Uummata addunyaa kanarra jiraatan keessaa dhibbeentaan 75 dhiibbaa amantaa jala akka jiraniifi amantii waliinis hariiroo sadarkaa olaanaan cimaa ta’e akka qaban qorannoon ni agarsiisa. Haala qabatamaa biyya keenya keessattis ragaaleen garaagaraa akka agarsisanitti, uummata waliigalaa keessaa dhibbeentaan 98 ol amantaa garaagaraa kan hordofan akka ta’e ni agarsiisa. Uummatni Itoophiyaa amantaa isaa kan kabaju, uumaa isaa kan sodaatuufi amantii isaaf kan ajajamu akka ta’e nu bira darbe addunyaan hundi ragaa ni baha.
Uummatni uumaa isaa sodaatu kun hojii guyyuu isaa keessatti, kallattinis ta’e, al kallattiin dhiibbaa barsiifannaa amantaa isa hordofu jala kan jirudha. Waan abbootiin amantaa jedhan kan dhaggeeffatudha. Dhaggeeffatees kan raawwatudha. Kun immoo tokkummaa hawaasummaafi gahee ijaarsa nageenyaaf qabu olaanaadha. Keessattuu, aadaa garaagarummaawwan jiran mariifi waliigalteen furuu keessatti barbaachisummaan abbootii amantaa jechaan kan ibsamuu miti. Kan walloolee araarsuun, kan balleesse gorsuun, kan miidhameef beenyaa kaffaluun, waliin jireenya uummattootaa akka cimu taasisuu keessatti abbootiin amantaa gahee bakka bu’uummaa hin qabne ni taphatu.
Haata’u malee waggoottan muraasa darban keessatti, uummatni amantaafi aadaa rakkoolee uumaman furuuf hedduu qabu kun, dhabamu nageenyaatiin rakkoo keessa galeera. Miidhaan hedduus irra gaheera. Qe’e isaarraa buqqa’eera; qabeenyi isaa barbadaa’eera, qabeenyi isaa jalaa saamameera. Uummanni jireenyis itti qaala’e rakkachaa jira, kan lubbuu qaalii taate dhabees xiqqaa miti.
Rakkoolee seeneffama sobaan, finxaaleessummaafi shira siyaasaa garaagaraan uumaman furmaata waaraa akka argatan, kanarra darbes nageenyaafi tokkummaan biyyaa bu’uura cimaarra dhaabuuf tattaaffi taasifamu keessatti gaheen abbootiin amantaa qaban murteessaadha. Baroottan dura keessatti abbootiin amantaa bu’uura nageenyaafi araaraa turan. Walitti bu’insa sadarkaa biyyaatti uumaman furuuf gumaacha olaanaa taasisaa turaniiru, taasisaa jirus. Kanaafuu abbootiin amantaa, sirna barsiifata amantaa hordoftoota isaaniif, haalaan barsiisuun, kan daandii dogoggorarra deemaa jiran, daandii sirri agarsiisuuniifi gorsuun rakkoo nageenyaa amma mudate keessaa bahuuf gahee isaanirraa barbaadamu bahun irra jiraata jechuun abbootiin amantaa dubbataniiru.
Pireezidaantiin mana maree majiliisoota bulchiinsa sablammii Oromoo Abdulfattaah Haajii “Itoophiyaan biyya uummatni ishee dhibbeentaa 98 ol ta’u hordooftoota amantaa garaagaraa qabaattus, garuu biyyoota amantaa hin qabneefi biyyoota amantaan hin heddummaanne gadiitti rakkoon nageenyaa nu mudateera” jedhaniiru.
Kanaaf immoo sababa guddaa kan ta’e abbootiin amantaafi hordooftootni amantaa haala irraa eegamuun itti gaafatamummaa isaanii bahachuu dhabuu ta’uu eeraniiru. Biyyattiin hordoftoota amantaa garaagaraa hedduu qabaattus akka barbaadameen, seeraan buluu dhabuu, aadaa kabajuu dhabuufi amantii kabajuu dhabuun rakkina ammaa biyyatti keessatti mudateef sababa ta’uu kaasaniiru.
