Seeneffama Dogoggoraa Sirreessuuf Gahee Mariin Biyyaalessaa Qabu

Biyyoonni haala teessuma lafaa isaaniin, qabeenya uumamaa qabaniin,  seenaa darbee qabaniifi tokkummaa sabdaneessaa  isaanii irratti hundaa’uun seenessa waloo mataa isaanii qabu. Ijaarsi biyyoota hundaa seeneffama irratti kan bu’uureffatedha. Biyyi tokko seeneffama waloon ijaaramti. Itoophiyaan seenaa biyyoota, ijaarsa biyyaa waggoottan kumaan lakka’aaman  qaban keessaa ishee tokkodha. Uummatni ishees barottan kunneen keessatti, seenaawwan hedduu bira darbaniiru. Seenaawwan darban kana keessatti, uummatni biyyattii tokkummaafi jaalalaan waliin jiraachaa turaniiru, waliin jiraachaa jirus. Kana malees  dhimmootni uummata biyyattii gargar baasan irraa kan tokko taasisan hedduun akka jiran seenaan ni agarsiisa. Diinota biyya weeraruuf galaana ce’ani dhufanis waliin qolachuun birmadummaa ishee kabachisuun dhaloota ammaaf dabarsaniiru.

Haata’u malee qaamoleen faayidaa dhunfaa barbaadan, seenaawwan uummata biyyattii tokko taasisan, guddisani mul’isuurra, dhimmoota xixiqqoo uummaticha waliirraa fageessan irratti xiyyeeffatanii hojjechuun, sabaafi sablammoota gidduutti garaagarummaan akka bal’ataniifi wal amantaan akka hin jiraane taasisaniiru. Keessattuu  ABUT, aangoo isaa dheeressuuf jecha seeneffama sobaan  tokkummaan uummataa akka hin jiraanneefi waliin jireenya uummattoota Itoophiyaa  rakkoo guddaarraa akka bu’uu hojjechaa tureera. Faayidaa dhunfaa isaa kabachisuufi olaantummaa isaa mirkaneessuuf, tokkummaa biyyatti diiguuf xiyyeeffannoo taasisee hojjechaa tureera. Seeneffama biyyattii keessatti hin uumamne ta’e jedhani uumuun, sabni inni tokko saba isa biraa irratti akka walitti bu’u, sabni tokko cunqursaa, sabni biraan immoo cunqurfamaa akka ta’e fakkeessuun, walitti bu’insi akka uumamuu ajandaa bocuun hojjechaa tureera. Waan uummataaf quuqamu fakkaatee,  siidaa yaadannoo saboota walitti busuu naannoolee garaagaraatti ijaaraa tureera.

Sanyiin jibbinsaafi seenessa sobaa waggoottan 27 oliif facaasaa ture hanga ammaa biyyatti hammeessaa jira. Keessattuu seeneffama sobaa uummata Amaaraarratti hojjetameen uummanni, bakka jiraatu hundatti akka jibbamu, ija shakkiin akka ilaalamu, eenyummaasaatin akka ajjeefamu, qe’eefi qabeenyarraa akka buqqaa’u taasifameera, taasifamaa jiras. Sababa seeneffama sobaatin uummatni Amaaraa  balleessaa hin raawwanneen, gatii guddaa kaffalaa tureera, kaffalaa jiras.

Dhugaan uummatni kun qabu dabee, sabootni biyyatti biroos akka cunqursaatti akka ilaalan  ijaarsi fullee badaan uummata kanarratti hojjetameera. Walumaagalatti seeneffama sobaa barootaaf hojjetame, kanaan gidiraan uummata Amaaraatti hin raawwatmne hin jiru.  Seeneffama sobaa uummattoota biyyattii gargar baasan kana sirreessuuf hojjileen  gama mootummaatiin eegalamanis bu’aa kana jedhamu fiduu hin dandeenye.

Biyyattiin rakkoolee nageenyaafi tasgabbii yeroo garaagaraatti ishee mudatan aaraaraafi duudhaa qabduun hiikaa turtetti. Kanaan alattis komishinii marii biyyaaleessaa hundeessuun rakkoolee akka biyyaatti mudataniifi seenessaawwan biyya diigan sirreessuufis tattaaffii olaanaa taasisa jirti. Komishiniin marii biyyaalessaa kun naannoo Amaaraa dabalatee,  naannoolee 11 fi  bulchiinsota magaalaa lama keessatti hojii ajandaa walitti qabu haala milka’aa ta’een xumureera.

