Garee Waggoota 40’f Hidhannoon Qabsaa’ee Diigamuuf Murteesse

Paartii Hojjetoota Kurdistaan ​​(PKK) akka lakkofsa Awuroppaa bara 1974 akka dhaabbata Maarkisistii–Leeniiniitti hoggansa Abdullaahii Okalan jalatti kan jalqabedha.  Bara 1978 dhaabbatichi maqaa “Paartii Hojjetoota Kurdistaan” jedhu qabachuun bara 1978 hanga 1980 gidduutti waraanni magaalaa Kurdistaan ​​Turkii keessatti geggeesse. Gareen hidhattoota Paartii Hojjetoota Kurdistaan ​​(PKK) waggoota 40 oliif Turkii waliin waldhabdee dhiigaan guutame geggeessaa tureera. Erga (PKK) bara 1984 fincila isaa jalqabuun kaayyoonsaa mootummaa walaba Kurdootaa uumuuf ture. Waldhabdeen kun namoota kuma 40 ol ajjeesee; miidhaa dinagdee guddaafi waldhabdee hawaasummaa kan hordofsiisedha.

Gareen hidhattoota Paartii Hojjetoota Kurdistaan (PKK) waggoota 40 oliif Turkii waliin waldhabdee dhiigaan faalame geggeessaa tureera. Riphee lolaan PKK kaayyoo ganamaa warra Kurdiif biyya walabaa tokko ijaaruu jedhu qabatee qabsoo eegale. Waldhabdeen kun namoota kuma 40 ol kan ajjeeseefi miidhaa dinagdee guddaafi waldhabdee hawaasummaa kan hordofsiisedha. Kun kanumaan utuu jiruu, tibbana dhaabbanni waggoota 40 oliif hidhannoon mootummaa Turkiirratti qabsaa’aa ture PKK meeshaa lafa hiikachuiun akka diigamu beeksisuun dhagahameera. Waggoota afurtamaaf riphee loltummaan mootummaa Turkii kan mormaa ture gareen kun dhaaba seera qabeessa hin taane jedhamee shororkeessummaan irratti labsamee turuun ni yaadatama.

Murteen diigamuu kun kan beeksifame hogganaan dhaabichaa hidhaa jiran ji’oota sadii dura waamicha gareen kun haa diigamu jedhu erguusaan boodadha. Gareen kun Turkiin qofa osoo hin taane Gamtaa Awurooppaa, UK fi USn dhaaba shororkeessaa jedhamuun labsamee ture. Gosti kun uummata Turkii keessaa dhibbantaa 20 ta’a. Booda ilaalcha fottoquu qabate dhiisee Turki jalatti bulchiinsa walabaa fi mirga guutuu Kurdotaa eegsisuurratti xiyyeefateera. Guraandhala darbe hogganaan dhaabichaa ganna 76 Okolaan dhaabni kun meeshaa lafa kaahee akka diigamu gaafate. Hogganaan dhaabichaa kun erga bara 1999 Kibba Lixa Istaanbul odola galaana Marmara jedhamurratti kophaa hidhamee jira.

Ji’a sadii dura mana hidhaarraa xalayaa barreesseen karaa siyaasaa dimookirasii fiduuf haalli hin jiru. Daandiin bu’uuraa waliigaltee dimookraatwaa gochuudha jedheera. Dhaaba kana diiguudhan wanta hogganaan kuniifi miseensonni dhaabichaa argatan irratti wanti ifatti jedhame jiraachuu baatus, hidhaa bahuu akka danda’u garuu ni tilmaamama. Namootni siyaasaa Kurdi mariin siyaasaa akka gaggeeffamuufi mirga warra Kurdiif hireen akka uumamu abdatu. PKK waggoota dhiyoo asitti waraana Turkiitiin akka malee kan rukutame yoo ta’u, jijjiiramni naannoo isaaniifi dhaabbileen isaan waliin hojjetan Iraaqiifi Sooriyaa keessatti socho’an itti jiranis socho’uu akka hin dandeenye taasiseera.

Pirezidaanti Erdohaan filannoo pirezidaantiiTurkii bara 2028 gaggeeffamu irratti irra deebi’anii dorgomuu yoo fedhan deeggarsa dhaabbilee Kurdoota isaan barbaachisa. Dubbii himaan dhaaba Erdohaan AK yaada dhimma kanarratti kenneen murteen dhaaba kana diiguu biyya ”Turkii shororkaarraa bilisa taate gochuuf” tarkaanfii guddaadha jehcuun Rooyitarsitti himaniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo