Akkaataa Waliigaltee Monteeviidiyoo bara 1933tti biyya walabaa ta’uuf ulaagaalee afur guutamuu qabantu jiru. Kanneen keessaa Filisxeem ammaaf ulaagaa lama ni guutti. Uummata biyya walabaa ijaarratu qabaachuufi hariiroo idil-addunyaa tolfachuu ni dandeessi. Weesti Baankiis akkasuma bakka Filisxeemonni keessa jiraatan waan ta’eef ulaagaa uummata lafa murtaa’aa ta’e irra jiraatan qabaachuu ni guutu. Gama biroon ammoo Filisxeem Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dabalatee biyyoota garagaraa keessaa dippilomaatota qabdi. Kana jechuun Filisxeem hawaasa idil-addunyaa waliin hariiroo tolfachuu ni dandeessi jechuudha. Garuu Filisxeem “daangaa murtaa’e” hin qabdu.
Daangaa Filisxeem kana kan jedhu akkasumas Israa’el waliin waliigalteen nagaa waaraan waan hin jirreef, Filisxeem jechuun daangaan ishee kana jedhanii jala muranii himuun rakkisaadha. Filisxeemonni biyya walabaa tolfachuu kan barbaadan: Baha Yeerusaaleem, Weesti Baankiifi Gaazaa bakka tokkottidha. Bakkeewwan kana sadanuu Israa’el Waraana Guyyaa Jahaa Akka Lakkofsa Awuroppaa bara 1967gaggeeffameen to’achuu dandeesseetti. Rakkooleen biyyummaa Filisxeemiif danqaa uuman kunneen osoo jiranii, ulaagaan arfaffaan waliigaltee Monteviidoo Filisxeem akka guuttuuf irraa eegamu mootummaa qabaachudha. Kuni ammoo Filisxeemiif rakkoo guddaadha. Kun akkuma jirutti ta’ee, biyyoonni ardii kanaa irra caalaan isaanii bara 1980moota keessa erga hogganaan Filisxeem Yaasiir Araafaat, Aljeersiitti walabummaa isaanii labsaniin booda Filisxeemiif beekamtii kennaniiru.
Tibbanas biyyoonni afur: UK, Kanaadaa, Awustiraaliyaafi Faransaay Filisxeemif beekamtii biyyummaa akka kennan ifatti beeksisaniiru. Ragaaleen akka mul’isanitti yeroo ammaa lakkoofsi biyyoota Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kennan biyyoota 150 ol ta’aniiru. Haata’u garuu ammayyuu gaaffiin wal-xaxaan hin deebine jiraachuutu himama. Filisxeem keessatti filannoon paarlaamaa bara 2006 asi gaggeeffamee hin beeku. Kana jechuun namni ganna 36 ta’e tokko Weest Baankis ta’ee Gaazaa keessatti sagalee kennee hin beeku jechuudha. “Waggoota kana hunda keessatti filannoo gaggeessuu dhabuun keenya baay’edhuma na dhiba; geggeessaa haaraa barbaanna,” jetti ogeettii seeraa Filisxeem kan taate Diyaanaa Buttuu. Biyyoonni hedduu ammoo Filisxeemiif beekamtii kennaa jiru. “Kuni fayidaa qaba,” jetti Diyaanaa Buttuun. Biyyoonni michuu Israa’el ta’an UK fa’aan ifatti beekamtii biyyummaa Filisxeemiif kennaniiru.
Biyyoonni Awurooppaa hedduun isaanii Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kennuu hordofee, Israa’el bakkeewwan Weesti Baanki of jala galchuuf dhaadachuun biyyummaa Filisxeem jala dhaabbachuuf dhaadatteetti. Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi daawwannaa UKtti taasise irratti, UKn Filisxeemiif beekamtii kennuushee akka mormu ibsee ture. Ministirri Muummee UK, Kiir Istaarmar ”gidiraa Giddugala Bahaatti adeemaa jiruun, nagaafi furmaaanni biyya lamaatti lubbuu horuuf hojjechaa jirra,” jechuun dubbataniiru. Yeroon Filisxeemiif beekkamtii kennan ”dhaqqabeera” jedhaniiru. Adeemsi kuni Hamaas ”badhaasuudha” jechuun Ministirri Muummee Israa’el dubbatanii turuun ni yaadatama.
UK’n biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kennuun Filisxeem battalumatti biyya akka hin taane himuu qondaalli olaanaan UK kun. Beekamtii biyyummaa kennuun adeemsa yaada furmaataa biyya lamaa (two state solution) akka ta’e himuun qaama adeemsa nagaa yeroo waraa UKn barbaadu ta’uu dubbataniiru. UKn biyyoota michuu Israa’el bara kana Filisxeemiif beekamtii kennan keessaa tokko taati. Xumura Fulbaana kanaatti Walgahii Biyyoota Gamtoomanii Niwu Yoorkitti gaggeeffamu irratti UK dabalatee biyyoonni hedduu Filisxeemiif beekamtii ni kennu jedhamee eegama.