Karaan Nagaa Yomiyyuu Filatamaadha

Itoophiyaatti waggoota dhihoo asitti qaamoleen seeraan alaan hidhatanii socho’an lammileerratti miidhaa olaanaa dhaqqabsisaniiru. Lubbuun lammiilee baay’ee darbeera; namoonni baay’een qaamni isaanii hir’uu ta’eera; qabeenyi namoota dhunfaafi mootummaa barbadaa’eera. Iddoon waraanni itti adeemsifamu miidhaa dhaqqabsiisuu danda’u jechoota muraasaan ibsuun rakkisaadha. Waraanni jiruufi jireenya hawaasa tokkoo raasurratti gahee olaanaa qaba. Akka waligalaattis diinagdee biyya tokko laamsheessurratti waraanni gahee olaanaa qaba. Biyyi waraana keessa galtu, fuulleen ishee addunyaarratti qabdus akka badu ni taasisa.

Gama kanaan qaamoleen seeraan alaan hidhatanii socho’an, qabsoo uummataaf ni taasifna jedhanii, maqaa uummataatiin socho’an uummatarratti gidiraa adda addaa dhaqqabsisaa turaniiru. Uummata ugguuru, lammiileen sosocho’anii akka hin hojjenneef daandii cufuu, ajjechaafi gudeeddiin qaamoleen seeraan alaan hidhatanii socho’an kan ittiin ibsamaniidha.

Hata’u malee badii kana hunda raawwatanis karaa nagaan akka gara hawaasaatti makamaniif mootummaan irra daddeebiin waamicha dabarsaa tureera; dabarsaa jiras. Carraa kanatti fayyadamuun   keessumaayyuu miseensonni Shanee, baay’ee ta’an waamicha nageenyaa kana fudhachuun nagaan gara hawaasatti makamaniiru. Inumaayyuu miseensonni kun yeroo ammaa qaama mootummaa waliin ta’uun adeemsa seera kabachisuurratti argamu. Miseensonni kun hawaasa duraan miidhaa turaniin gaabbuu isaaniitiin har’a hojii misoomaatinis beenyaa kanfalaa jiru.

Hundaa olitti gochi duraan keessa turan sirrii akka hin taane hubachuun isaan wallaalummaan ammas bosona keessa jiran akka deebi’aniif gorsi kennaa jiran baay’ee gaariidha. Waan kana ta’ef qaamoleen seeraan alaan hidhatanii ammas socho’aa jiran dogoggora isaaniirraa deebi’anii akka obboloota isaaniitti karaa nagaa filachuun irraa eegama. Qabsoo sababa hin qabneerra karaan nagaa yomiyyuu filatamaadha waan ta’’ef miseensoonni bosona jiran ammas gara qalbii isaaniitti deebi’uun irra jiraata kan jedhu ibsa ejjennoo keenya har’aati.

 

Oduu

AMECO Hirkoo