Iraan Ejensii Annisaa Atoomikii Idil addunyaa waliin hojjechuu dhaabuu ishee  ifoomsite

 

Pirezidaantiin Iraan tumsa Ejensii Annisaa Atoomii Idil-addunyaa waliin taasisan addaan kutuu isaanii mirkaneessu danda’u mallatteessaniiru. Haleellaa Israa’eliifi Ameerikaan ji’a darbe dhaabbilee niwukilaraa Iraan irratti raawwatan hordofuun, Teehraaniifi dhaabbata to’annoo niwukilaraa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii gidduutti waldhabdeen uumame guddachaa dhufuu isaatiin Pirezidaantiin Iraan Masuud Pezeeshkiyaan seera tumsa Ejensii Annisaa Atoomikaa Idil-addunyaa waliin taasifamu dhaabuu mallatteessaniiru. Masuud Pezeeshkiyaan “seera tumsa Ejensii Annisaa Atoomikaa Idil-addunyaa waliin taasifamu dhaabu labseera,” jechuun televizhiniin mootummaa Iraan gabaaseera.

Oduun kun kan dhagahaame paarlaamaan Iraan haleellaa tasaa Israa’el Iraan irratti raawwatteefi boodarra haleellaa Ameerikaan dhaabbilee niwukilaraa Iraan irratti raawwatte kaasuun paarlaamichi Iraan seera tumsa ejansii kana waliin qabdu akka dhaabdu torban tokko boodatti kan ifoomsedha. Akka murtee paarlaamaa kanaatti, inspeektaroonni Ejensii Annisaa Atoomii Idil-addunyaa hayyama Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa Olaanaa Iraan malee iddoowwan niwukilaraa akka daawwatan hin eyyamamu.

Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez, murtoon Iraan “yaaddoo ta’uun isaa ifaadha” jedhaniiru. Dubbi himtuun Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa, Taami Biruus akka jedhanitti, Teehiraan yerootiin dhaabbata to’annoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin guutumaatti tumsuu qabdi. “Irra deebi’uun barbaachisaadha, karaa hoggansa Doonaald Tiraampiin kana irratti tarkaanfii guddaa waan fudhanneef, Iraan meeshaa niwukilaraa qabaachuu hin dandeessu, hin qabdus,” jettetti. Dubbi himaan ministeera dhimma alaa Jarman Maartiin Giisee gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin, “Furmaata dippilomaasiif Iraan ejansii kana waliin hojjechuun murteessaadha” jedhaniiru.Ministirri dhimma alaa Iraan akka jedhanitti hogganaan  Ejensii Annisaa Atoomii Idil-addunyaa Raafaa’eel Giroosii, kana booda biyyattii keessatti simannaa hin qaban. Qondaaltonni murtee waxabajjii 12 boordii Ejensii Annisaa Atoomikii Idil addunyaa Teehran dirqama niwukilaraa ishee hin kabajne jechuun himate irrattis Giroosii qeeqaniiru.

Qondaaltonni Iraan murtoon kun haleellaa Israa’el waxabajjii 13 eegaltee guyyoota 12’f tureef “sababoota” isaa keessaa tokko ta’uu himaniiru. Iraan gaaffii hogganaan Ejensii Annisaa Atoomii Idil-addunyaa Raafaa’eel  Giroosii dhaabbilee niwukilaraa yeroo waraanaa boombii itti darbatame daawwachuuf dhiheessees kuffifteetti. Isiraa’el gabbisa nikularaa Iraan waggoota dheeraaf xiyyeeffannoon ilaalaa turteetti. Kunis, Tehraan gabbisa yuraaniyeemii boombii nikularaa hidhachuu ishee dandeessisu qabdi jechuun nageenyasheef yaaddoo akka qabduufi humnaan dhaabsisuuf itti dhaadachaa turte. Akkuma itti dhaadataa turte Waxabajjii 13 Iraanirratti haleellaa gaggeessiteen, buufataalee nikularaa Iraan haleeluu dabalatee saayintistoota nikularaafi qondaalota waraanaa olaanoo jalaa ajjeessuun ishee ni yaadatama.  Iraanis haleellaa misaa’elaafi dirooniin deebii kennuun lolli guyyaa 12’f isaan gidduutti gaggeeffamee ture. Xumurarra hojii dippilomaasii hojjetameen biyyoonni lachuu dhukaasa dhaabuuf walii galuu danda’aniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

Oduu

AMECO Hirkoo