Haala qabatamaa ji’oota muraasa dura ture irraa hubachuun akkuma danda’amu yeroo dhihoo asitti bakkeewwan tokko tokkotti sababoota adda addaan daa’imman baay’een barnoota idilee isaanii irraa fagaatanii barnootaan ala turuu ragaaleen ni mul’isu. Dhaabbanni mootummoota gamtoomanii akka lakkoofsa Awuroppaa bara 2025tti dhimma kana ilaalchisee gabaasni baase akka mul’isutti Itoophiyaatti daa’imman miliyoona sagalitti dhihaatan barnoota adda kutaniiru. Kanumaan walqabatee manneen barnootaa kuma jaha adeemsa baruufi barsiisuu dhaabuu isaanii dhaabbatichi ibseera. Kunis kan mudachuu danda’eef kutaalee biyyattii tokko tokko keessatti sababa boora’uu nageenyaatiin ta’uutu himama.
Bakkeewwan adeemsi baruufi barsiisuu keessatti addaan citee ture keessaa aanaan Jiillee Dhummuugaa isa tokkodha. Aanichatti sababuma dhabamuu nageenyaan barattoonni kuma 16 ol barnoota idilee isaanii irraa ji’oota muraasaaf adda ba’anii turuun ni yaadatama. Haata’umalee, hojii qindoominaa hawaasa bal’aafi caasaa nageenyaan hojjetameen nageenyi waaraa dhufuu hordofee adeemsi baruufi barsiisuu addaan citee ture itti fufuun barri barnootaa 2017 nagaan xumuramee jiraachuu ragaan waajjira barnootaa aanichaa irraa argame ni addeessa. Aanichatti, jiraataan ganda Wasanqurqur, obbo Hasan Mahaammad, sababa rakkoon nageenyaa gandicha keessatti irra deddeebiin mudataa tureef ji’oota baay’eef daa’imman isaanii barnoota irraa adda bahanii turuu yaadataniiru.
Gandichatti, jeequmsi mudatee ture adeemsa baruufi barsiisuu gufachiisuu bira darbee, qabeenyaafi ilma namaa irratti miidhaa kan geessise ta’uu isaa himaniiru. ‘’Nuti kan barbaadaa turre nageenyi waaraa dhufee ijoolleen keenya gara mana barnootaatti haala isaan itti deebi’anidha’’ kan jedhan jiraatichi, gama caasaa nageenyaafi hirmaannaa hawaasaan hojii waloon hojjetameen nageenya waaraa dhufeen daa’imman isaanii duraan barnoota adda kutanii turan, gara mana barnootaatti deebi’uun bara barnootaa 2017 nagaan xumuranii jiraachuu addeessaniiru. Obbo Hasan ”nageenyi waan hundaaf bu’uura waan ta’eef adeemsi baruufi barsiisuu bara dhufuu naga qabeessa akka ta’uuf gahee koo nan bahadha” jedhaniiru.
Haaluma walfakkaatuun, aanichatti jiraataan ganda Waataa, obbo Hasan Umar, uummata aanolee ollaa waliin walitti dhufanii kanaan dura dhabamu nageenyaan miidha hawaasa lamaanin dhaqqaberratti irra deddeebiin marii taasisaa turuu isaanii ibsaniiru. Marichaanis rakkoo nageenyaa hawaasa gam-lamaanii yeroo dheeraaf qoraa ture furuun nageenyi idilee duraanii deebi’uun haala baruufi barsiisuu dabalatee sochiin hawaasni walkeessa taasisu jalqabuu isaati jiraataan kun kan dubbatan.
