Ministeerri Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa raawwii sagantaa Piroojaktii seeftiineetii misooma magaalotaa kan bara 2017 magaalaa Adaamaatti gamaaggameera. Hojii dhabdummaa naannawa magaalaatti mul’atuufi hiyyummaa xiqqeessuuf gama mootummaatiin tarsiimoofi imaammanni bocamee gara hojiitti galameera. Kana keessatti Piroojaktiin misooma seeftiineetii magaalaa isa tokkodha. Ministir Deetaan Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa, Faantaa Dajan, sagantaan misooma seeftiineetii bara 2009 magaaloota 11 keessatti kan jalqabame yoo ta’u, yeroo ammaa magaloota 88 keessatti dhaqqabamaa taasisuun danda’amuu ibsaniiru.
Magaaloota kanneen keessatti lammiilee miiliyoonaan lakka’aaman fayyadamaa taasisuun danda’amu kaasaniiru. Sagantaan misooma seeftiineetii magaaloota adda addaatti raawwatamaa jiru kun, kutaalee hawaasaa jireenya gadaanaa jiraatan qabeenya horatanii jiruufi jireenya isaanii akka gaggeessaniif haala mijataa uumuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu deetaan Ministirichaa himaniiru.
Sagantichi lammiileen magaalootaatti hojiilee misooma wabii midhaan nyaataa mirkaneessan irratti hirmaachuun, galii mataa isaanii akka qabaatan gochuuf, aadaa hojii dabalataa jijjiiruun, aadaa qusannaa cimsuun, jireenya isaanii fooyyeessuufi fullee magaalootaa ijaaruun gumaacha guddaa taasiseera jedhaniiru. Bara baajataa 2017tti biyyattitti naannoolee filataman hundatti magaaloota 88 keessatti lammiilee kuma 699 dameelee misooma garaagaraan fayyadamaa taasisuun danda’amuu dubbataniiru. Bara baajataa 2018 lammiilee biyyattii caalaatti fayyadamummaa isaanii mirkaneessuuf qaamoleen gahe qabeessoota tumsa taasisuun gahee isaanii akka bahatan obbo Faantaan waamicha dhiheessaniiru.