Itti Fayyadama Keemikaala Farra Ilbisootaa

Ilbisoota qolachuuf keemikaalonni farra ilbisootaa hojii irra ni oolfamu. Ta’us keemikaalonni galteewwan oomishaafi oomishtummaa dabalan keessatti hammachiifaman kunneen sirnaan itti fayyadamuu baannaan dhala namaa dabalatee lubbuu qabeeyyiifi naannoo irratti dhiibbaa ni geessisan. Kana bu’uureffachuun ogeessonni qonnaa yeroo ilbisoonni mudatanitti irra caalmaan mala aadaa fayyadamuun gaarii ta’uu qonnaan bultoota jajjabeessu.

Jiraataan aanaa Jiillee Dhummuugaa ganda Yaatuu Booraa Marar, obbo Abdallaa Hasan lafa hektaara tokko ol irratti mishingaa facaasuu himaniiru. Oomisha isaanii irraa callaa gaarii argachuuf bu’uuruma ogeessonni qonnaa gorsaniin oomisha isaanii kunuunsaa jiraachuu addeessaniiru. Yeroo ammaa ilbisni midhaan mancaasu danda’u naannawichatti ‘Boombisaa’ jedhamuun beekamu oomisha isaanii irraa mala aadaafi keemikaalaan ittisaa akka jiran himaniiru. Baay’inaan mala aadaa fayyadamaa jiraachuu kaasanii, sana cinatti keemikaala farra ilbisootaa bilisaan waajjirra qonnaa aanicharraa argataniin ilbisoota kanneen kiyyeessuun mancaasaa jiraachuu dubbataniiru. Keemikaala yeroo fayyadamnutti namaafi lubbuu qabiyyee biroo irratti miidhaan akka hin geenyeef akkaataa ogeessonni ajajaniin of eeggannoon dhimma itti bahaa jirra jedhaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira qonnaa aanaa Jiillee Dhummuugaa, obbo Abduu Mahaammad,  sadarkaa aanichaatti lafti hektaarri kuma 11 ol gosoota midhaanii adda addaan haguugamuu himaniiru.  Itti gaafatamichi ‘’oomishni farreen midhaanii adda addaan akka hin mancoofneef ogeessota ekisteeshinii qonnaafi qonnaan bultootaan eegumsiifi kunuunsi midhaan sakatta’uu mala aadaafi keemikaalaan raawwatamaa jira’’ jedhaniiru. Raammolee midhaan mancaasan kanneen akka Buuqqataa, Bombisaa (Xinziizaa) bifa idilee ta’een bara baraan kan mudatanidha kan jedhani obbo Abduun, bara kanas gandoota aanichaa 12 keessatti mudachuu eeraniiru. Akka isaan jedhanitti, ilbisoonni kunneen oomisha hektaara 800 ol irratti miidhaa salphaa geessisaniiru.

Raammoon buqqataa ‘Istook booreeri’ jedhamu bal’inaan naannoo isaaniitti irra deddeebiin kan mudatu ta’uu himaniiru. Raammoon kun mishingaa keessa waan dhokatuuf keemikaala farra ilbisootaan to’achuuf ulfaataadha jedhaniiru. Ta’us raammoo kana balleessuuf mala aadaan ittifamaa jiraachuu eeraniiru. Baay’inaan mishingaafi boqqolloo irratti mudachuu itti gaafatamichi dubbataniiru. Kana ittisuuf qonnaan bultoonni humna namaa fayyadamuun karaa aadaatiin ilbisoota kanneen oomisha isaanii irraa akka dhabamsiisan ogessota qonnaan deggarsi taasifamuu himaniiru. Malleen aadaa fayyadamuun ilbisoota kiyyeessuun bakka ilbisoonni midhaan mancaasan walitti qabamanitti keemikaalaa fayyadamuun ilbisoota kanneen to’achaa jiraachuu addeessaniiru. Gara midhaanota birootti akka hin babal’anneef ogeessonni qonnaa, qonnaan bultoota waliin ta’uun miidhaan yeroo gara yerootti sakatta’aa akka jiran himaniiru.

Akkasaan jedhanitti, aanichatti ilbisoonni midhaan mancaasan mala aadaatinis ittifamaa jiru. ‘’Ilbisoonni kunneen baay’inaan kan mudatan erga mishingaafi boqqolloon dhuka godhateedha’’  kan jedhan itti gaafatamichi, sadarkaa kana irratti ammoo keemikaala fayyadamuun midhaaniifi fayyaa ilma namaarratti miidhaa waan geessisuuf keemikaala baay’inaan fayyadamaa kan hin jirre ta’uu dubbataniiru. Ta’us yeroo keemikaala biifuun barbaachisaa ta’ee argametti adeemsa biifaa keemikaalaan walqabatee  qonnaan bultootaaf hubannoo erga kennameen booda kan hojii irra oolu ta’uu ibsaniiru.

Biiroo Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Naannoo Amaaraatti,  Daayrektarri Misooma Eegumsa Bineensotaa Ababaawu Abbaaynah  (Dr.) akka jedhanitti, keemikaalota seera ala fayyadamuun dhukkuboota daddarboo hin taane kan hordofsiisanidha. Akka Dooktar Ababaawu jedhanitti, keemikaala farra ilbisootaa seeraan fayyadamuu dhiisuun dhukkuboota kanneen akka kaansarii, maseenummaa, dhukkuba qaamota walhormaataa , saalessa sammuu, ulfi fayyaalessa akka hintaane taasisuufi kkf hordofsiisuu danda’a. Biiroo Qonnaa Naannoo Amaaraatti, ogeessi haala itti fayyadamaafi qabiinsa keemikaalaa obbo Bahaayiluu Taaddasaa, ilbisoonni soorata miidhaan argatu irraa fudhachuun miidhaan akka quucaru taasisu jedhaniiru. ”Jirmaafi baala miidhaaniis xuuxuufi nyaachuun dhiibbaa irraan kan gahu; kanaanis midhaanonni callaa barbaadamu akka hin kennine taasisu” jedhaniiru.

Ogeessichi akka hubachisanitti, qonnaan bultoonni keemikaala farra ilbisootaa akka filannoo xumuraatti fayyadamuu qabu. Keemikaala fayyadamuun dura maloota ittisaa aadaa fayyadamuu qabu jedhaniiru. Ooyiruu irra deddeebiin qotuun killee ilbisoonni buusan gara ifa aduutti baasuun akka isaan wal hin horre waan taasisuuf fala ta’uu kaasaniiru. Hammi tatamsa’ina ilbisootaa olaanaa yoo ta’e filannoon xumuraa keemikaala farra ilbisootaa fayyadamuu ta’uu gorsaniiru. Ogeessichi qonnaan bultoonni ooyiruu oomisha isaanii irra deddeebiin sakatta’uu akka qabanis gorsaniiru. Malli kun ilbisoonni babal’achuun miidhaa olaanaa akka hin geessisne taasisa jedhaniiru.

”Qonnaan bultoonni qoricha farra ilbisootaa bakka arganiirraa bituu hin qaban” kan jedhan ogeessichi,  raabsitoota keemikaala farra ilbisootaa gurguruuf mootummaa irraa heyyama fudhatan irraa bituu akka qaban hubachiisaniiru. Guyyaa qorichi tajaajiluu danda’u hanga yoomiitti akka ta’eefi qabiyyee keemikaalichi qabatu beekuun barbaachisaadha jedhaniiru. Qonnaan bultoonni erga itti fayyadamanii booda meeshaalee keemikaalichi keessa ture ooyiruufi lagatti yoo kan gatan ta’e keemikaalli keessatti hafe bokkaan dhiqamee gara madda bishaaniitti seenuu waan danda’uuf bakka barbaachisaa hin taanetti gatuu akka hin qabne eeraniiru. Of eeggannoon kun kan hin taasifamne yoo ta’e dhala namaafi beeyladoota bishaanicha fayyadaman irratti miidhaa geessisuu danda’a jedhaniiru. Kanaafuu erga biifaniin boodatti meeshaalee keemikaalli keessa ture awwaaluun barbaachisaa ta’uu ogeessichi hubachiisaniiru.

Guddinaa Asaffaatiin

 

Oduu

AMECO Hirkoo