Manni Murtii Olaanaa Naannoo Amaaraa Hojii Teeknooloojiin Deeggaruuf Hojjete Dhaabbilee Birootiif Kaka’umsa Kan Horudha

Naannoo Amaaraatti waltajjiin tumsa abbaa seerummaafi qaamolee haqaa mootummaa naannichaan qophaa’e karoora misooma itti fufaafi guddina ceesisaa bara 2018 hanga 2022’f karoorfame hojii irra oolchuuf karoora tarsiimoo damee abbaa seerummaafi haqaa waggoota 5 naannichaa irratti mari’atameera. Inistiitiyuutiin Haqaafi Seeraa Naannoo Amaaraa Guraandhala 07/2017 jalqabee itti waamamni isaa Mana Murtii Waliigalaa Naannoo Amaaraa ta’ee hundaa’e damee haqaafi abbaa seerummaa naannichaa fooyyessuuf karoora bal’aa hojii irra oolchuuf naamusa ogummaa fooyyessuu kan dandeessisu sochii hunda galeessaa taasisaa jiraachuu Daayrektarri Olaanaa Inistiitiyuutichaa Dassee Xilaahun (Dr) sanada marii dhiheessaniin ibsaniiru.

Bu’uuraalee misoomaa diriirsuufi hojiiwwan misooma humna namaatiin tumsa waltajjii qaamolee haqaafi abbootii seeraa waliin hojjechuu haala dandeessisu irratti mariin taasifamuu dubbataniiru. Manni Murtii Waliigalaa Naannoo Amaaraa karoora waloofi garaagaraa waggoota 5 waltajjii tumsaaf kan dhiheesse yoo ta’u, dhimmoota karooricha milkeessuuf gargaaraniif hojiiwwan jijjiiramaa fooyyessuuf jalqabaman hirmaattotaaf dhiheesseera.

Hirmaattonni marichaa, hojiiwwan jijiiramaa Manni Murtii Naannoo Amaaraa raawwate, keessattuu naannoo hojii mijataa uumuufi tajaajila abbaa seerummaa teknoloojiin deggaruuf hojjete dhaabbilee biroof fakkeenyummaa guddaa ta’uu isaa ibsaniiru. Hojiiwwan jijjiiramaa manneen murtii gara gadii jiran keessattis akka hojiirra oolfaman taasisuun itti quufinsa abbootii dhimmaa mirkaneessuufi manneen murtii hawaasa biratti amanamummaa horatan ijaaruun murteessaadha jechuun yaada isaanii kennaniiru.

Hojiin kenniinsa tajaajilaa teknoloojiin deggaru dhaabbilee miseensa waltajjii tumsaa biroonis xiyyeeffannoon akka kennamuufi dhimmoota waloo irratti tumsi teknoloojii akka hundaa’u hubatameera. Walitti qabaan Waltajjii Tumsaafi Pirezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Naannoo Amaaraa, Alamaantee Aggidawu olaantummaa seeraa mirkaneessuu, mirgoota namoomaa beeksisuu, kabajuufi kabachiisuu, dhaqqabamaa, baasii qusatu, amanamaa akkasumas walsimaafi qulqullina qabu mirkaneessuuf abbootii seeraafi qaamolee haqaa ijaaruun sirna bulchiinsa haqaa bu’a qabeessa naannichaa waaressuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Oduu

AMECO Hirkoo