Dargaggoo Daraaraa Makonnin ijoollummaa isaatti abbaafi haadha isaa du’aan dhabe. Barnoota idilee kutaa saddettaffaatti adda kutuufis dirqame. Waggoota torbaaf daandii gubbaa jiraateera. Dargaggoo Wallagga Lixaa magaalaa Najjootti dhalatee guddate kan mudannoon badaan ijoollummaa isaa milkaa’inarraa isa hin hanqifne. Ol adeemaan daandii gubbaa barootaaf jiraate kun amma sadarkaa idil-addunyaatti sanuu dorgommii biyyi ittiin hin beekamne tapha teenisa minjaalaan maqaa waamsiseera. Amma dargaggoo Daraaraa Makonnin Shaampiyoonaa biyyaalessaa Itoophiyaafi Shaampiyoonaa Baha Afrikaa ta’eera.
Sadarkaa taphattoota teenisa minjaalaaf sadarkaa idil-addunyaatti kennamuun Afrikaa keessaa saddeettaffaa Baha Afrikaa irraa ammoo tokkoffaadha. Daraaraan dorgommii kanaan Itoophiyaan waggoota 28 booda shaampiyoonaa Baha Afrikaa akka taatu taasiseera. Seenaa teenisa minjaalaa Itoophiyaa keessattis taphataa jalqabaa shaampiyoonaa teenisa minjaalaa addunyaarratti hirmaatedha. ”Ijoollummaatti nama si qabu dhabnaan ni miidhamta” kan jedhu Daraaraan milkaa’ina hanga ammaa argateen ‘’kaayyoon koo shaampiyoonaa addunyaa nan ta’a” jechuun yaada kenneera.
Daraaraan teenisa minjaalaa akka itti taphachuu eegale yoo himu obboleessa hangafaa Obsaa Makonniniifi dhalataa Mandii kan ta’e Mikaa’el Abarraa akka gaariitti wayita taphatan isaan jalatti arguu yaadata. Hangafoonni isaa lameen kun wayita aanaalee isaanii bakka bu’anii dorgoman Najjoo, Gimbiifi Mandiitti nama hedduutu itti marsee daawwata ture jedheera. ”Ijoollummaa kootii jalqabee isaan jalatti argeen natti toluu jalqabe. Akka isaanii ta’uun hawwe. Dhumarratti ammoo waaqayyoo jedhee naaf milkaa’eera jedheera.
”Aanaarraa Godina, Godinarraa naannoo, Oromiyaarraa biyya bakka bu’uun jalqabe. ”Dorgommii teenisa miinjaalaa kun bara inni ijoollee ture sana sababa hangafoota isaa lamaaniifi ijoollee naannoo saanii jajjaboo biroon baayyee jaallatamaa akka tures yaadata. Umrii isaa waggaa 12 fi 13 irraa kaasee tapha kana yaaluu akka eegaleefi wayita ganna 17 fi 18 gahu ammoo dorgommiiwwan aanaaleefi Godinaarratti hiree hirmachuu argachuu yaadateera. Dorgommiin jalqabaa kan inni aanaa bakka bu’ee irratti hirmaate Asallaatti akka ta’e himeera.
Akka lakkoofsa Itoophiyaa bara 2006 obboleessi isaa Mikaa’el, Oromiyaa bakka bu’anii dorgommii biyyaalessaaf gara Baahir Daar imalaniiru. Baroota achii booda turan garuu ”anatu irra deddeebiin Oromiyaa bakka bu’ee deemaa ture” jedheera. Ijoollummaatti hangafoota jalatti jalaalli tapha teenisa miinjaalaa isa booji’us biddeena akka ta’uuf maqaa biyyaa kan ittiin dhoofsisu akka ta’us yaadee akka hin beekne himeera. Dargaggoon kun ”Yeroon Najjootti taphadhu miila jalafaa naannesseen deebisa, harka dugda duuba naannesseen deebisa. Yeroo kana namni natti marsee ilaala harka naaf rukuta, konkolaataa dhaabanii fa’a na ilaalu; natti tola ture. Maati keessas namni taphatu jiraachuun hamilee natti horeera” jedheera.
Leenjisaan isaa Obbo Ayyalaa Taaddasaa, milkaa’insi inni argataa dhufee gahee akka qabu himeera. Daraaraan dorgommii irratti hirmaate mara irratti injifachuu akka barbaadu, bakka hedduutti injifannoo argachuu dubbateera. Bara 2009 tti kilaba Baankii Daldalaa Itoophiyaatti makamuu kan himu Daraaraan, kilabichi hanga inni itti makamutti sadarkaa argachaa hin turre bara 2010 irraa kaasee kilaboota keessaa tokkoffaa akka ta’e kaaseera. Bara 2011 irraa kaasees garee biyyaalessaa keessa jiraachuu himeera. Yeroo duraaf biyya bakka bu’ee kan dorgome Morookootti ture. Achirraa muuxannoo argatee debi’e. Bara itti aanu, 2012 Naayijeeriyaatti imale qaxsii jajjabeessaa argate. Sadarkaa kennamuun hanga 16 keessa galuu danda’e. Bara 2013 keessa dorgommi ammoo Afrikaa keessatti sadarkaa bahuun warraa jalqabaa 10 keessaa tokko ta’uu danda’e.
Bara itti aanu Shaampiyoonaa Baha Afrikaa irratti sadarkaa sadaffaan xumure. Bara 2014 dorgommii Baha Afrikaa Addis Ababaatti qophaa’e irratti tapha hunda injifachuun tokkooffaa bahe. ”Kuni akka Itoophiyaatti injifannoo waggaa 28 booda argame. Kuni Itoophiyaaf seenaadha. Waggaa 28 booda waancaa argamsiiseef. ”Itoophiyaan teenisa miinjaalaan shaampiyoonaa addunyaarratti hirmaattee hin beektu” kan jedhu Daraaraan, yeroo duraaf Itoophiyaa bakka bu’ee dorgommi Qaataaritti gaggeefamaa turee torban tokko dura xumurame irratti hirmaateera.
”Dorgommii bara darbe godhame irratti dhuunfaan hirmaadhee sadaffaa baheen seenaa keessatti nama jalqabaa Shaampiyoonaa addunyaarratti Itoophiyaa hirmaachise. ”Miira dorgommii addunyaarratti nama Itoophiyaa jalqabaa ta’uun isaa itti uume yoo himu ”Itoophiyaa bakka bu’uun nama jalqabaa ta’uu kootti baayyee natti tole” jedheera. Daraaraan amma Afrikaa keessaa sadarkaa 8ffaa Baha Afrikaa keessaa ammoo 1ffaarra jira.