Tola Ooltummaan Lammii Ofii Utubuudha

Tola ooltummaan , faayidaa osoo hin argatiin kaka’umsa ofiitiin  qaamni kamiyyuu osoo hin dirqisiisin, beekumsa qabaniin  humnaafi maallaqqa qabanin namoota rakkatan  gargaaruudha. Ofirra darbanii isa kaaniif yaaduu, warra dagataman yaadachuu,  warra hirkoo dhabaniif hirkoo ta’uufi kan abdii dhaban immoo abdii itti horuudha.  Tola ooltotni immoo  hojii eebbifama kana  yeroo hojjetan, sanyii, saala, bifaan, amantaa, afaaniifi siyaasaa  bu’uura gochuun osoo hin taane namni nama ta’uu isaatiin qofa ulaagaa taasisuudhaan, walqixa tajaajiludha.

Hojiin tola ooltummaa,  waliin jireenyaafi tokkummaan  biyyaa akka cimu, hariiroon hawaasummaa akka jabaatu, nageenyaafi waliigalteen biyyaa akka uumamu, kaayyoon misoomaas  galma akka gahu, faayidaa qabu irratti hundaa’e aadaa akka ta’uufi  tola ooltootni jaalala biyyaafi uummata isaaniif qaban gochaan akka ibsaniif kan bocame sagantaa biyyaalessaa akka ta’e ni himama.

Sadarkaa idil addunyaatti tola ooltootni lakkoofasaan hedduu ta’an fedhii isaan qaban irratti hundaa’uun dameelee hojii garaagaraa irratti ni hirmaatu. Itoophiyaattis hawaasni hubannoo tajaajila  tola ooltummaa irratti qabu baroottan duraa keessatti gadii aanaa turus,  yeroo ammaa, lakkoofsi namoota tajaajila tola ooltummaa irratti hirmaatan daran dabalaa jiraachuu ragaaleen ni agarsiisu. Kutaaleen hawaasaa hundi  hojii tola ooltummaarratti hirmaatanis, lakkoofsi dargaggoota tajaajila tola kennan garuu olaanaadha. Akka biyyaatti  dargaggootni hedduun  hojii tola ooltummaa garaagaraa irratti hirmaachuun dirqama lammummaa isaanii bahacha turaniiru, bahachaa jirus.

Naannoo Amaaraa bulchiinsa sablammii Oromoo aanaa Jillee Dhummugaatti dargaggootni hojii tola ooltummaarratti  bobba’uun hawaasa isaanii tajaajilaa jiraachuu dubbataniiru. Dargaggoo Abduramaan  Mohaammad, hojii tola ooltummaa gannaatiin namoota harka qalleeyyiifi dadhaboo ta’an gargaaruun dirqama lammummaa isaa bahachaa jiraachuu dubbateera.  ‘’Hojii tola ooltummaarratti bobba’uun namoota dadhaboo gargaaruun cinaatti boqonnaa sammuu namaaf kenna’’ jechuun himeera. Dargaggoonni yeroo isaanii iddoo hin taanetti dabarsanis hojii milkaawaa akkanaa kanarratti akka hirmaatan dhaamsa isaa dabarseera.

Jiraataan aanichaa inni biroo dargaggoo Ahmad Adam, hojii tola ooltummaan namoota rakkatan gargaaruu, kan beela’aan nyaachisuun,  kan dhukkubsatan yaalchisuuniifi kanneen mana dhabaniif mana ijaaruun gahee isaa bahachaa jiraachuu dubbateera.

Jiraattuu aanaa Jillee Dhummugaa aadde Faaxumaa Waleen hojii tola ooltummaa kanarraa fayyadamoo ta’uu dubbataniiru.  Manni isaanii jalaa jigee, yeroo  roobni roobu, bakka dhaqan dhabuun rakkachaa turuu kan himan aadde Faaxumaan, yeroo ammaa garuu manni isaanii tola ooltootaan ijaarame, rakkoon isaaniitiis waan furameef gammachuu isaaniitti dhagahame ibsaniiru.

Aanichatti bara kana tola oltoota kuma 58 ol hirmaachisuun, kutaalee hawaasaa kuma 84 ol fayyadamaa taasisuuf hojjetamaa jiraachuu kan himan immoo  itti gaafatamaa waajjira dargaggoofi Ispoortii aanichaa obbo Umar Ibraahimidha. Kanaanis lammiileen hedduu tajaajila tola ooltummaa kanarraa fayyadamaa jiraachuu himaniiru.

Daraggoonni humna, yeroofi beekumsa isaanii utuu hin qusatin hojii tajaajila tola ooltummaarratti bal’inaan kan hirmaatan yoo ta’e, hawaasa bal’aa fayyadamaa taasisuurra darbanii misooma biyyaa si’eessuu keessattis gumaacha isaan irraa eegamu bahachaa jiraachuu isaanii hubachuu qabu kan jedhan itti gaafatamtichi  keessattu kutaalee hawaasaa harka qal’eeyyii gargaaruu keessatti gahee olaanaa waan qabaniif dargaggoonni bal’inaan akka hirmaataniif waamicha dhiheessaniiru.Tajaajilli tola ooltummaa imimmaan haadhoolii, hedduu, abbootiifi namoota dadhaboo ta’an hedduu kan haqee ta’uus kaasaniiru.

