Barnootni hundee qaroominaa biyya tokkooti. Addunyaan keessa jirru jijjiirama guddaa keessa jirti. Jijjiirama saffisaa kana wajjiin deemuf barnootni gahe bakka hin bune qaba. Akka biyyaatti barnootni iddilee jaarraa tokko hin caalle qabna. Biyyootni guddatan hedduun dhaabbata barnootaa olaanoo jaarraa lamaaf siqan qabu. Garaagarummaa guddina biyyootaa kan fidees barnoota akka ta’e hayyuleen hedduun ni ibsu. Adeemsa barnoota idilee jaarraa tokkoo dabarsine keessatti jijjiirama guddaa fiduun danda’amera. Uwwisa barnootaa akka biyyaatti saffisaan guddate jira. Dhaabbilee barnootaa olaanoo babal’isun danda’ameera kanaanis lammilee baratan hedduu umuun danda’amera. Milkaa’ina qabnu kana cinaatti rakkoleefi bu’aa ba’in damee barnoota biyyattii hedduudha. Rakkoleen kunneen madda garagaraa qabu. Imaammata barnootaa yeroo garagaraa raawatamaa ture isa tokkodha.
Xiyyefannoon uwwisa barnootaaf kenname qulqullina barnootaaf hin kennamne. Akka biyyaatti dhaloota rakkoo biyyattii hundeen furuu danda’an umuun hin danda’amne. Lammilee kalaqu danda’an hedduun hin umamne; dargaggoota hojjii dhabeyyii ni babalise. Rakkoleen barnootaa kunneen hundeen akka furamaniif hojiileen adda addaa hojatamaa jiru. Imaammatni barnootaa jijjiiramee jira. Gurmaa’insi gahee qabeyyii barnootaa fooyya’ee jira. Imaammata barnootaa addunyaa wajjiin nu tarkaanfachisu umuuf hojjetamaa jira. Kun tumsa lammilee hundaa kan gaafatu dha. Barnootni dhimma egeree biyyattii kan murtessudha. Yeroo dhihootti rakkolee nageenyaa akka biyyaatti nu mudateen dameen barnootaa miidhaa keessa jira. Bakka adda addaatti dareen barnootaa waggaa lama hanga sadiiti cufaman ni jiru.
Bakki rakkoon nageenyaa jiran hundatti rakkoon baruufi barsiisuu ni jira. Barnootni nagaa barbaada. Maatiin daa’ima isaa gara dirree barnootaatti erguuf nagaa barbaada. Dargaggotni barnootaa ala ta’an rakkoo hawaasummaafi xiin-sammuu gara garaaf saaxilamaniru. Barsiisoonni dhaloota hedduu qaruu danda’aniis rakkoo walfakkaataa keessa seenaniiru. Kun cabbiinsa barnootaa umee jira.
Olee bulee akka biyyaatti rakkoo walxaxaa kan fidudha. Dhimmi kun dhimma sirraa’uu qabu dha. Qaamooleen gaafii siyaasaa qaban hundi egeree biyyattiif hundee kan ta’e damee barnootaa tiksu qabu. Aantummaan ummataa kan ilaalamu faayidaa ummataa eeguni. Barnootnii fedhiifi faayidaa ummataa kan murteessu dha. Rakkoolee jiran furuuf mariif dursa keennuu barbaachisa. Barnootni siyaasarraa bilisa ta’uu qaba. Rakkoo damee barnootaa nu mudate akka rakkoo birmadummaafi faayidaa biyyaaleessaatti ilaalamu qaba. Lammileen hundi barnootaaf tumsa gochuu qabu. Kunis egeree biyyattirratti kan murteessudha.


