Rakkoolee jijjiirama qilleensaa wajjin walqabatanii mudachaa jiraniif yeroo baay’ee mancaatii bosonaatu sababeeffama. Rakkoo kana qolachuuf akkuma bakkeewwan biroo Bulchiinsa Sablammii Oromoottis bara baraan biqiltuuwwan miliyoonaan lakkaa’aman dhaabamaa turaniiru. Kanaanis uwwisa bosona naannawichaa dabaluu bira darbee faayidaa hunda galeessa argamsiisuu irratti argama. Jiraataan magaalaa Kamisee ganda Raphee, obbo Ahimad Bashir baroota darbanitti, faayidaa hunda galeessa biqiltuuwwan dhaabuu irraa argamu hubatanii dhaabbii biqiltuurratti kaka’umsa isaaniitiin hirmaachuu dubbataniiru. Biqiltuuwwan bosonaatiin alatti bara darbe sadarkaa ganda isaaniitti muduraaleen garaagaraa qofti kuma shan ol sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabamanii turuu yaadatanii, yeroo ammaa hojii kunuunsaa taasifameen sadarkaa gaarii irra jiraachuu himaniiru. ‘’Biqiltuun jireenya ilma namaa irraa waan adda bahu miti” kan jedhan jiraatichi, kanaaf haala barbaadameen dhaabuun kunuunsanii guddisuun dirqama nama hundaa ta’uun akka irra jiraatu hubachiisaniiru. Haala dhaabbii biqiltuun walqabatee hubannoo gama ogeessota qonnaan isaaniif kennameen barana akka dhuunfaa isaaniitti biqiltuuwwan bosonaafi galtee nyaataaf oolan dhaabuuf of qopheessanii jiraachuu addeessaniiru.
Haaluma walfakkaatuunJiraataan aanaa Dawwee Harawaa ganda Burraaqsaa obbo Ahimad Mahaammad, baroota darbanitti dhaabbii biqiltuu irratti haalaan hirmaachuu yaadataniiru. ‘’Biqiltuun ilmoodha; kanaaf sirnaan hordofuun kunuunsanii guddisuun barbaachisaadha” kan jedhan obbo Ahimad, biqiltuuwwan duraan dhaabamanii misooman qilleensa naannoo fooyyessuu bira darbanii maddeen gogan deebisuufi tulluuwwan duraan duwwaa turan magariisa akka uffatan taasisuu eeraniiru. Jiraatichi, bakkeewwan ashaaraa magariisaan haguugaman dargaggootaaf naannawaa horsiisaa kanniisaafi beeyladaa ta’uu danda’uu himaniiru. Gama isaaniin, duula ashaaraa magariisaa baranaarratti hirmaachuuf qophiidhas jedhaniiru.
Dursaan Garee Qabeenya Uumamaa Qajeelcha Qonnaa bulchiinsa Sablammii Oromoo, obbo Mangistuu Birhaanuu, sagantaan ashaaraa magariisaa jalqabuun duratti uwwisni bosona bulchiinsichaa gara dhibbantaa shaniitti gadi bu’ee turuu dubbataniiru. Haata’u malee, ”sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuuwwan dhaabuun erga labsame booda uwwisni isaa dhibbantaa 14 irra gahee jira” jedhaniiru. Akka isaan jedhanitti, biqiltuuwwan sagantaa ashaaraa magariisaatiin baroota adda addaa keessa naannoo isaaniitti dhaabbatan giddugaleessaan dhibbentaan 75 ol qabataniiru. Sagantaa dhaabbii biqiltuu bara kanaaf haala qabatamaa naannoo isaanii giddu galeeffachuun biqiltuuwwan nyaataaf, ijaarsaafi eegumsa naannoof oolan gosoota isaanii adda baasuun ji’aa Fulbaanaa irraa kaasanii adeemsa qophii isaa irratti hojjechaa turuu himaniiru.
