Damee fayyaa foyyeessuuf hojjetamaa jira

‘’Tajaajjilli fayyaa ogummaa qofa osoo hin taane,  hojii hafuuraallee kan of keessatti hammatudha’’ jedhan itti aanaan bulchaa olaanaa naannoo Amaaraa Abduu Huseen(Dr) Biiroon fayyaa naannoo Amaaraa “gootummaan damee fayyaa guddina biyyaaf” mata duree jedhuun  waltajjiin ogeessoota fayyaa sadarkaa naannootti gaggeeffameera.  Itti aanaan bulchaa olaanaa naannoo Amaaraa Abduu Huseen(Dr) gotummaan damee hojii bobba’aani jiranitti hawaasaa tajaajiluudha jechuun himaniiru.  Ogeessotni fayyaa waggoottan darban keessatti haala rakkisaa keessa ta’ani arsaa kafaluun,  fayyaa hawaasaa isaanii eegsisuuf hojii guddaa hojjechuu isaani ibsaniiru.

Tajaajjilli fayyaa ogummaa qofa osoo hin taane,  hojii hafuuraallee kan of keessatti hammate ta’u kan kaasan,  itti aanaan bulchaa olaanaa naannoo Amaaraa Abduu Huseen(Dr) kanaanis ogeessootni hawaasa isaaniif tajaajila malu kennuu qabu jedhaniiru. Rakkoo bulchinsa gaarii, bu’uuraalee misoomaafi rakkoolee galtee damee fayyaan mul’atan adda baasuun yeroodhaan akka hiikaman taasisuun akka barbaachisu himaniiru. Rakkoolee ka’an seeraafi sirna hordofuun dhiyeessuun akka barbaachisuu kaasaniiru.

Yeroo itti aanuutti rakkoolee ogeessootaan ka’an adda baasuun, hanga danda’ame furuuf kan hojjetamu ta’u hubachisaniiru. Rakkoo nama dhunfaa hiikuuf osoo hin taane,  rakkoolee gama fayyaan mul’atan hiikuuf yaaduun kan hojjetamuudha jedhaniiru. Ogeessoota rakkoo keessa ta’anii naamusa ogummaaa kabajuun, hawaasa isaanii tajaajilan galateffataniiru.

Itti gaafatamaan biiroo fayyaa naannoo Amaaraa, Abduulkarim Mangistuu, imaammata fayyaa ittisuufi yaalani fayyisuu bu’uura godhachuun hojjetameen bu’aawwan hedduun galmaa’uu dubbataniiru. Hojiilee Damee fayyaa fooyyeessuufi galtee dhiyeessuu dandeessisan, meeshaalee yaalaa gurguddaafi ammayyaa ta’an guuttachuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Humna namaa naamusaafi dorgomaa ta’e uumuufis akka biyyaatti hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

 

 

 

Oduu

AMECO Hirkoo