Maqaan Itoophiyaa dirree addunyaa irratti yeroo ka’uu injifannoo Adwaatiin dabalata olaantummaa biyyattiin gama atileetiksiin qabdutu kaafama. Itoophiyaan dachee atileetota waltajjiiwwan gurguddoo addunyaa miidhagsaniifi rikoordii cabsan biqilchitedha. Xomborri injifannoo Shaambal Abbabaa Biqilaan ife atileetota fageenya dheeraa fiigan kanneen akka Hayilee Gabrasillaasee, Qananiisa Baqqalaa, Xurunash Dibaabaafi atileetota biroon biyyattiin madda atileetota fiigicha dheeraa ta’uun ishee mirkaneessiteetti. Haata’u malee, waggoota dhihoo asitti damicha keessatti rakkoon guddaan mul’achuu jalqabeera.
Rakkoolee kanneen keessaa Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa Tookiyootti dhiheenya gaggeeffame isa tokkodha. Duraan Itoophiyaan dorgommicha irratti meedaaliyaawwan baay’ee argachuun beekamtuufi abdii guddaan eegamtu qabxii baay’ee gadaanaa galmeessisuun ishee hin dagatamu. Atileetonni Itoophiyaa kanaan dura dorgommiiwwan fageenya dheeraa baay’ee irratti guutummaatti waltajjii irratti olaantummaa gonfachaa turan amma garuu olaantummaan isaanii atileetota Keeniyaan harkaa fudhatameera. Leenjisaan Giddugala Atileetiksii Teentaa obbo Taammiraat Taaddasaa kufaatii damichaaf sababa kan ta’e, bara kennaan uumamaafi shaakalli cimaa qofti gahaa hin taanetti waltajjiin dorgommii biyya keessaa atileetonni Itooophiyaa irratti dorgoman boodatti hafaafi teknoloojiin kan hin deggaramne ta’uu dubbataniiru.
Atileetiksii Itoophiyaa ammayyeessuun qabxii ishee gadi bu’e deebisuuf dhaloota egereef bu’uura hin raafamne kaa’uuf gargaara jedhaniiru. Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Tookiyoo 2025 irratti qabxiin argame ciminni qofti dorgomanii mo’achuuf wabii ta’uu dhabuusaa hubanna jedhan leenjisichi. Leenjisaan kun akka ibsaniitti dorgommiiwwan atileetiksii biyya keenyaa irra caalaan isaanii ammallee sa’aatii dhaabbii harkaan qabamu fayyadamuun yeroon kan murtaa’u ta’uu ibsaniiru. Kunis atileetoonni waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti sirritti sekondiifi maaykiroo sekoondii keessatti safaramuuf qophii xiinsammuufi qaamaa barbaachisu akka guddifatan hin dandeessisu jedhaniiru. Dorgommiin ammayyaawaa miira daawwattootaa harkisuun bu’awwan teknoloojii dinqisiisaan dabaaluun atileetii ta’e daawwataatti miira gammachuu kan uumuu ta’uu Olompic.com dubbisiiseera.
Obbo Taammiraat federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa rakkoo kana sirreessuuf hojii manaa fudhachuu qaba jedhaniiru. Federeeshiniin Atileetiksii shaakala duubatti hafummaa amma jiru irraa fagaatee shaakala ammayyaa damee kanarratti jijjiirama bu’uuraa fiduu danda’u irratti xiyyeeffachuu akka qabus dubbataniiru. ”Leenjistoonniifi murteessitootni dhimmoota seeraafi teeknikaa xixiqqoo dorgommiiwwan idil-addunyaa irratti bu’aa murteessan akka beekan gochuu qabu; abbootiin murtii, ogeessonni teeknikaa leenjii itti fufiinsa qabuufi sadarkaa isaa eeggate kennuun barbaachisaadha jedhaniiru. Atileetiksii ammayyeessuuf gargaarsa qooda fudhattoota biroo federeeshiniin ala ta’e kan barbaadudha; dhaabbileen gurguddoon deggarsa maallaqaafi teeknikaa ni taasisu jedhamee eegama jechuun leenjisichi yaada isaanii qoodaniiru.