Biqiltuu bosonaan cinatti, biqiltuuwwan faayidaa hunda galeessa qaban qonnaan bultoonni man-duuba ofii akka dhaabaniif hojii hubannoo isaaniif kennaa turuu dursaan garichaa yaadataniiru. Dursaan garee kun akka jedhaniitti, qonnaan bultoonni aanaa Baateefi Dawaa Caffaa muduraalee dhaabuun faayidaa guddaa irraa argachaa jiru. ”Naannawichatti bu’aaleen kanaan dura qonnaan bulaan sagantaa ashaaraa magariisaa irraa argachuu irratti argamu, sagantaa ashaaraa magariisaa bara kana geggeeffamuufi kan hegereetiif haala kan mijeessudha” jedhaniiru. Obbo Mangistuun, qonnaan bultoonni biqiltuuwwan kanaan dura dhaabatan irraa galii gaarii argachaa waan jiraniif kaka’umsa mataa isaaniitiin qophiilee sagantaa ashaaraaf barbaachisu irratti hirmaachaa jiraachuu dubbataniiru.
Dursaan garichaa, bakkeewwan biqiltuuwwan irra dhaabaman adda baafamanii jiraachuu eeranii, naannawichi gammoojjii ta’uu isaatiin walqabatee biqiltuuwwan haala qilleensaa naannawichaan walsimatan buufataalee biqiltuuwwanii aanolee bulchiinsichaa hunda keessatti qophaa’anii jiraachuu dubbataniiru. ”Barana sadarkaa qajeelchichatti, uwwisa bosonaa bulchiinsa keenyaa daran guddisuuf sagantaa ashaaraa magariisaan lafa hektaara kuma 6 fi 99 irratti biqiltuuwwan adda addaa miliyoona 20 ol ta’an dhaabuuf karoorsineerra” jedhaniiru. Bulchiinsichatti, dhaabbiin ashaaraa magariisaa bara kanaa kan gaggeeffamu marsaa lamaan kan raawwatamu ta’uu isaati kan dursaan garee kun kan himan. Obbo mangistuun, dhaabbii isaan walqabatee hubannoo bal’aa hawaasaaf waan kennaniif duula dhaabbii isaa irratti namoota kuma 100 ol hirmaachisuuf karoorsuu himaniiru. Biqiltuuwwan dhaabuun jijjiirama qilleensa baramaa madaalsisuuf tooftaa sirrii ta’uu isaa kaasanii, biqiltuuwwan kanneen iddoo isaaniif malu dhaabuu irratti ciminaan hojjenna jedhaniiru.
Akkuma baroota darbaniitti dhaabbiin biqiltuu bara kanaa ogeeyyii kunuunsa naannoofi saayinsii bosonaan kan deggaramu ta’uu hubachiisaniiru. Bulchiinsichatti boolli biqiltuuwwan itti dhaabaman ulaagaa saayinsiin ajajuun qophaa’anii jiraachuu kan himan obbo Mangistuun, kunis biqiltuuwwan dhaabaman daran akka qabataniif murteessaadha jedhaniiru. Obbo Mangistuun, biqiltuuwwan dhaabuun kunuunsuun balaawwan lolaa, gubachuu bosonaafi ho’insa garmalee addunyaa qoraa jiru qolachuuf ni gargaara jedhaniiru. Yeroo hunda biqiltuu dhaabuun dachee magariisa gochuun qilleensa mijataa jiruufi jireenya dhala namaatiif tolu akka uumamu kan taasisu ta’uus eeraniiru. Kanneen kanaan dura dhaabamaniin laggeeniifi haroowwan sababa goginsaatiin goganii turan deebi’anii damdamachaa jiraachuu himaniiru. Dursaan garichaa rakkoo mancaatii bosonaan walqabatee dhufu hojii ashaaraa magariisaan qolachuuf hojii kunuunsa qabeenya uumamaa irratti hundinuu hirmaachuu akka qabu hubachiisaniiru.
Guddinaa Asaffaatiin