Tibba weerara Kooviid-19 kutaalee biyyattii garagaraa keessatti sochii qaamaa taasisuun waan baratame ture. Gareen hojjettoota Yuunivarsiitii Jimmaa kan sodaan Kooviid-19 walitti fide, erga sodaan weerara vaayirasichaa badeeyyu waliin itti fufuu danda’aniiru. Hariiroon isaan gidduu jiru yeroo ammaa fiigicha bira darbee gara hawaasummaa cimaatti guddateera. Gareen ispoortii kun yeroo ammaa gara kilabaatti guddateera. Fiigicha guddicha Itoophiyaa bara 2025 Jimmaatti taasifame irrattis hirmaachuun beekamtii argataniiru. Torban tokkotti gara Kiiloomeetira 30 fiigu; sanaa’ol kan fiigus jira. Ji’atti ammoo altokko mooraa yuunivarsiitii keessaa bahuun tabba bahanii bu’anii, magaalaa naanna’anii naannoo Kiiloomeetira 15 fiigu.
Miseensi garichaa Piroofeesar Birihaanuu “fiigicha kana erga jalqabnee turreerra; caalaatti ammoo yeroo Kooviid rakkina dhufe dandamachuudhaaf jalqabne’’ jedhaniiru. Akka isaan jedhanitti ispoortiin hawaasummaa namaa kan cimsuufi jireenya namaa kan bareechudha. Garichi baay’ee cimaafi sirriitti kan wal hubatu ta’uu kaasaniiru. Waliin taphachaa hawaasummaaf hojii keenyarrattis baay’ee nu gargaareera” jedhu faayidaa fiiguu irraa argatan yeroo ibsan. Akka tasaa ko’oommatanii yoo fiigicha addaan kutan akka isaan jibbisiisu kan kaasan pirofeesarri kun, “akkuma jireenya keenyaatti fudhannee hojjechaa jirra’’ jechuun dubbataniiru. “Gareen kun gara kilabiitti guddateera. Fiigicha guddicha Itoophiyaa [2025] irratti kiiloomeetira kudha shan fiignee hundi keenyayyuu fixneerra. Dhaabbata gargaarsaa wayiis waan biyya fayyadu waan fakkeenya qabu, waan barnoota qabu kennuudhaaf karoora qabna’’ jedhaniiru. Namoonni haaraanis dhufaa jiraachuu himaniiru.
Ispoortiin ilma namaatiif barbaachisaa akka ta’e waan hundaaf akka nu gargaaru, jireenya keenya kan bareechu waan ta’eef karoora kana babal’isuu qabaachuu isaanii ibsu pirofeesarri kun. ”Ispoortiin dullumas ni xiqqeessa; fayidaa bal’aa safaruu hin dandeenye qaba; yeroo baay’ee obboroo sa’aatii kudha tokkotti yeroon fiigicha jalqabnu” kan jedhan Piroofesar Birihaanuun, mooraa yuunivarsiitii keessa qofa osoo hin taane, tabba Jireen gara masara mootii Abbaa Jifaaritti geessu bahuudhaan karaa guddaarra naanna’uun ganama tokkotti gara kiiloomeetira kudha shanii akka fiigan dubbataniiru. Ispoortii hojjechuun fayyaa hunda-galeessaaf barbaachiisaa ta’uu kan himan pirofeesarri kun, “jaarsoliin yoo fiigan nutis ni fiigna jedhanii, dargaggoonni waan kaka’aniif” isaaniifis fakkeenya gaarii akka ta’an ibsaniiru.
Abarraa Gurreen, yuunivarsiitii Jimmaatti pirofeesara barnoota keemistiriiti. Bara 1988 kaasanii dhuunfaadhaan fiigaa akka turan himaniiru. Piroofeeserichi “yeroo Koovid-19 keessa erga garee kana wajjin wal agarree immoo torbanitti guyyaa sadii, altokko tokko guyyaa lama fiigna” jechuun himaniiru. Waan guddaan kutannoofi kaayyoo qabaachuun ispoortii akka jireenyaatti fudhachuudha jechuun gorsaniiru. Hojjettuu giddugala meedikaala yuunivarsiitii Jimmaa, Caaltuu Qalbeessaa, haadha ilmaan afuriiti. Yeroo mucaashee lammaffaa deessee kaate qaamni ishee waan furdateef kophee hidhachuun akka itti ulfaate yaadateetti. Taateen sun fiigicha akka jalqabduuf sababa ta’uun amma dubartoota garee kana wajjin fiigan muraasa keessaa tokko ta’uu kaasteetti. “Mucaa koo ishee lammaffaa dahee yeroon ka’u borciin koo baay’ee guddaa ture, gaafan kophee koon hidha jedhu garaan koo dacha’ee dhukkubbii cimaatu natti dhaga’ama ture” jechuun waan ishee mudate ibsiteetti.
Haata’u malee boodarra abbaan manaa ishee, “ispoortii hojjechuu qabda’ naan jedhe” kan jettu Caaltuun, “guyyaa lammaffaa isaatti calluma jedheen mooraa kana keessa fiige. Achiin natti toluu jalqabe” jechuun mudannoo ittiin fiiguu jalqabde erteetti. Ijoollee keenyaaf jecha fayyaa ta’uun barbaachisaadha kan jettu Caaltuun, sababuma hojiin yoo ko’oommataniifi malee, dubartoonnis darbanii darbanii kan fiigan osoo ta’ee gaarii ta’uu gorsaniiru.