Waggoota lamatti altokko biyyoota garaagaraatti kan qophaa’u Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 20ffaan A.L.A Fulbaana 13-21 bara 2025 magaalota Jaappaan, Tokiyoofi Osaakaatti adeemsifamuuf haaldureewwan barbaachisoo raawwatamaa jiru. Dorgommii kanarratti atileetonni addunyaa beekamoon kuma 2 ol biyyoota 200 irraa walitti dhufuun ni hirmaatu jedhamee eegama. Tookiyoon shaampiyoonaa kana marsaa lammaffaaf kan keessummeessitu ta’a. Dhiheenya kana magaalattiin tapha olompikii keessummeessuuf osoo qophiitti jirtu sababa weerara koronaavaayrasitiin danqamtee turuun ishee ni yaadatama. Shaampiyoona bara 2025 adeemsifamu kana irratti deggartoonni gara istaadiyeemiitti deebi’anii gahumsa atileetiksii ajaa’ibaa qaamaan argamuun hordofuuf, hawwii yeroo dheeraaf eegamaa ture kan dhugoomsu ta’a.
Tartiiba sagantaa shaampiyoonichaan taateewwan atileetiksii 49 kan of keessaa qabu yoo ta’u, atileetota addunyaa irratti ciccimoo ta’an gosoota akka fiigicha meetira 100, utaalchoo dheeraa kanneen biroo irratti kan agarsiifamudha. Shaampiyoonicharratti atileetota biyyoota miseensota Waldaa Atileetiksii Addunyaarraa hirmaatan keessaaa Itoophiyaanis shaampiyoonicharratti hirmaachuuf sadarkaalee adda addaatiin atileetota hirmaatan filachaa jirti. Koreen Teknikii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Waxabajjii 14 bara 2017 atileetota korniyaawwan lamaaniin dorgommii maaraatooniin hirmaatan ifa taasiseera. Haaluma kanaan dubaraan waggaa lama dura shaampiyoona kan turte Amaanee Bariisoo, Olompikii Tokiyootti lammaffaa bahuun meedaaliyaa meetii kan argatte Tigisti Asaffaa, Suutumee Asaffaafi Yaalamzarfi Yahuwaalaa, gama dhiirootaan shaampiyoonaan olompikii Tokiyoo Taammiraat Tolaa, Darrassaa Galataa, Taaddasaa Taakkalaafi Milkeessaa Mangashaa ta’uun mirkanaa’eera.
Ministirri Aadaafi Ispoortii aadde Shawiit Shaankaa akka jedhanitti, atileetiksii ispoortiin biyyi keenya Itoophiyaan dirree idil-addunyaarratti maqaafi beekamtiin ishee akka ol guddatu waan taasiseef waajjirri isaanii yeroo kamittuu ispoortii deeggaruuf kutannoo olaanaa qaba. Shaampiyoona Atileetiksii Addunyaa Tookiyoo ji’ootni muraasni qofti hafeef qophaa’uuf jecha rakkoon tiraakii atileetiksiidhaaf qormaata ijoo ta’e kun hatattamaan akka furamu gaafataniiru. Mootummaan furmaata isaatiif xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jiraachuufi shaampiyoonichi dafee akka xumuramuuf tattaaffiin akka taasifamu hubachiisaniiru. Dhimma viizaarrattis qaamolee dhimmi ilaallatu waliin akka mari’atamu eeraniiru.
Pirezidaantiin Atileetiksii Itoophiyaa Komaandar Atileet Silashii Sihiin, deggarsa maallaqaa shaampiyoonichaaf gama mootummaarraa barbaachisuufi sanada karooraa dhiheessuu ibsaniiru. Pirezidaantichi itti dabaluudhaan dorgommii atileetiksii irratti qophii tiraakii malee dorgommiiwwan atileetiksii ittiin beekamnurraa bu’aa eeguun rakkisaa ta’uu ibsuun, ”atileetota keenya jajjaboo rakkoo kanarra aanuun bu’aa galmeessisaa jiran galanni ni malaaf” jedhaniiru.
Guddinaa Asaffaatiin