Hojii Ajandaa walitti qabu komishiniicharratti kan hirmaatan keessaa jiraataa bulchiinsa sablammii Oromoo, obbo Abduu Sayid,  seeneffamni sobaa uummata Amaaraa irratti hojjetame, sababeeffachuun, uummatichi iddoo barbaadetti  hojjettee  akka qabeenya hin horanne,  bakka barbaadetti  bilisaan akka hin jiraanne, uummattoota biraatiin akka jibbamu, qe’ee isaarraa akka buqqa’u, qabeenyi isaa jalaa akka barbadaa’u taasifamuu himaniiru. Miidhaa xinsammuu guddaaf akka saaxilamuufillee taasifamuu kaasaniiru. Uummata Amaaraa qofa osoo hin taane, sabaafi sablammootni naannicha keessa jiranis sababa seeneffama dogoggora uummata naannicha  irratti hojjetameen, miidhamaa jiraachuu eeraniiru.

Kanaafuu marii biyyaalessaa kanaan seeneffamni sakkata’amu qaba, dhugaafi sobnillee adda baafamu qaba jechuun himaniiru. Seenessa ijaarsaafi tokkummaa biyyaaf hin fayyadne marii kanaan sirritti sakatta’amuun furmaata argachuu qabus jedhaniiru. Mariin biyyaalessaa seenessa sobaa uummata Amaaraa irratti hojjetamaa ture sirreessuuf faayidaa akka qabu amantaa qaban himaniiru. Seeneffama kana ammaan dura qofa qofaatti odeeffamaa ture, yaada qaama tokko yookiin yaada garee tokkoon haasa’amaa ture, amma garuu, hawaasni biyyattii walitti dhufee waliin mari’ata, dhugaa jiruus qabatamaan ni hubata, kan sobaan haasa’amaa ture, amma dhugaansaa ni baha kanaafis seeneffamni ture ni sirreeffama jedhaniiru. Kan dhugaa ta’e mirkana’aa,  kan soba ta’e adda bahaa waan deemuuf marichi gahee olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Hirmaattuun marichaa isheen biroo adde Hawwaa Mahaammad, seeneffamni sobaa akka naannoottis ta’e akka biyyaatti miidhaa guddaa geessisuu himani, keessattuu saba tokkoof maqaan addaan itti kennamee, sabootni biroo akka jibban, ija walshakkiin akka ilaalan, uummattoota biyyattii biroo waliin tokkummaan akka hin jiranne taasifamaa turu eeraniiru. Seeneffamni sobaa uummattootarratti hojjetamaa turee kun marii biyyaalessaa kanarratti furmaataa dhumaa akka argatu amantaa qaban addee Hawwaan ibsaniiru. Uummatni hunduu gama bakka bu’aa isaatiin  qaamaan wal arge waan mari’atuuf, furmaataa guddaa kan fiduu ta’uu himaniiru. Uummata naannoo Amaaraas gaaffii seeneffamni sobaa nurratti hojjetamera jedhe yeroo adda addaatti kaasaa waan tureef, inni kun akka ajandaatti qabamee lammiin biyyattii hunduu waan irratti mari’atuuf shakkii malee furmaataa ni argata jedhaniiru. Seeneffamni sobaa kun yeroo dhumaaf marii kanaan cufamuu qabas jechuun himaniiru.

Bulchaan olaanaa naannoo Amaaraa Araggaa Kabbada, marii komishinii marii biyyaalessaa waliin taasisaniin,  sababa seeneffamoota sobaan uummata Amaaraa irratti gidiraan hedduu raawwatamaa turu himaniiru. Mariin biyyaalessaa seeneffamoota dogoggoraa kanaan dura uumaman sirreessuufi rakkoolee ijaarsa biyyaaf gufuu ta’an hiikuuf barbaachisaa ta’u hubachiisaniiru. ‘’Haallootni  tokkummaa uummataarratti balaa fidan uumamaniiru’’ kan jedhan obbo Araggaan, uummatni naannoo Amaaraas, seeneffamootni siyaasaa  dogoggora sirreeffamanii gara ijaarsa biyyaalessaa fooyyaa’atti akka galamu carraa argate hundaatti kaasaa tureera jedhaniiru. Yaadoolee seenessa sobaan uumaman  sirreessuun tokkummaa biyyaalessaaf gumaacha taasisuuf mariin biyyaalessaa gahee olaanaa qabaachuus himaniiru.

Itoophiyaanootni seeneffama addaan qoodan dhiisuun, seeneffama waloo tokkummaa sabdaneessaa irratti bu’uureeffate ijaaruun nageenya cimsuufi itti fayyadamummaa waloo mirkaneessuun  barbaachisaa ta’u hubachisaniiru. Seeneffamni waloo waliin jireenya uummata biyya tokko cimsuunfi  galma biyyoolessaa waloo guddisuu keessatti gahee olaanaa kan qabudha.

Alamuu Balaayiin

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Oduu

AMECO Hirkoo