Ijaarsi Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa xumuramee ifaan eebbifameera. Kun injifannoo tokkummaa Itoophiyaanotaati. Ijaarsi hidha laga Abbayyaa waggaa kumaatamaan lakkaawamu yaadamaa kan ture dhaloota kanaan dhugoomuu danda’eera. Deggarsa tokkummaafi obbolummaa Itoophiyaanotaan jalqabamee xumuramuu danda’era.
Hidhni kun hidha annisa elektirikaa maddisisuu qofa osoo hin taane Itoophiyaanotaafis ta’ee uummattoota Afrikaa maraaf dandeettii tokkummaa kan mulisedha. Injifannoo Adwaa lammaffaa ta’uus danda’era. Dandeetti waan jalqabame injifannoon xumuruu agarsiseera. Hidhni Haaroomsa guddicha Ardii Afrikaa keessatti guddina isaa kan gitu hin jiru. Laga guddicha addunyaarratti kan ijaaramu danda’edha.
Ijaarsi Hidhichaa shiraafi siyaasa walxaxaa keessa darbee xumurameera. Lammileen Itoophiyaa hedduun rakkoo haala qilleensaa naannichaa dandamachuun ijaarsa hidhichaaf ogummaa isaanin tumsanii jiru. Kanneen biroo qabenya isaanin gargaaru danda’aniiru. Kanneen biroon lubbuu isaanii aarsaa godhaniiru. Walumaagalatti hidhni haaromsi guddicha Itoophiyaa, Itoophiyaanota walitti kan fideefi kan tokkomsedha. Xumuramuu hidha kanaan uummatni Itoophiyaa naannoolee garagaraa gammachuu isaa hiriira deggarsaan ibseera.
Deggarsa yeroo jalqabbiisaa agarsiise xumura isaaniis irra deebiin mirkaneesse jira. Baroottan dhufan hedduuf hidhni haaromsi guddichaa asxaa tokkummaafi obbolummaa Itoophiyaanota ta’un ni tajaajila. Hojiilee gurguddoo fulduratti hojjetamaniif kaka’umsa uumee jira. Hiriira deggarsaa taasifamaa ture irratti lammileen hedduun hojileen fulduratti hojjetamaniif deggarsa waliigalaa taasisuf kan waadaa itti galanidha.
Hunda caalaa Itoophiyaanota hedduu sochosuun miira tokkummaafi obbolummaa uumeera. Qormaatilee nageenyaa akka biyyattii nu muudatan, mariif marabbaan furuun fuldurratti tarkaanfachuuf miirri obbolummaafi tokkummaa hedduu barbaachisaadha. Ijaaramun hidhichaa dagaagina biyyattii saffisisuu keessatti shoora olaanaa qaba. Misooma biyyattii mirkanessuuf nageenya amansisaa fiduun kan hunda caaludha. Nageenyi fulla’aa biyya keenya maraammartoo hiyyummaafi walitti bu’insa keessaa kan nu baasudha. Kunis miira tokkummaafi obbolummaa Itoophiyaanotaan kan dhugoomudha.