Akka naannoo Amaaraatti baroota lamaan darbanitti boora’uu nageenyaa hordofee bakkeewwan garagaraatti adeemsi baruufi barsiisuu addaan citee turuun ni yaadatama. Sababa kanaan barattoonni miiliyoonotaan lakkaa’aman barnoota ala ta’aniiru. Rakkoon kun bara barnootaa 2018 ‘tti akka hin ceeneef hawaasni mana barnootaafi maatiin barattootaa xiyyeeffannoon irratti hojjechaa turaniiru.
Obbo Ahmad Abduu jiraataa aanaa Dawwee Harawaa ganda Kaariphoo ganda Dawweeti. Boora’uu nageenyaa hordofee baroota lamaan darbanitti adeemsi baruufi barsiisuu milkaa’aa ta’uu dhabuu isaa kan yaadatan jiraatichi adeemsi baruufi barsiisuu keessatti qoodni maatii olaanaa waan ta’eef rakkoon baroota darbanii akka irra hin deebi’amneef waqtii gannaa hawaasa mana barnootaa faana dhimma barnootaa bara haaraa irratti waliin mari’achaa turuu kaasaniiru. Mariin dhimmicha irratti taasisaa turan bu’aa buusee yeroo ammaa ijoolleen isaanii bara barnootaa haaraaf galmaa’anii barumsa isaanii eegalanii jiraachuu dubbataniiru.
Ijoollee barnoota baratan shan akka qaban kan himan obbo Ahmad ijoollee isaanii kanneen gara mana barnootaa galchuuf hawwaa turuu himaniiru. Yeroo waqtii gannaatti maatii barattootaa biroofi barsiisota waliin dhimma bara barnootaa haaraa irratti mariin taasisan firii horachuu isaa eeraniiru. Maatiin barataa yoomiyyu taanaan hawaasa mana barnootaa waliin qindoominaan hojjechuu irraa gara booddeetti jechuu akka hinqabne obbo Ahmad hubachiisaniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Barnootaa aanaa Dawwee Harawaa obbo Mahaammad Burqaa, baroota lamaan darbanitti aanichatti haalli barnootaa akka barbaadameen adeemsifamaa turuu dhabuu dubbataniiru. Kanaaf immoo boora’uun nageenyaa mudateefi hanqinni barsiisotaa sababa ijoo ta’uu eraniiru.
Hanqina barsiisotaan banaa uumame guutuuf furmaata fiduu hojjechaa akka jiranis kaasaniiru. Barri barnootaa 2018 milkaa’ina akka qabaatuuf barattoota umuriin isaanii barnootaaf gahe simatanii barsiisuuf karoorfachuun milkaa’ina karoorichaaf ammoo hawaasa manneen barnootaafi maatii barataa waliin hojjechaa turuu dubbataniiru. Akka aanaa isaanitti barattoota kuma 15 ol galmeessuuf karoorfatanii hanga gabaasni kun qindaa’eetti, barattoonni kuma 10 ol galmaa’anii baranoota isaanii idilee jalqabanii jiraachuu obbo Mahaammad mirkaneessaniiru. Karooricha milkeessuuf qooda fudhattoota biroofi hawaasa dadammaqsuun xiyyeeffannoon kan hojjetan ta’uu eeraniiru.
Pirezidaantiin Gamtaa Maatii Barattootaa Naannoo Amaaraa Addunyaa Isheetee, gama isaaniin, barattoonni barnootaa ala akka hin taaneef hunduu waliin dhaabbachuun yeroon ”ni gaha!” jedhan amma ta’uu isaa hubachiisaniiru. ‘’Dhaloota qaromeefi gahoome akkasumas rakkoo furuu danda’u oomishuun kan danda’amu hojiin barnootaa haala kam keessattuu hin gufanne yoo jiraatedha’’ kan jedhan pirezidaantichi, gamtaan maatiifi barsiisotaa manneen barnootaa keessatti hundaa’an barattoonni gara mana barnootaatti akka deebi’aniif hojjechuu akka qaban himaniiru. Kanaan dura ijoolleen isaanii barnoota akka addaan hin kutneef maatiiwwan barattootaa aarsaa kaffalan jiraachuu isaanii kaasanii, gochi kun barattoota bira darbee biyyaaf oolmaa guddaa qabaachuu hubachiisaniiru. ‘’Barattonni barnoota irraa fagaatanii turan gama xiin-sammuun haa deggarru’’ kan jedhan pirezidaantichi, yeroo itti aanutti addaan kutinsa tokko malee akka barataniif waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu addeessaniiru. “Kan darbe nu gaabbisiisuu qaba, balleessaa irra deebi’uu hin qabnu, amma manneen barnootaa banaa ta’aniifi barattoota barnoota idilee isaanii irra jiran qofa arguu barbaanna”jechuun ergaa dabarsaniiru.
Guddinaa Asaffaatiin