Warraaqsi Itoophiyaan haa oomishtuu  bu’aa qabatamaa fida jira

Warraaqsa Itoophiyaan haa oomishtuutti waggoottan sadan darbanitti jijjiiramni qabatamaan galmaa’uu ministeerri Indaastirii Malaakuu Alabal dubbataniiru. Ekispoo Itoophiyaan haa oomishtuu 3ffaan gidduu galli konveenshinii haaraan banameera. Sirna baninsa ekispoorratti muummee ministeera Abiy Ahimad dabalatee aanga’oon olaanoo mootummaa federaalaa argamaniiru. Ekispoo Itoophiyaan haa oomishtu kanarratti gogaafi bu’aaleen gogaa, oomishawwan huccuu, nyaataafi bu’aalee hojii mukaa,  keemikaalaafi oomishawwan indaastirii adda addaa dhihaachuu ministeerri Indaastirii Malaakuu Alabal himaniiru.

Sochiin Warraaqsa Itoophiyaan haa oomishtuu, oomishawwan alaa galan oomishaawwan qulqullina qaban kan biyya keessaan bakka buusuuf faayidaa olaanaa qabaachuu eeraniiru. Carraa hojii bal’aa uumuun diinagdee biyyatti guddisuuf hojii eegalame ta’us kaasaniiru. Warraaqsa Itoophiyaan haa oomishtuun, indaastiriiwwan biyya keessa dandeettiin oomishuu isaanii akka cimuu taasisaa akka jiru ibsaniiru.

Oomishawwaan Indaastirii hojii dhaabani turan gara hojiitti akka galaniif hojjetamaa jiraachuus himaniiru. Oomishawwan alaa bakka bu’an, biyya keessaaf dhiheessuun bira darbee, gabaa biyya alaaf dhiheessuuf dameen oomishaa akka dadammaquuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira. Oomishawwan garaagaraa gosaan, qulqullinaafi baay’inaan guddisuun ekispoo irratti dhiheessuun danda’amu ministeerichi kaasaniiru. Kaayyoon ekispoo Itoophiyaan haa oomishtuu, oomishawwan Itoophiyaa beeksisu, carraa gabaa dabalataa bal’isuu, ce’umsa teekinoloojii, carraa muxannoo walii jijjiiruu uumuu, rakkoolee oomishawwan industrii hiikuu, kalaqaa jajjabeessuu, bu’aawwan kalaqaa gabaa akka argatan gochuufi qulqullina oomishawwanii fooyyessuu akka ta’e ibsaniiru. Ekispoo Itoophiyaan haa oomishtu kanarratti, oomishawwan indaastirii 280 ol ni hirmaatu; bittaafi gurgurtaan birri biliyoona afurii ol ni raawwatamaa jedhames eegama.

Alamuu Balaayiin

Oduu

AMECO Hirkoo