanitti, meeshaalee yaala fayyaan walqabatee hanqinni jiraachuurraan hospitaalichi yeroo baay’ee gara hospitaalota birootti dhukkubsattoota kan dabarsaa turedha. Jiraataan kun Dhimmi fayyaa dhimma lubbuun jiraachuufi dhiisuu ta’uu hubatee qaamni dhimmi ilaalu rakkicha hiikuuf tumsa barbaachisu taasisuu akka qabu gaafataniiru. Hoj-gaggeessaan Hospitaala Waliigalaa Kamisee obbo Kaalid Musxaafaa, tajaajila si’ataafi dhaqqabamaa hawaasa biraan gahuuf, hoj-maatawwan haaraa kenna tajaajila fayyaa hordofanii diriiran hojiirra oolchuun cinaatti rakkoo kanaan dura gama dhiheessii meeshaalee yaalaa fayyaafi kutaalee wallaansaan tureef furmaata waaraa kennuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Hospitaalichi hawaasa bal’aa tajaajiluu irraan kan ka’e sadarkaan isaafi kenniinsi tajaajilasaa kan wal hin gitne ta’uu kan himan obbo Kaalid, tajaajila fayyaa qulqullina qabu, walgitaafi haqarratti hundaa’e kennuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru kaasaniiru. Akkasaan jedhanitti, yeroo ammaa hospitaalichi uummata miiliyoona 1.5 oliif tajaajila kennaa jira. Rakkoolee gurguddoo damee fayyaa keessatti mudatan keessaa hanqina ogeessota fayyaa dabalatee kutaaleen yaalaafi meeshaalee wallaansaa isaan mudachuu addeessaniiru. Rakkoo kana hubatee Biiroon Fayyaa Naannoo Amaaraa deeggarsaan kutaalee yaala fayyaa sadarkaa isaanii eeggatan birrii miiliyoona 5 ol baasuun ijaarsisaa jiraachuu himaniiru. Adeemsi ijaarsa hospitaalichaa addaan citee turuu kan himan hoji-geggeessichi, baajanni dabalataa ijaarsicha ittifufsiisuuf oolu, birriin miiliyoonni afur ramadamee qulqullinaafi saffisaan ijaarsarra jiraachuu dubbataniiru.

Akka obbo Kaalid jedhanitti, ijaarsi gamoo hospitaalichaa yeroo xumuramutti siree ciisichaa wallaanamtootaa 200 keessummeessuu danda’u qabaata. Dabaluun, ji’oota afurii booda ijaarsichi xumuramuun tajaajila barbaachisaa kennuu kan jalqabu ta’uusaas obbo Kaalid hubachiisaniiru. Haalli ijaarsichaa qulqullinaafi ariitiin akka deemuuf hordoffiifi to’annoon itti dhiheenyaan hoggantoota olaanoon taasifamaa akka jiru eeraniiru. Kunis fayyaa haadholiifi daa’immanii eeguun walqabatee haalota walxaxoo duraan turan furuuf shoora olaanaa qabaachuusaa kaasaniiru. Hospitaalichi hanqina meeshaalee wallaansaa gurguddoo waan qabuuf tajaajila wallaansaa guutuu kennaa kan hin turre ta’uu eeranii rakkooleen kanneen jiranis kenninsi tajaajila wallaansaan sadarkaa gaariirra jira jedhaniiru.

Hospitaalichi humna namaafi meeshaalee wallaansaa qabuun dhukkubsattoota wallaanaa jiraachuu kan himan hoj-geggeessichi, kana jechuun tajaajilli wallaansaa hospitaalichi kennaa jiru quubsaadha jechuu akka hintaane hubachiisaniiru. Hospitaalichi erga tajaajila wallaansaa kennuu jalqabee booda meeshaalee wallaansaa garaagaraa gargaarsaafi bittaan adeemsa keessa guuttachaa jiraachuu kaasaniiru. Akkasaan jedhanitti, kenna tajaajila fayyaa fooyya’aafi dhaqqabamaa hawaasaa biraan gahuuf meeshaaleen yaalaa gahaan jiraachuu qabu. Kunis mootummaa qofaan guutamuu waan hindandeenyeef deeggarsiifi tumsi qaamolee biroo barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Obbo Kaalid. walqabsiisanii, ”Mootummaan Naannoo Hararii Hospitaala keenyaaf galteewwaniifi meeshaalee yaalaa fayyaa birrii miiliyoona 6.7 olitti tilmaamamu deeggarsaan gumaacheera” jedhaniiru. Hoji-geggeessichi, meeshaaleen yaalaa deeggarsaan argaman kunneen kenna tajaajila fayyaa hospitaalichaa caalatti kan fooyyessu ta’uu himanii, qaamolee deeggarsa isaaniif taasise galateeffataniiru. Sirna walharkaa fuudhinsa deeggarsichaa irratti ministeerri fayyaa Itoophiyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa akka jedhanitti, waltumsuun dameewwan fayyaa keessatti wantoota galma qabame milkeessan keessaa isa tokkodha. Kunis aadeffamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Hogganaan Biiroo Fayyaa Naannoo Hararii, Yaasin Abdullaahii deeggarsichi kenninsa tajaajila yaalaa hospitaalichaa daran fooyyessuuf akka gargaaru dubbataniiru. Dabalataanis walitti dhufeenya hawaasaa naannolee lamaanii cimsuuf gahee olaanaa qabaachuu himaniiru. Deeggarsi taasifame kun jilli naannoo isaaniin durfamu daawwannaa hojiif garas yeroo deemetti hawaasichaaf waadaa seenee kan ture ta’uusaa yaadatanii, kanas qabatamaan bakkichatti argamuun raawwachuutti gammaduu ibsaniiru. Haaluma walfakkaatuun, dhalattoonni magaalichaafi naannawasaa biyyoota alaa garaagaraa keessa jiraatan rakkoo hospitaalichi qabu furuuf deggersa adda addaa taasisaa turuu hoji-geggeessichi himaniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo