Itoophiyaan biyyoota hulaa galaanaa hin qabee keessaa baay’inaa uummataatiin biyya adda duree taatedha. Ragaaleen garaagaraa akka agarsisanitti waggoottaan 30’n darabanitti baay’ina uummata guddaa qabaatani biyyootni hulaa galaanaa hin qabne keessa kan Itoophiyaa qixxaatu hin jiru. Biyyattin hulaa galaanaa kan hin qabne ta’uun ishee faayidaalee garaagaraa akka dhabdu sababa ta’a tureera. Yeroo ammaas adeemsi haqa qabeessaa hin taanee kun akka dhaabbatu Itoophiyaanootni sagalee dhageessisaa jiru.
Yuunivarsiitii Dabra Birhaanitti barsiisaan saayinsii siyaasaa kan ta’an Tizaazuu Ayyaalew, “hulaan galaanaa nu barbaachisaa yeroo jennu qannoof miti, hulaan galaanaa Itoophiyaanootaaf dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti,” jedhaniiru. Itoophiyaan hulaa galaanaa dhabu isheetiin gatii guddaa kafalaa turu himaniiru. Kun garuu amma dhaabbachuu qaba jedhaniiru.
Dhabamuun hulaa galaanaa nageenya biyyaalessaa, dinagdeefi diploomaasi biyyatti irratti dhiibbaa guddaa geessisaa turu himaniiru. Fedhiin Itoophiyaa buufata doonii liiziin qabachuufi misoomsuu akka hin taane kan dubbatan barsiisaan kun, Itiyoophiyaan hulaa galaanaa abbaantummaan bulchitu ishee barbaachisaa jedhaniiru. Itti dabaluunis mootummaan adeemsa sirna idil-addunyaa qorachuun tattaaffii hulaa galaanaa argachuuf taasifamu milkeessuuf hojjechuu qaba jechuun himaniiru.
Adeemsichaan rakkooleen wal xaxaa jiraachuu danda’u kan jedhan barsiisaan Yuunivarsiitii Dabra Birhan kun, rakkoolee kanneen bilchina hoggansaafi olaantummaa diploomaasiin fixaan baasuuf hojjetamuun akka irra jiraatu kaasaniiru. Hulaan galaanaa nu barbaachisa dhimma jedhu irratti Itoophiyaanootni hundi akka irratti waliigalan kan himan barsiisaa Tizaazuu, dhimma guddaa kanaa milkeessuuf mootummaan adeemsa diploomaasii idilee ta’e cimsee deemu akka qabu ibsaniiru. Adeemsa hulaa galaanaa argachuuf tattaaffii taasifamu irratti wantoota gufuu ta’an dursanii qorachuun, furmaata akka argatan gochuun akka barbaachisuus hubachisaniiru.