Ogeessonni damee qonnaa, qonnaan bultoonni tajaajila adda addaa damee qonnaaf oolu haalaan itti fayyadamuufi erga dhimma itti bahanii booda maqsuu irratti of eeggannoo gochuu akka qaban gorsu. Keemikaala farra ilbisootaa jechuun ilbisoota dhala namaafi beeyladootatti dhukkuboota dabarsan ittisuu, balleessuufi to’achuuf kan gargaru ta’ee midhaanota garagaraa balaawwan ilbisootaan dhaqqaban ittisuuf kan tajaajiludha. Keemikaalota farra ilbisootaa kanneen oomishaafi oomishtummaa guddisuuf qonnaan bultoonni bal’inaan itti fayyadamaa jiru. Gama mootummaan xiyyeeffannoon itti kennamee keemikaalota farra ilbisootaa qulqullina qaban akka oomishamaniif, biyya keessa akka galaniifi haala barbaachisaa ta’een hojii irra akka oolaniif hojjetamaa jira.
Haala qabiinsa keemikaalota qonnaan bultoonni itti fayyadamaniifi itti fayyadamuun booda akkamitti gatuun akka danda’amu irratti of eeggannoo gochuun barbaachisaa ta’uun ni gorfama. Keessumattuu yeroon keessa jirru kun waqtii qonnaa ta’uusaa hordofee fuulduratti qonnaan bultoonni baay’een keemikaalota garagaraa bal’inaan kan itti fayyadaman ta’uun ni beekama.
Biiroo Qonnaa Naannoo Amaaraatti, ogeessi eegumsa biqiltootaa Abbabaa Annaagaawu akka jedhanitti, keemikaalli farra ilbisootaa ilbisoota farra midhaanii ittisuufi balleessuuf qoricha yookin summii itti fayyadamnudha. ”Summichi naannoorra, ilmaa namaarra akkasuma beeyladootaafi ilbisootarra miidhaa geessisuun kan ibasamudha” jedhaniiru.
Haata’u malee, ilbisoota ooyiruu irratti midhaan gombisaa keessatti callaa mancaasan ittisuuf waan fayyaduuf farra ilbisootaa jedhamee kan waamamu ta’uus ibsaniiru. Keemikaalonni kunneen gaafa hojii irra oolan biiffaan duratti yeroo biiffaafi booda of eeggannoowwan taasifamuu qaban jiraachuu dubbataniiru. Ogeessichi, biiffaan duratti keemikaalicha maaliif binna? Kan jedhuuf xiyyeeffannoon kennamuu qaba jedhanii, ilbisni farra midhaanii kan mudatu yoo ta’e ilbisa mudateef keemikaala barbaachisu ogeessa mariisisuun qaama seerawaa ta’erraa bituun itti fayyadamuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Erga bitameen booda namootaafi beeyladootarra miidhaa akka hin geessisne akkasuma faalama naannoo akka hin hordofsiisneef sirnaan qabuun kaa’uu qabna jedhaniiru. Akka isaan jedhanitti, yoo sirnaan qabamuu baate miidhaa namootarra, beeyladootaafi naannoo irratti fiduu waan danda’uuf, namoota itti fayyadamaniin ala kanneen biroon bakka gahuu hin dandeenyetti kuufamuu qaba. Keemikaalli yeroo biifamu uffannaa mataasaa waan qabuuf ogeessota qonnaa wajjin dubbachuun hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uu gorsaniiru. Namni keemikaala biifu uffata uffatu tajaajila kanaaf qofaaf akka oolu qabu eeraniiru. Namni keemikaala biifu tokko maatiitti makamuun duratti qaamasaa haalaan dhiqachuu uffata uffate haala miicuu akka qabu hubachiisaniiru.