Tibbana sirni baniinsa bara hojii 6ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataafi bara hojii 5ffaa Mana Maree Federeeshinii gamtaan geggeeffamuun isaa ni yaadatama. Sirnichaan Pireezidaanti Taayyee Atsqasillaaseen raawwii hojii bara 2017fi karoora mootummaa Federaalaa bara 2018 dhihessaniiru. Itoophiyaan qabeenya daangaa ce’oo qabduun faayyadamummaa haqa qabeessaa yoo simattu, akkasuma mirga hulaa galaanaa argachuu ishee mirkaneeffachuu qabdi jedhaniiru.
Pireezidaantichi, dhimmoota Hidhaa Haaromsaafi hulaa galaanaaa argachuu irratti mootummaan tattaaffii nagaa qabeessaafi dippiloomaasii addaan hin cinne taasisaa jiraachuu dubbataniiru. Akka isaan jedhanitti, mirgi Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuu sadarkaa olaanaatti ceheera. Carraaqqiiwwan hanga ammaatti taasifamaniin bu’aaleen ijoo ta’an kanneen akka hidhaa haaromsaa qormaataa mudatee turee ogummaan keessa darbuun eebbisiisuu, mirgi hulaa galaanaa argachuu gara sadarkaa olaanaatti ce’uufi gaaffiin haqa qabeessaa kunis hawaasa idil-addunyaa biratti fudhatamummaan isaa dagaagaa dhufuu ibsaniiru. ‘’Itoophiyaan boqonnaa seenaa ijoo irratti argamti’’ kan jedhan pireezidaantichi, hojiileen bu’uuraa haaraan hojjetamaa jiran carraa egeree biyyattii kan murteessan ta’uu hamaniiru. Addunyaan ce’umsa kallattiin isaa addaa hin baane keessatti kan argamtu ta’uu kan kaasan pireezidaanti Taayyeen, ce’umsi kunis carraas, qormaataas kan qabudha jedhaniiru.
Ce’umsa kanarraas fayyadamuuf dandeettiin barbaachisu uumamaa jiraachuu eeraniiru. Carraa kana sirnaan fayyadamnaan, ce’umsa ji’oopolotikaafi ji’oo ikoonoomii idil-addunyaa keessatti, biyya abdii qabeettiifi fakkeenya taatu ijaaruun akka danda’amu ibsaniiru. Kana kan mirkaneesuu danda’uu ejjennoo cimaafi shaakala gabbifanneerra jedhani pireezidaantichi. Kanaaf imala olka’iinsa biyyattii mirkaneessuuf eegalame galmaan ga’uuf bara baajataa 2018 keessatti mootummaan dameewwan baay’ee irratti xiyyeeffannaan kan hojjetu ta’uu hubachiisaniiru. Mootummaan dinagdee biyyaa guddisuuf hojiilee hojjetaman cinatti bu’uuraalee misooma hawaasummaa fooyyessuuf xiyyeeffannoo kennuun ciminaan ni hojjeta jedhaniiru. Barnootni qulqullinni isaa eegame akka walga’uuf manneen barnootaa sadarkaa duraa babal’isuu irraa eegalee daa’imman barnootaaf ga’an hundi carraa barnootaa akka argataniif kan hojjjetamu ta’uu dubbataniiru.
Barnoota leenjiifi teeknikaanis dhaloota ogummaa horate oomishuun carraa hojii biyya keessaafi alaa irratti akka hirmaataniif kan hojjetamu ta’as jedhaniiru. Dhaabbilee fayyaa babal’isuufi tajaajila fayyaa fooyyessuunis hawaasa fayya buleessa horachuuf dhibee dursanii ittisuun cinaatti dhukkuboota wal’aanuuf dhiyeessii meeshaalee wal’aansaaf qorichaa irratti kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru. Haaluma kanaan galteewwan fayyaa biyya keessatti akka oomishamaniif deggarsi itti fufiinsa qabu ni kennama jedhaniiru. Tajaajilli dhaabbilee fayyaa keessatti kennamus teeknooloojiin kan deggarameefi si’ataa akka ta’uuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru. Haaluma kanaan, dhiheessiin humna ibsaa, daandiifi bishaanis magaalaa hanga baadiyyaatti xiyyeeffannaan kan kennamuuf ta’uu dubbataniiru. Bu’uuraaleen misoomaa kunneen dinagdee si’eessuufi jireenya hawaasaa fooyyessuu keessatti ga’een qaban olaanaa akka ta’e hubachiisaniiru. Daa’immaniifi maanguddoonni akkasumas qaama miidhamtoonni dinagdee biyyattii irraa akka fayyadamaniif hojiin isaan giddugaleessa godhateefi imaammataafi qajeelfamaan deggarame kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.