Waqtiin kun yeroo midhaan misoomeef kunuunsi bal’inaan itti taasifamudha. Yeroo kamiin olitti dhibaa’ummaa tokko malee oomisha fooyya’aa argachuuf yeroo qonnaan bultoonni irrajireessan ooyiruu qonnaa ofii keessatti itti dabarsanidhas. Kunuunsi midhaaniif taasifamu oomishaafi oomishtummaa qonnaan bulaa dabaluuf qooda olaanaa qaba. Qonnaan bultoonnis ooyiruu isaanii qonna gannaan misoomsan yeroo ammaa kunuunsa isaarratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiru. Akkuma aanolee biroo aanaa Dawaa Caffaatti midhan qonnaa gannaan faca’e kunuunfamaa jiraachuu qonnaan bultoonni aanichaa dubbisne yaada isaanii gaazexaa Hirkoof qoodaniiru.
Aanaa Dawaa Caffaatti jiraataan ganda Shakilaa Mahaammad Huseen, bara qonnaa 2017/18 lafa isaanii hektaara afur qotuun gosoota midhaanii garagaraan uwwisuu dubbataniiru. Akka isaan jedhanitti, galteewwan oomishtummaa guddisan dursanii bitachuun qophii taasisaniiru. Isaan keessaas sanyii filatamaa, xaa’oo nam-tolcheefi galteewwan biroo dursanii ofharka galchachuun itti fayyadamuu isaanii himaniiru. Ooyiruun isaanii aramaa baay’ee akka hin biqilchineef irra deddeebiin erga qotanii booda ooyiruu isaanii irrattis mishingaa, boloqeefi boqolloo facaasuu dubbataniiru. Oomisha gaarii argachuuf bifa dabootiin aramaa marsaa duraa xumuranii kan marsaa lammaffaaf qophiitti jiraachuu eeraniiru. Haaluma kanaan aramaafi ilbisoota irraa oomisha isaanii bilisa taasisaa jiraachuu kaasaniiru.
Qonnaan bulaan ganda Garbii, obbo Adam Mahaammad ”oomisha gaarii argachuuf jalqaba haalaan bulleessinee qotuufi sanyii filatamaa fayyadamuun barbaachisaadha” jedhaniiru. Yeroo sadii ol erga qotanii booda kan facaasan ta’uu himanii, kunis aramaa balleessuuf kan gargaaru ta’uu isaa ibsaniiru. Ooyiruun yeroo dheeraafi humni guddaan itti qisaaseffamee midhaan irratti misoomeef kunuunsi yoo hin taasifamne oomishni abdatamu kan hinjirre ta’uu kaasaniiru. Kana hubannoo keessa galchuun kunuunsa midhaanii irratti carraaqqii guddaa taasisuurratti kan argaman ta’uu himanii, olloota isaanii wajjin bifa daboon walgargaaruun aramaa midhaan irraa bilisa taasisaa jiraachuu eeraniiru.
Erga sanyiin biqilee booda kan shoggaran ta’uu kaasanii, yeroo aramaan adda addaa biqiluuttis harkaan kan keessaa araman ta’uu himaniiru. Qonnaan bulaan kun kanarra darbee kan dhufuuf ammoo qoricha farra aramaa fayyadamna jedhaniiru. Keemikaalli farra aramaa ooyiruu kan gogsu waan ta’ef kana hambisuuf amma danda’ametti harkaan aramuun gaarii ta’uu muuxannoo qaban irraa qoodaniiru. Yeroo ammaa sanyiin isaan facaasan dhaabbii gaarii irra jiraachuu himaniiru. Yeroo isaa eeganii aramuun yaada ogeessota qonnaa fudhachuun midhaan isaaniif kunuunsa barbaachisaa taasisaa akka jiran ibsaniiru.
Waajjira qonnaa aanaa Dawaa Caffaatti ogeessi kunuunsaafi eegumsa midhanii, obbo Gammachuu Raggaasaa akka aanichaatti bara oomishaa 2017/18 tti lafti hektaarri kuma 16 ol gosoota midhaanii garagaraan haguugamuu dubbataniiru. ‘’Akka aanaa keenyaatti bara oomishaa kanatti boqqolloo, mishingaafi xaafiin baay’inaan kan itti faca’edha’’ jedhaniiru. Qonnaan bultoonni ooyiruu qonnaa sanyii midhaaniif qopheessuurraa kaasee erga sanyiin faca’ee booda adeemsa hordofuu qaban irratti hubannoon ogeessota damichaan kennamaa turuu himaniiru. Sanyiin faca’e biqilee guyyoota 30 hanga 40 gidduutti aramaa irraa ittisuun kan hin danda’amne yoo ta’e oomisha dhibbantaa 45 kan hir’isuudha jedhaniiru. Kana hambisuuf qonnaan bultoonni aramaawwan midhaan keessatti biqilan karaa aadawaafi ammayyawaan akka ittisan taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.
Aanichatti yeroo ammaa aramaan marsaan jalqabaa guutummaatti xumuramuun marsaan lammaffaa aramamee dhibbentaa 75 irra gahuu himaniiru. Biqiltuurra irra akka miidhaan hin dhaqqabneef ogeessonni qonnaa hunduu haala barbaachisaa ta’een deggarsa ogummaa qonnaan bultootaaf taasisaa jiru jedhaniiru. Kunis midhaan misoome farreen midhaanirraa bilisa gochuun oomishaafi oomishtummaa guddisuuf shoora qabaachuu tuqaniiru. Qonnaan bultoonni fayyadamummaa damee qonnarraa argatan guddisuuf midhaan misoomsaniif kunuunsa gahaa taasisuu akka qabanis obbo Gammachuun gorsaniiru.
Guddinaa Asaffaaatiin