Itoophiyaatti Qabsoon hidhannoon deeggarame taasifamu, biyyattiin rakkoo guddaa keessa akka seentu taasiseera. Laammiilee ishee irrattis miidhaa hamaa dhaqqabsiseera. Qaamoleen “gaaffii uummatni keenya barootaaf gaafataa ture ni deebisisna” jedhaniifi kanneen immoo “uummata keenya ni bilisoomsina” jechuun bosona seenan biyyattii keessatti nageenyaafi tasgabbiin akka hin jiraanne gufuu guddaa ta’aniiru, ta’a jirus. Keessattuu rakkoo nageenyaa waggoottan shanan darban akka biyyaatti mudatan jireenyi lammiilee hedduu akka hammaatu taasisaniiru. Kufaatii diinagdee guddaas dhaqqabsisaniiru.
Mootummaan rakkoolee nageenyaa sababa garaagaraan naannoolee adda addaatti mudataa turaniifi mudataa jiran, furuuf tattaaffii olaanaa taasisa tureera, taasisaa jiras. Rakkooleen uumaman mariifi waliigalteen akka hiikaman, qaamoleen sababa garaagaraan mufatan, qabsoo hidhannoo taasisan, hidhannoo isaanii hikkachuun dhiifamaan gara hawaasa isaaniitti karaa nagaan akka makaman mootummaan yeroo adda addaatti waamicha taasisa tureera, ammas qaamoleen hidhatanii socho’an karaan nagaan akka galan waamicha nagaa taasisaa jira. Hidhattootni waamicha mootummaan taasise fudhatanii, gara nagaatti deebi’an leenjii haaromsa kennuufi deebisanii dhaabuun gara hawaasa isaanitti akka makaman, Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa mana maree ministeerootaan lakkoofsa danbii 525/2015 hundeeffamee gara hojiitti galeera.
Kaayyoon komishiniin kun hundeeffameef inni guddaan hidhattoota seeraan alaa hidhannoo hiikachisuun gidduu gala tokkotti akka walitti qabaman gochuun; leenjii haaromsa kennuun; misooma, nageenyaafi ijaarsa deemookiraasii biyyattii keessatti akka hirmaatan taasisuudha. Kanaanis komishinichi, waggoottan muraasa darban keessatti naannoo Tigraay dabalate naannoolee adda addaatti hojiilee hedduu hojjechaa turu ragaan komishiniicharraa argame ni mul’isa. Komishinichi olaantummaadhaan naannoolee walitti bu’insi umameetti hojii isaa akka hojjetuuf kan hundeeffamedha. Komishiniin haaromsa biyyaalessaa naannoolee Tigraay, Affaariifi Oromiyaa keessatti, hidhattoota durii hedduuf leenjii haaromsaa kennuuniifi deebisanii dhaabuun dhaabbata hojii guddaa hojjechaa jiruudha.
Haala walfakkaatuun, komishiniichi naannoo Amaaraatti hidhattoota waamicha mootummaa fudhatanii deebi’aa jiranif leenjii haaromsaa kennuufi deeggarsa deebisanii dhaabuu taasisuun, gara jireenya isaanii idileetti akka deebi’an hojjechaa jira. Dargaggoo Taarikuu Tasfaahuun, miseensa humna addaa naannoo Amaaraa duraanii ture, diigamuu humna addaa naannichaa hordofe, qaamolee hidhatanii naannicha keessa socha’an waliin akka makame dubbateera. Qabsoon hidhannoon deeggarame taasifamu uummata irratti miidhaa dhaqqabsisaa waan jiruuf, dhifamaafi waamicha mootummaan taasise fudhachuun hidhannoosaa hiikachuun gara nagaatti deebi’ee leenjii haaromsaa fudhachuun uummatatti makamuu dubbatera. Qaamolee hidhatanii socho’an biroofis gara karaa nagaatti akka deebi’an waamicha taasiseera. Komishinarri Komishinii Haaromsaa Biyyaalessaa Tamasgeen Xilaahuun, hidhattoota filannoo karaa nagaa fudhatanii deebi’aniif leenjii haaromsaa kennuun gara kutaa hawaasaatti makuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Hidhattoonni naannolee biyyattii garaagaraa keessatti socho’an gara jireenya idilee isaanitti akka deebi’aniif hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Naannoo Amaaraatti Amajjii/2017 irraa eegaluun waamicha uummataafi mootummaa fudhachuun hidhattoota deebi’aniif giddu galoota leenjii keessatti galchanii deggaruun gara hawaasaatti akka makaman taasifamuu ibsaniiru. Naannichatti ammallee walitti bu’insi jiraachuu eeranii, hidhattoota filannoo nagaa horodofaniif leenjii haaromsa kennuun gara hawaasaatti makuuf kutannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. “Komishinichi hanga ammaatti hojii hojjete keessatti deggarsi mootummaa naannichaa olaanaadha” kan jedhan komishinarichi, yeroo itti aanutti nageenya mirkaneessuuf hojii hojjetamuuf mootumaa naannichaa irra darbee dhaabbileefi qooda fudhattoonni tumsuu akka qaban gaafataniiru.
Uummatni naannichaas qaamoleen hidhatanii socho’an gaaffii isaanii karaa nagaan akka dhiyeessan gahee isaaniirraa eegamu bahaachuu akka qaban hubachisaniiru. Qaamolee nagaa filatanii galanifis deeggarsa taasisuun akka barbaachisuu himaniiru. Hidhattoota nageenya filannoo taasisanii gara giddu gala haromsaatti galaniif immoo komishiniichi deeggarsa hunda galeessa taasisuuf qophii ta’u ibsaniiru. Humnootni hidhatan gara nageenyatti deebi’ani humna misooma akka ta’aniif mootummaan naannicha deeggarsasaa cimsee akka itti fufuu kan himan immoo bulchaa olaanaa naannichaa obbo Araggaa Kabbadaadha. Gareen hidhattootaa gara nageenyaatti deebi’anii humna misoomaa akka ta’an qaamoleen deeggartootaa, tumsa akka taasisan obbo Araggaan waamicha taasisaniiru.
Komishiniin haaromsa biyyaalessaa naannoo Amaaraafi sadarkaa biyyattii guutuutti nageenyaafi tasgabbii mirkaneessuuf hojjechaa akka tures bulchaan olaanaa naannichaa yaadachisaniiru. Yeroo walitti bu’insi uumamu qaamolee walfalman qofa osoo hin taane, qabeenyaafi namoomaa irratti miidhaa akka dhaqqabsisuu hubachuun humnootni hidhatanii socho’an gara nagaatti akka dhufan komishiniichi hojjetaa turu dubbataniiru. Hidhattoota gara nageenyatti deebi’aa jiran mootummaan naannichaa, komishinii haroomsa biyyaalessaa waliin ta’uun leenjii haaromsaa kennuun jireenya nagaa akka jiraatan taasifamaa jiraachuu himaniiru.
Yeroo ammaas naannichatti bakkeewwan garaagaraatti humnoota hidhatanii socho’an waliin waliigaltee nageenyarra gahamuu ibsaniiru. Yeroo itti aanutti leenjii haaromsaa fudhachuun gara hawaasaatti akka makaman ni taasifamu jedhaniiru. Humnootni hidhatan gara jireenya isaaniitti deebi’anii humna misoomaa akka ta’an tattaaffii komishinichi taasisaa jiru mootummaan naannichaa deeggarsa taasisuu cimsee akka itti fufu obbo Araggaan ibsaniiru. Dhaabbata mootummota gamtoomaniifi biyyoota deeggaraaf bakka bu’aa kan ta’an Baazil Maasay deeggarsa komishiniichaaf taasifamu itti fufsisuun nageenyaaf akka hojjetan ibsaniiru. komishiniin haaromsa biyyaalessaa naannoo Amaaraatti hidhattoota durii kuma shaniifi 200 olta’anif leenjii haaromsaa kennuun gara hawaasaatti akka makaman taasisera. Komishinichi erga adeemsa eegalerraa kaasee hanga ammaatti naannoolee afuritti hidhattoota durii kum 42 ol hidhannoo hikkachisuun gara hawaasichaatti akka makaman taasiseera.
Alamuu Balaayiin