Bulchiinsa sablammii Oromootti bara kana namoota tajaajila tola ooltummaa kennan kuma 200 ol ta’an kutaalee hawaasaa hundarraa hirmaachisuuf hojjetamaa jiraachuu Qajeelcha dargaggoofi Ispoortii bulchiinsa sablammi Oromootti ogeessi hirmaannaa, fayyadamummaafi sosocho’insa dargaggootaa obbo Habtaamuu Lataa  himaniiru. Kutaalee hawaasaa kana keessatti dargaggoota kuma 100fi kuma 35fi 756 hirmaachisuuf karoorfame gara hojiitti galamuu  dubbataniiru.

Kutaalee hawaasaa  tola ooltummaa irratti hirmaachisuuf karoorfame keessaa jalqaba kanarratti tola ooltoota gara kuma 150 ta’an gara hojiitti galuun  hojiilee hedduu hojjechaa jiraachuu himaniiru. Dameelee hojii 17tiin dargaggoota tajaajila tola ooltummaa kennan bobbaasuun hojjetamaa jiraachuu kan himan obbo Habtaamuun, hojiileen kunneenis, bolla biqiltu qopheessuu, manneen haaraa qaama dadhabdootaa gandoota 130 keessatti ijaaruu, akkasumas  gandoota eeraman keessaa suphaa manneen 260 ta’an suuphuu, nageenya naannawa isaanii akka kabachisaniif poolisii naannawaa waliin ta’uun hojjechuu, walitti dhufeenya cimsuuf dargaggootni hawaasa ollaa waliin hariiroo jabeessuu  hojii hubannoo cimsuu akka hojjetan  taasisuu, barnoota gannaa barattootaaf kennuu, meeshaalee barnootaa barattootaaf walitti qabuufi dhiiga arjoomuun  hojiilee ganna kanaa hojjechuuf karoorfamanii hojjechaa jiran ta’uu dubbataniiru.

Kanaanis kutaalee hawaasaa kuma 400 ol ta’an gosoota hojii garaagaraan  fayyadamaa taasisuuf hojjetamaa jiraachuus eeraniiru. Hojii tola ooltummaa kanaanis baasii mootummaan baasuu qabu birrii miiliyoona 1tuqaa  tokko ol ta’u  akka bulchiinsa sablammiichaatti hambisuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Manneen haaraa 46fi manneen  qaama dadhabdoota  31 suuphamus eeraniiru. Maaddii qoodachuu waliin walqabatees midhaan kuntaalaa kuma 1 fi 369 harka qalleeyyiif kennamuu kaasaniiru. Yerooma jalqabbii kana keessatti,  baasii  bulchiinsi sablammichaa  baasuu qabu birrii miiliyoona 96 ol ta’u hambisuun danda’amus ibsaniiru.

‘’Hojiin tola ooltummaa, ganna qofaa miti kan hojjetamu’’ kan jedhan obbo habtaamuun,  hojiin kun waqtii boonaas haala itti fufinsa qabuun hojjetamaa turuu himaniiru. Manneen qaama dadhabootaa ijaaruu, oomishaalee gahaan yeroon sassaabuu, qotuufi  maaddii qooddachuun hojiilee tola ooltummaa boonaan akka bulchiinsa sablammichaatti hojjetamaa kan  turan ta’uu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Kanaanis hojiin tola ooltummaa  akka bulchiinsa sablammii Oromootti haala itti fufinsa qabuun boonaafi gannaa hojjetamaa jiraachuu mirkaneessaniiru.

Hojii gaarummaa qabu hojjechuun yeroofi bakkaan kan daangeeffame miti jechuun hubachisaniiru. Tola ooluufi gaarummaa hojjechuun  qalbii nama gammachiisu bira dabree biyya jaalalaan tokkoomte uumuu keessattis qooda olaanaa waan qabuuf ummata yeroo tokko tajaajillee kan dhaabnu osoo hin taane itti fufiinsaan tajaajiluudhaaf qophii ta’uu barbaachisa  jedhaniiru. Haalli muxannoo tajaajila tola ooltummaarratti jiru yeroo irraa gara yerootti  dabalaa dhufuu kan kaasan obbo Habtaamuun, tajaajilichaan hojiileen baajata mootummaatiin hin hojjetamne hedduun raawwatamaa jiraachuu ibsaniuru. Tajaajilli tola ooltummaa aadaa ta’ee akka itti fufuuf hojiichi hirmaannaafi deeggarsa hawaasa bal’aa gaafata jedhaniiru.

Tola ooltummaan  hawaasaafi hawaasaa walitti fiduun, hariiroon hawaasummaa akka cimu taasisuun, baasii mootummaa qusachuu, hawaasa humnaafi maallaqa hin qabne fayyadamaa taasisuufi  garaagarummaa saboota gidduu jiru hambisuufis faayidaa olaanaa qabaachuu obbo Habtaamuun hubachisaniiru. Namni kamiyyuu lammii isaa hojjetee nyaachuu hin dandeenyeef  deeggarsa taasisuufi hojii tola ooltummaa irratti gahee mataa isaa akka bahatu  obbo Habtaamuun waamicha dhihessaniiru.

Alamuu Balaayiin

 

 

 

Oduu

AMECO Hirkoo