Naannichi gara haala tasgaba’aatti akka dhufuu taasisuu keessatti gahee hoggansi dubartootaa olaanaa ture jedhan itti gaafatamaan paartii Badhaadhina damee naannoo Amaaraa obbo Yirgaa Sisaay. Leenjiin hoggantootaa dubartoota naannoo Amaaraa rakkoorraa bayyaanachuufi leenji hoggansa yeroo rakkoo jedhuun magaalaa Baahir Daaritti adeemsifameera. Hirmaattootni leenjichaas hoggantoota dubartoota 230 ta’an godinoota Liixa Amaaraa irraa kan walitti babbahanidha.
Itti gaafatamaan paartii Badhaadhina damee naannoo Amaaraa obbo Yirgaa Sisaay, haalli tasgabba’aa naannicha keessa amma jiruu akka dhufuu gaheen hoggansa dubartootaa olaanaa akka ta’e himaniiru. Dubarootni beektoota, abshaalaafi qulqulluu ta’ani hojjechuufi rakkoolee jiran ittisuuf gahee guddaa qabaachuu eeraniiru. Yeroo itti aanutti walitti bu’insaan booda haala naannichi ittiin hogganamu, dhiibbaa dubartootniifi kutaaleen hawaasaa biroo irratti dhaqqabe hir’isuuf hojjechuu keessatti carraa guddaan argameera jedhaniiru.
Hoggantoota dubartootarraa hojiilee hedduun kan eegamu ta’uu kan kaasan obbo Yirgaan, hoggantootni carraa argatanitti fayyadamuun, itti gaafatamummaa irraa eegamu bahachuun, dhaloota itti aanuuf biyya nageenyi ishee eegame dhaalchisuuf hojjechuutu irraa eegama jedhaniiru. Rakkoo naannoo keenya mudaterraa barachuun, yeroo itti aanuutti guddachuufi jijjiiramuuf hirmaannaan hunda galeessa dubartootaa murteessaa ta’uu hubachisaniiru.
Sadarkaa itti aanaa bulchaa olaanaatti qindeessituun damee hawaasummaafi itti gaafatamtuun biiroo barnootaa naannoo Amaaraa Muluneesh Dassee (Dr) yeroo walitti bu’insi uumamu dubartootni caalmaatti miidhamoo ta’uu himanii, qaama furmaataas akka ta’an dubbataniiru. Walitti bu’insaan yeroo dhaabbileen barnootaafi fayyaan miidhaman, irra caalaatti kan rakkoof saaxilaman dubartoota akka ta’an ibsaniiru. Haata’u malee yeroo walitti bu’insi uumamuu dubartoota qaama furmaataa gochuun yoo danda’ame, biyya nagaafi naannawa nagaa uumuuf bakka guddaa qaba jedhaniiru.
Itti gaafatamtuun biiroo dhimma dubartootaa, daa’immaniifi hawaasummaa Naannoo Amaaraa, Birtuukaan Sisaay gama isaaniin, kutaalee hawaasaa biyyattii keessaa walkkaa ol kan ta’an dubartoota yoo ta’an, hirmaannaa siyaasaafi hoggansa keessatti qaban garuu gadii aanaa ta’uu kaasaniiru. Hojiileen Itti fayyadamummaa dubartoota naannichaa mirkaneessuuf hojjetaman akkuma jiranitti ta’ee, rakkooleen hedduu jiraachuus hubachisaniiru.