Qonna ammayyeessuufi gara diinagdee indastiriitti ceesisuuf, qonnaan bulaa deggaruun baay’ee murtessaadha. Hojiin qonnaa kan ammayyaa’u yeroo qonnaan bulaan ammayyoomedha. Qonnaan bulaan gorsa ogeessaa dhagahuufi hojiirra oolchu hojiin isaa ammayyaa’un oomishaafi oomishtummaan isaa dabaluu akka danda’u kan nama shakkisiisuu miti. Yeroo ammaa waqtii gannaa seenuun walqabatee qonnaan bulaan ooyiruu isaa qotee gosoota sanyii garaagaraan uuwwisuun, wabii miidhaan nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii olaanaa taasisaa jira. Akka naannoo Amaaraatti, hanga ammaattis lafa hektaara miliyoona 3.6 ol ta’u qotamuu isaa ragaan biiroo qonnaa naannichaa ibseera. Naannichatti qonnaan bulaan lafa isaa sanyiiwwan garaagaraan uwwisuun oomishaafi oomishtummaa isaa akka guddisuuf sanyii filatamaafi xaa’oo dhaqqabamaa taasisuuf hojjetamaaa jiraachuus biirichi beeksiseera.
Egaa hojiilee qonna ammayyeessan keessaa galtee qonnaa guutuun hojii barbaachisaafi isa ijooti. Qonnaan bulaan galtee qonnaa guutachuuf yeroo isaa osoo hin gubiin mootummaan gatii madaalawaafi haala yeroo isaa eggateen dhihessuun irraa egama. Keessumaayyuu xaa’oofi sanyii filatamoo haala waqtii isaa egeen qonnaan bulaa biraan gahun gahee qaamolee qonnaa sadarkaan jiranidha. Keessumaayyuu xaa’oo qonnaan bulaa biraan gahuun duratti, gosa biyyoo oyiruu adda baasuun barbaachisaadha. Kan biraa immoo qonnaan bulaan xaa’oo bitachuuf jecha baasii hin barbaachifneerraa baraaruun barbaachisaadha. Xaa’oo qonnaan bulaa biraan gahuufis waldaaleen hojii gamtaa shoora olaanaa waan qabaniif waldaaleen kun hanga humni isaanii danda’eetti qonnaan bulaa gargaaru qabu kan jedhu ibsa ejjannoo keenya har’ati.