“Nuti kan Hiine Naayil Osoo Hintaane Abbayyaadha” Ministira Muummee Doktar Abiy Ahmad (Dr)

Gorsaan dhimmoota hawaasummaa ministira muummee Mu’aaze Xibabaat Diyaaqon Daani’eel Kibrat mata duree “Xumura Bara Quucaruu” jedhuun ministira muummee Abiy Ahmad (Dr) waliin Gubaa irratti mari’achuun isaanii ni yaadatama. Mata duree “Xumura Bara Quucaruu” jedhuun Gubaa irratti turtii taasisaniin, hordoffiifi raawwii milkaa’aa pirojektii hidha haaromsaan walqabatee ibsa taasisaniiru. Muummichi ministiraa xumuramuu hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa hordofee ibsa kennaniin ”nuti kan hiine Naayil otoo hin taane Abbayya jechuun dubbataniiru. “Kan nuuf malu hir’isuunis ta’e kanneen biroof kan malu hambisuun haqa dabsuudha; kan nuuf malu karaa qajeelaa ta’een fayyadamnee kanneen biroof kan malu gochuun garuu haqa qabeessummaadha” jedhaniiru.

Abbayyaan maqaan isaa guddaa jechuu yoo ta’u, waan guddaa kan irraa eegamu ta’uu addeessaniiru. Hojii tokko jalqabanii xumuruuf,dursanii ilaaluuf dandeettii barbaada jedhaniiiru. Haala kanaan waggoottan torban darbaniif gara hidha haaromsaa guddichaatti deddeebi’uun hordofaa turuu isaanii kaasaniiru. Hojii kamiifuu hordoffiin murteessaa ta’uu ibsanii, haadholiin dhama’anii ijoollee isaanii akkuma bu’aaf qaqqabsiisan, hojjettoonni dhama’an biyya isaanii bu’aaf qaqqabsiisaniiru, wanti Itoophiyaa keessatti ta’aa jirus kanuma jedhaniiru. Yaa’a Abbayyaatiin hidha hedduu ijaaruun inarjii hedduu oomishuun, biyya keenya bira darbinee naannicha ibsuu dandeenya kan jedhan Ministirri Muummee Doktar Abiy Ahmad, yeroo kana goonu biyyoota yaa’a isaarraa bishaan isaaniif malu osoo hin hambisiini jedhaniiru.

Seenessi baroota baay’ee jijjiiramee, ifa abdii heddummootaa kan baase hidhi haaromsa Itoophiyaa ijaaramee sadarkaa kanarra gahuun isaa cichoominaafi gahumsa uummata Itoophiyaa kan hubachiisudha jedhaniiru. Xumuruun hidhichaa Itoophiyaa keessatti dacha seenaa mirkaneessuun kadhannaafi hawwii koo isa xumuraa ture jechuun ibsaniiru. Dhiibbaawwan siyaasa teessumaan, hanqina maallaqaafi dandeettiin hanga yoonaa osoo hin hidhamin turee weedduuwwaniifi roorroo seenessa xiiqii namatti uumuun marfamee kan ture tahuus yaadataniiru. Lagni Abbayyaa gannaafi bona kan hin gogne, laga dheerticha addunyaa fageenya dheeraa qaxxaamuree deemu tahuu yaadachiisaniiru. Maqaan isaa kan jijjiiramu wayita Kaartuum gahu ta’uu eeraniiru. Kaayyoon hidhichaa inarjii oomishuufi bishaan barbaachisu karaa sirrii ta’een gadi lakkisuu ta’uu ibsaniiru. Hidhi haaromsaa dinqiidha,  akka pirojektoota birootti kan ilaalamu miti.

Daba, badii, harqoota hiyyummaa yeroo dheeraaf ture kan dhaabsisuufi waan haaraa akka arginu kan nu gargaarudhas jedhan muummichi ministeera. Doktar ‎Abiy, hidhi Haaromsaa wal ta’aniifi ida’amanii hojjannaan bu’aa argachuuf danda’an kan mul’isudha jechuun qormaatni keessa bahame nuffisiisaafi ulfaataa ta’uullee  yaadataniiru. Kana boodas yaa’a laga Abbayyaa irratti Hidha dabalataan ijaaruun naannawa baha Afriikaafi guutummaa Afrikaa ibsuu dandeenyas jedhaniiru. Yoo ida’amneefi dhamaanee hojjenne kan yaanne ni milkaa’a, kanaaf ammoo hidhi haaromsaa agarsiiftuudha jechuun eeraniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo