Karoorri Guddinaafi Ceehumsaa Naannicha Gama Hundaan Kan Jijjiirudha

Karoorri Guddina Ceesisaafi misooma waaraa, rakkoolee nageenyaafi walitti bu’insaa itti fufinsaan kan hiikuudha jechuun bulchaan olaanaa naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaan dubbataniiru.  Karoora guddina ceesisaafi misooma waaressuurratti  naannichi hoggantoota olaanoofi hoggantoota gidduugaleessaaf leenjiin Hagayya 18/2017 hanga Hagayya 26/2017 hoggantoota olaanoofi gidduu galeessaaf kennama ture xumurameera.

Sagantaa xumuraa irratti argaamuun  ergaa kan dabarsan  bulchaan olaanaa naannoo Amaaraa Araggaa kabbada, kaayyoon guddaan karoora ceesisaafi misooma itti fufinsa, hiyyummaafi walitti bu’insa naannicha keessatti mul’atu, dhuma akka argatuuf ta’u hubachisaniiru. Karoorichi yeroo gabaabaa, gidduugaleessafi karoora yeroo dheeraan addaan qoodamee kan hojiirra ooluufi wal harkaa  fudhinsa dhalootaan   kan raawwatamuudhaas jedhaniiru.

Hiyyummaafi walitti bu’insi akka itti fufuu eeyyamuun nurraa hin jiraatu kan jedhan bulchaan olaanaa naannichaa, uummata nageenyaan jiraatuufi biyya diinagdeen badhaate uumuun hoggantoota kanarra kan eegamu ta’us dubbataniiru. Hoggantootni rakkoolee nageenyaafi walitti bu’insota furuuf yeroo kamiyyuu caalaa tattaaffachuufi hanga aarsaa kaffaluutti kutannoon hojjechuu qabu jedhaniiru.

Karoora guddina ceesisaafi misoomaa, qophaa’e hojiirra oolchuuf kutannoon hoggantootaa daran murteessaa ta’uufi hirmaannaan uummataas gahee bakka bu’ummaa hin qabne qabaachuu hubachisaniiru. Qaabeenya uumamaa naannichi qabu adda baafachuun sirnaan fayyadamuun, dargaggootaaf carraa hojii uumuufi diinagdee dorgoomaa ta’e maddisisuun hojii boriif dhiifamu akka hin taanes dubbataniiru. “Uummatni keenya hiyyummaa keessaa bahuu qofa osoo hin taane jireenya qannoo jiraachuu barbaada,kunis isaaf mala” jedhaniiru.

 

 

Oduu

AMECO Hirkoo