Injifannoo Diinarratti Goonfanne Hiyyummaarrattis Irra Deebi’uu qabna

Abbootiifi hawwan keenya aarsaa guddaa kanfaluun biyya birmadummaan ishee kabajameefi fuullee addunyaarratti beekamtii argatte nu dhaalchisuu danda’aniiru. Yeroo biyyi keenya weeraramtee turtetti abbootiin keenya, Kaabaa hanga Kibbaatti, Bahaa hanga Lixaatti, walitti dhufuun diina isaanii qaanessuu danda’aniiru. Abbootiin keenya diinasaanii ofirraa qolachuuf yeroo birmannaa taasisanitti, dhimma biyyasaaniiti malee gochaalee hawaasa qoqqoodan tokkoolle hojiirra hin oolchine ture. Kana gochuu isaaniitiinis diina isaanii akka injifatan gargaareera.

Waraana Adwaa bara 1888 tti adeemsifameen injifannoo Itoophiyaan gonfatte, Xaaliyaanii addunyaa irratti akka  isheen qaanoftu taasiseera. Xaaliyaaniin irra deddeebiin biyya keenya weeraruuf carraaqqii isheen taasifte abbootiin keenya akkuma barametti, kufaatii Xaaliyaanii sadarkaa idiladdunyaarratti agarsiisuu danda’aniiru.

Abbootiin keenya Xaaliyaanii qofa osoo hin taane weerartoonni adda addaa yeroo dhufan irree tokkummaa isaaniitiin barnoota akka argatan gochuun adabatanii akka taa’an taasisaniiru. Dhaloonni ammaatis, gootummaa abbootii isaa gochaalee adda addaatiin calaqqisu ni danda’a. Inni duraa wal qoodinsa tokko malee gamtaan hojjechuun hiyyummaa barbadessuu qaba. Gama biraatiin immoo, gama hojiilee garaagaraatiin tumsa mootummaan taasisaa jiru deggaruun biyya isaa hojii “siifan jira” jedhu hojjechuutu irraa eegama. Dhaloonni ammaa biyya isaa itti fufsiisuuf kornayaan, amantaan, sanyiifi dhimmoonni adda addaa kan isa gargar qoodan ta’uu hin qabu. Garaagarummaa kanneen akka miidhaginaatti fudhachuun dhimma isa tokko taasisanirratti tokkummaasaa gochaan agarsiisuu qaba.

Dhaloonni ammaa hiyyummaa akka diina guddaatti ilaaluun gootummaasaa hiyyummaarrattis agarsiisuu qaba. Injifannoon hiyyummaarratti galmeeffamuus sadarkaa idiladdunyaatti akka beekamnu nu taasisa. Waan kana ta’eef injifannoon diinarratti gonfanne hiyyummaarrattis irra deebi’uu qabna kan jedhu ibsa ejjannoo keenya har’aati.

Oduu

AMECO Hirkoo