Itti aanaan itti Gaafatamaa Waajjira Barnootaa aanaa Jiillee Dhummuugaa, obbo Birhaanuu Jabeessaa, aanichi manneen barnootaa sadarkaa 1ffaafi 2ffaa 46 qabaachuu himanii, sababa boora’uu nageenyaan manneen barnootaa baay’ee adeemsa baruufi barsiisuu bara barnootaa 2017 addaan kutanii turuu yaadataniiru. Dabaluun, addatti manneen barnootaa Ja’a hidhattota seeraan alaan qabamuun hidhattonni kunneen akka bakka qubsumaatti itti fayyadamaa turuu isaanii obbo Birhaanuun eeraniiru. ”Haata’u malee walta’insa hawaasafi caasaa nageenyaatiin hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu hojjetameen manneen barnootaa kanneen humnoota kanarraa bilisaa baasuun danda’ameera” jedhaniiru. Akka isaan jedhanitti, aanichatti rakkoon nageenyaa mudachuun durattiis wanti baruufi barsiisuu irratti gufuu ta’aa ture godaansa barattoonni biyya hambaatti taasisaa turaniifi laaffachuu fedhii barnootaati. Kun utuma kanaan jiruu rakkoon nageenyaa itti dabalamuun isaa adeemsa baruufi barsiisuu irratti rakkoo dachaa uumee turuu isaati itti gaafatamichi kan ibsan. Ta’us nageenya waaraa dhufeen sadarkaa aanichaatti barattoonni kuma 16 fi 768 gara barnoota idilee isaaniitti deebi’uun karaa nagaa qabuun adeemsa baruufi barsiisuu bara barnoota 2017 xumuruu isaanii obbo Birhaanuun hubachisaniiru. Akka isaan jedhanitti, barattoota gara barnootaatti deebisuun duratti bifa tasgabbii qabuun barnoota isaanii irratti akka xiyyeeffataniif barattoonni kunneen leenjii xiinsammuun walqabatu fudhataniiru. Naannawichatti boora’uun nageenyaa adeemsa baruufi barsiisuu adda kutuun barsiisotaafi barattoota hojii idileerraa kaasuun sadarkaa bakka garaagaraatti faffaca’anii akka jiraatan irra geessisee turuu yaadataniiru. Kun erga ta’eetiin booda tasgabbaa’uu nageenyaa hordofee hunduu bakkatti deebi’uu obbo Birhaanuun mirkaneessaniiru. ”Nageenyi waan hundaaf bu’uura ta’uu hunduu irratti waliif gala; kana osoo beeknuu ofharkaa baasnaan rakkooleen mudatan baay’eedha. Kanaafuu sababa dhabamuu nageenyaan rakkoon kan duraaniin walfakkaatu irra deebiin akka hin mudanneef hunduu nageenyaaf dursa kennuu qaba” jedhaniiru.
Adeemsa baruufi barsiisuu bara barnootaa 2018 milkeessuufis ammumarraa gahe qabeessota waliin marii taasisaa jiraachuu himaniiru. Barattoota aanichaa yeroon galmeessuun gara barnootaatti deebisuuf karoora xiiqii karoorsuu isaanii dubbataniiru. Dabaluun, aanichatti dhaqqabamiinsa barnootaa guddisuuf hirmaannaa uummataafi deggarsa mootummaan cinatti deggarsa baankii addunyaatiin manneen barnootaa 19 suphamaa jiru kan jedhan obbo Birhaanuun, manneen barnootaa haaraa 10 ammoo gandoota aanichaa garaagaraa keessatti ijaaramaa jiraachuu eeraniiru. Barsiisonni fageenya irraa waan dhufaniif kanaan walqabatee hanqinni barsiisotaa guddaa jiraachuu akka rakkootti kan kaasan itti aanaan itti gaafatamaa kun, rakkoo kana furuuf kollejjiin barsiisoota leenjisee eebbisiisu bulchiinsicha keessatti rakkoo kana furuu akka danda’u akeekaniiru. Barnoonni meeshaa jabaa doofummaa qolatu waan ta’eef gahe qabeessonni hundi barnootaaf dursa kennuun hojjechuu akka qabanis Birhaanuun hubachiisaniiru.
Guddinaa Asaffaatiin