Mirgi Barachuu Barattootaa Kabajamuu Qaba

Biiroon barnootaa naannoo Amaaraa gamaaggama raawwii kurmaana tokkooffaa kan bara 2018 magaalaa Konbolchaatti gaggeesseera. Rakkoolee waqtaawaa dandamachuun kurmaana 1ffaatti raawwiin galmaa’ee fooyya’aa ta’u hirmaattootni  waltajjichaa himaniiru. Sababa rakkoo nageenyaan manneen barnootaa hojii hin eegale, hawaasaa waliin mari’achuun maatiin,  ijoollee isaanii gara mana barnootaatti akka ergan gochuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu qabu ibsameera.

Mirga barachuu dhalootaa borii sarbuun sirrii akka hin taane hirmaattootni AMECOn dubbise jala muranii himaniiru. Qaamoleen hidhatanii socho’an fedhii barachuu barattootaa kabajuu qabus jedhaniiru. ‎waltajjicharratti ergaa kan dabarsan pireezidaantiin waldaa barsiisootaa naannoo Amaaraa, Taajjaba Achaamiyallah, qulqullina barnootaa mirkaneesuufi barattoota bu’a qabeessa taasisuun kan danda’amu adeemsa baranootaa teeknolojii ammayyaan deeggarame  yoo jiraate ta’u himaniiru.

‎Itti aanaan itti gaafatamaa biiroo barnoota naannoo Amaaraa Makuwaaninti Adam, naannichatti bara baajataa 2018 barattoota  miliyoona 7 galmeessuuf karooraan qabamuu ibsaniiru. Barattootni miliyoona sadii ol galmaa’us himaniiru. Sababa rakkoo nageenyaan hanga ammaatti manneen barnootaa baruufi barsiisuu hin eegalee jiraachuu kaasanii,  hojiin manneen barnootaa cufaman bansiisuufi jalqabsiisuu hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Qulqullina barnootaa mirkaneessuufi dhaabbiilee barnootaa mijataa taasisuu xiyyaffannoon kan hojjetamu ta’u hubachisaniiru.

 

 

Oduu

AMECO Hirkoo