“Nuhi Itoophiyaanootni baay’een keenya maqaadhaan warra amantiidha, amanti jala jirra jenna malee, inni amantii qabu hundi Kiristaanaas ta’u Muslimaa dhugaatti waan amantiin keenya ajajuu yookiin waan amantiin nu barsiisu hojiirra oolchuu irratti rakkoo qabna” jedhaniiru. Afaaniin amanuu irra darbee, gochaan waan hin amanneef rakkoon kun nu mudachuu danda’eera jedhaniiru. Kanaafuu nageenya biyyaa deebisuudhaaf gara amantii keenyatti haa deebinu jechuun hordoftoota amantoota garaagaraaf waamicha taasisaniiru.
Walitti bu’insa kutaalee biyyattii garaagaraatti mudatan miidhaa namoomaafi qabeenyarratti dhaqqabsisan, akka irra hin deebi’amneef, abbootiin amantaa waan irraa eegamuu bahachuu akka qabaniifi hordoftootni amantaawwan garaa garaas waan abbootiin jedhan dhagahu, hubachuu, qorachuu, bakka hin mallee miiraan ofamanii dhaabbachuu dhiisuufi waan abbootiin amantaa jedhan hojiira oolchuun nageenya biyya isaani tikfachuu qabu jedhaniiru. Wal dhaggeeffachuufi waliin marii’achuun rakkoo akka biyyaatti mudate kana tasgabbeessuun akka danda’amu hubachisaniiru. Kanaanis jijjiirama gama hundaan fiduuf of qopheessuun murteessaa ta’uu himaniiru.
Walitti qabaan dhaabbilee amantaafi hojii gaggeessaan kutaa lallaba magaalaa Kamisee Malaaka Gannat Dajan Tasfaaye, nageenyi dhala namaa qofaaf osoo hin taane, lubbuu qabeeyyi lafarra jiran hundaaf bu’uura ta’uu dubbataniiru. “Haata’uu malee waan qabnu seeraan fayyadamuu dhabuufi wal dhagahuu dhabuun, nageenya keenya dhabne jirra” jedhaniru. “Itoophiyaanootni aadaafi amantaa hedduu qabnus, waan abbootiin amantaafi hangafootni keenya jedhan dhagahuu dhabuun, raawwachuufi mari’achuu dhabuun biyyattiin jequumsaafi tasgabbii dhabuu keessa akka galtu taasiseera” jedhaniiru. Kanaafuu dhalootni gorsa hangafoota isaanii dhagahuu, waan amantaan isaanii ajajuu raawwachuunfi hojiirra oolchuun yoo danda’an gara guddummaa duraan turetti deebi’uun akka danda’amu hubachisaniiru. Nageenyaafi tasgabbii biyyaa fiduun akka danda’amus eeraniiru.
Pireezidaantiin waldaa Adveentistii Itoophiyaa Paastar Taaddasa Addunyaa gama isaaniin, “waan barsiifnuufi amannu akka gaggeessitoota abbootii amantaas ta’e, akka hordooftoota amantaa itti jiraachuu dhabuun, rakkoof nu saaxileera” jedhaniiru. Amantiin akka namni wallooluu, wal jibbuufi akka namni wal miidhu barsiisuu tokkolle hin jiru kan jedhan paastarichi, ‘’bifa amantii uffanne amanamummaa yoo dhabne rakkoo guddaa keessa jirra jechuudha’’ jechuun himaniiru. Kanaafuu abbootii amantaarras ta’e hordoftoota amantootarraa kan eegamuu amanamtoota dhugaa ta’uudha jedhaniiru.
Garaagarummaan barsifataa amantoota gidduu jiru akkuma jirutti ta’e, barsiifannaan waa’ee nageenyarratti qaban garuu walfakkaataa waan ta’eef biyyattii keessatti nageenyi waaraan akka dhufu abbootiin waloon marii’achuufi hojjechuu qabu jedhaniiru. Qaamoleen walitti bu’insa keessa jiranis gara karaa nagaa akka dhufaniif abbootiin amantaa osoo hin nuffiin kutannoon hojjechuu akka qabanis hubachisaniiru.
Alamuu Balaayiin