Mana Barumsaa Deggarsa Addaa Waladdii

Meeshaan guddaan diinagdee biyyoota addunyaa gurguddoo baay’ee jijjiire barnootadha. Kunis milkaa’uu kan danda’eef dhaloota barnootaan bu’aa gaarii galmeessu oomishuu danda’uu isaaniitini. Kun akkuma jirutti ta’ee barattoota milkaa’oo oomishuun kan danda’amu garee muraasaan osoo hin taane hirmaannaan waloo yoo jiraatedha. Baroota muraasaan asitti qorumsa seensa barnoota dhaabbilee olaanoo haala addaan kennamuu eegale hordofee qabxii barattoonni galmeessan haalaan gad bu’aa dhufuunsaa waan yaadatamudha. Gahaa ta’uu baatus bakkaa bakkaatti banaan gama kanaan jiru adda ba’ee rakkicha furuuf xiyyeeffannoon irratti hojjetamuu jalqabeera.

Kanaan walqabatee aanaa Dawaa Caffaatti kan argamu, Mana Barumsaa Deggarsa Addaa Waladdii kaasuun ni danda’ama. Manni barumsaa kun dhiheenya barattoota gahumsaafi dandeettii qaban horachuuf kan hundaa’edha. Barattoota dursee gahoomsuun qorumsa seensa barnoota dhaabbilee olaanoo sadarkaa biyyaatti kennamurratti qabxii gaarii akka galmeessaniif ciminaan hojjetaa jira. Barataan mana barumsaa deggarsa addaa Waladdii Asiraar Alii, bara darbe kutaa 11 ffaatti qabxii olaanaa galmeessuun bara kana qorumsa seensaa mana barumsichaa galchuu dandeessisu fudhachuun gara mana barumsaa kanaatti seenuu danda’uu dubbateera. ”Anaaf mana barnootaa kanatti barachuun carraa guddaadha; galteewwan baruufi barsiisuuf barbaachisan achi keessatti waan argamaniif sanatti haalaan dhimma itti bahee qabxii olaanaa galmeessuuf carraaqaan jira” jedheera. Barattoonni waliiin barnoota hordofaa jiran hunduu qaqqaxalee ta’uu kan himu barataa Asiraar, barattoota kanneen waliin yeroo gareen dubbisanitti hubannoo waliif qooduun gosoota barnootaa adda addarraatti dandeettii gabbifachaa jiraachuu kaaseera.

Bakka oolmaafi bultii dabalatee tajaajilli nyaataa achuma keessatti waan mijeeffameef ulaagaan kun guutamuun  qalbii tasgabbii qabuun barnoota qofarratti akka xiyyeeffannuuf nu gargaareera jedheera. Carraa argamee kanatti fayyadamuun qorumsa seensaa barnoota dhaabbilee olaanoo bara kanaaf gamanumaan qophii gahaa taasisaa jiraachuusaa himee, karoora dhuunfaatti baafateen hoogganamee qabxii olaanaa galmeessuuf qayyabachaa akka jiru addeesseera.

Daayirektaarri Mana Barumsaa Deggarsa Addaa Waladdii, obbo Huseen Asaffaa, manni barumsaa deggarsa addaa kan jalqabame bara 2016 ‘tti akka ta’e ibsanii sadarkaa aanaafi bulchinsichaatti rakkoo qulqullina barnootaa furuuf barattoota ciccimoo kutaa 11 ffaatti qabxii olaanaa galmeessisan qormaataan calallee simachuun barsiisuuf murteessinee gara hojiitti seennerra jedhaniiru. Kunis rakkoo cabiinsa barnootaa keessaa karaa ittiin bahuun danda’amu keessaa isa tokko ta’uu dubbataniiru. Akkasaan jedhanitti, bara darbe dorgommiidhaan barattoota kutaa 12 ffaa 44 simatanii barsiisaa turan keessaa gariin qabxii seensa yuunivarsiitii fiduun gara barnoota dhaabbilee olaanootti darbaniiru. Gariin sagantaa fooyya’insaa (Remedial)’n dhaabbilee barnoota olaanoo garaagaraa keessatti barnootasaanii hordofaa akka jiran obbo Huseen himaniiru.

”Cabiinsa barnootaa waldhaanuuf sadarkaa gadiirraa jalqabee hojiin hojjechuu qabnu baay’een jiru” kan jedhan daayirektaarichi, bara dhufurraa eegalanii barnoota deggarsa addaa babal’isuun kutaa 9 ffaa irraa jalqabanii barattoota simatanii barsiisuuf karoora qabaachuu dubbataniiru. Bara kana barattoonni 36 ta’an ulaagaa kaa’ame guutuun  carraa halkaniifi guyyaa  barnootasaanii hordofuu argachuu himaniiru. Manni barnootichaa tajaajila nyaataa, kutaalee bultii barattootaafi galteewwan barnootaa barbaachisoo qabaachuu obbo Huseen eeraniiru.

Akkasaan jedhanitti, wantoonni kunneen jiraachuun barattoonni yaaddoo kamirraayyu bilisa ta’uun barnootaaf qofa xiyyeeffannoo guddaa akka kennaniif haala kan mijeessudha. ”Barsiisonni barattoota kanneen barsiisaa jiran warra dorgomoo ta’anidha; barattoota sadarkaa biyyatti dorgomoo ta’an oomishuuf gahee olaanaa bahachaa jiru” jedhaniiru. Barnoonni dhaloota guddisuu waan ta’eef hirmaannaa hawaasaaf qaamolee hundaa barbaada kan jedhan daayirektarichi, egeree biyyaa jijjiiruu kan danda’an barattoota har’aa waan ta’eef hunduu tumsa barbaachisaa akka taasisu hubachiisaniiru.

Itti gaafatamaan Qajeelcha Barnootaa Bulchiinsa Sablammii Oromoo, obbo indirisi Ahimad ”cabiinsa barnootaa akka biyyaatti mudate furuuf sadarkaa bulchiinsa keenyaatti hojjechaa jirra” jedhaniiru. Akkasaan jedhanitti, rakkoo kana furuuf karoora xiiqii qabatanii hojiitti seenaniiru. Isaan keessaa manneen barnootaa deggarsa addaa babal’isuu akka ta’e ittigaafatamichi himaniiru. Manneen barnootaa kunneen magaalaa kamisee, aanaa Dawaa Caffaafi aanaa Baatee dabalatee bulchiinsa magaalaa Baateetti banamuun barattoota simatanii adeemsa baruufi barsiisuu geggeessuu irratti argamuu addeessaniiru.

Obbo Indiris, manneen barnootaa kun dandeettiifi qabxii barattootaa fooyyessuun cabiinsa sirna barnootaa furuuf shoora olaanaa qabaachuu himaniiru. Gara fuulduraatti manneen barnoota kanneen gara Mana Barumsaa Bultii Addaatti guddisuuf karoora qabna jedhaniiru. Haata’u malee, qabeenya guddaafi yeroo dheeraa waan barbaaduuf tumsa qaama hundaa kan barbaadu ta’uu dubbataniiru. Akkasaan jedhanitti, kanaaf bu’uura kan ta’u manneen barnootaa deggarsa addaa kunneen kutaa sagal irraa adeemsa baruufi barsiisuu akka jaqabaniif pirojaktiin bocamee aanolee hunda bira gaheera. Aanoleen bulchiinsichaa hunduu bara dhufurraa hojiitti kan seenan ta’uusaanii hubachiisaniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo