‘’Sochiin Hojii Qonnaan Bultoota Aanaa Baatee Kanneen Biroof Muuxannoo Kan Ta’udha’’ Ittaanaa Bulchaa Olaanaa Naannoo Amaaraa Abduu Huseen (Dr.)

Ittaanaa Bulchaa Olaanaa Naannoo Amaaraa Abduu Huseen (Dr.)fi hoggantoonnni olaanoo biroon aanaa Baateetti gandoota fuduraafi muduraan misoomsan daawwataniiru. Qonnaan bultuun aanaa Baatee ganda Caqortii aadde Anshaa Indiris, misooma jallisiin maangoo, qullubbiifi timaatima misoomsuun of danda’uu dubbataniiru. Haaluma kanaan, qonnaan bultoonni Abduu Ibraahimiifi Sa’id Mahaammad misooma Mangoo bal’inaan misoomsuun fayyadamoo ta’uusaanii himaniiru. Qonnaan bultoonni biroos isaan irraa muuxannoo fudhachuun misoomsaa jiraachuu dubbataniiru. Qonnaan bultoonni kunneen walitti hidhamiinsi gabaa akka isaaniif uumamuuf gaafataniiru.

Bulchaan olaanaa bulchiinsa Sablammii Oromoo, Ahimad Alii,  bara baajataa kanatti aanaa Baateetti tuteeffamaan maangoo heektara 800 misoomaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiin misoomaa fuduraafi muduraa qonnaan bultoota kanneen naannawichatti akka agarsiistuu milkaa’insa maaddii guutuutti fudhatamuu akka qabu himaniiru. Bu’a qabeessummaa hojichaa bakkeewwan birootti babal’isuuf kan hojjetamu ta’uus hubachiisaniiru. Gaaffilee deggarsa ogeessa qonnaa, bo’oowwan babal’isuu dabalatee bakkeewwan bishaan itti turfamuufi kanneen biroon walqabatanii qonnaan bultoota irraa ka’aniif hiikuuf xoyyeeffannoon kan itti kennamu ta’uusaa dubbataniiru. Fayyadamummaa qonnaan bultootaa daran guddisuuf walitti hidhamiinsi gabaa kan uumamuu ta’uu eeraniiru.

Ittaanaan Bulchaa Olaanaa Naannoo Amaaraa Abduu Huseen (Dr.) aanaa Baateetti walitti aansuun hojiileen misooma eegumsa qabeenya uumamaa hojjetamaniin burqaawwan madduu jalqabaniin qonnaan bultoonni misooma fuduraafi muduraatiin fayyadamoo akka ta’an daawwanneerra jedhaniiru. Dabaluun, ”sochiin hojii qonnaan bultoota Baatee kanneen biroof muuxannoo kan ta’udha” jedhaniiru. Hojii misoomichaan qonnaan bultoota wabii midhaanii hin mirkaneeffatiin turaniif galii isaanii guddisuun akka of danda’an taasifamuu ibsaniiru.

”Kunis galma mootummaan qonnaan bultoonni carraaqqii isaaniin gara misoomaatti seenuun sadarkaa maatiitti gargaaramuu hambisuufi wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf qabate qabatamaa ta’aa jiraachuusaaf agarsiistuudha” jedhaniiru.  Aanaa Baateetti gandoota Caqortiifi Hadhootti hojiin misooma jallisii hojjetamaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu hubachiisaniiru. Gandoonni lamaan haala  nageenyaa gaarii qabaachuun gara  misoomaatti seenuu kan danda’an jiraattonniifi hoggantoonni waltumsanii hojjechuu isaaniin akka ta’e ibsaniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo