Qaroominni dhala namaa kan eegale hundeefama magaalootaa waliini. Magaalootni wiirtuu hojiilee kalaqaafi namoota hedduu barataniidha. Hundeefamni magaalootaa Itoophiyaa kan jaarraa lama hin guutne dha. Biyyoota guddatan waliin yeroo ilaallu magaalootni Itoophiyaa umurii dheeraa hin qaban. Waggoottan dhihoo as magaalootni biyya keenyaa saffisaan hundeefamaa jiru. Heddunis hundeeffamuu qofa osoo hin taane saffisaan guddachaa jiru. Magaalootni keenya bakka jireenya sabaafi sablamoota Itoophiyaanootati. Magaalootni kunneen muxxannoo, aadaafi fuullee gara garaa qabu. Fooramiin magaaloota Itoophiyaa bakka waljijjirraa muxannoo, aadaafi fuullee magaalootati.
Yeroo dhihoo asitti magaalootni naannoolee Itoophiyaa fooramii kana walitii dhufeenya isaanii ittiin cimsaa jiru. Fooramii kanaan muxannoo hojiifi kalaqa qofa osoo hin taane aadaafi fuulleen magaalootaa ittiin dhiyaachaa jira. Kunis walooma ummattoota magaalootaa cimsurratti gahee guddaa taphata. Waloomni ummattoota, tokkummaa biyyaa ni cimsa. Walumaagalattii fooramiin magaalootaa Itoophiyaa faayidaa hedduu qaba. Itoophiyaan ammas ummatni dhibbentaa 85 baadiyyaa keessatti jiraatanidha. Bakki jireenya baadiyyaa gara magaalootaatti jijjiiruu barbaachisa. Bakki magaalootaa ummata baadiyyaa keessatti haala jireenya faffaca’un argamu sassaabuuf ni fayyada.
Bakka ummatnii walitti sassaabame immoo tajaajila hawaasummaa dhiheessuf ni mijata. Walitti sassaabamuun ummattootaa haala jiruufi jireenya isaanii ni jijjiira. Carraa hojii ni umma. Dandeetti gara garaa lammilee walitti fida. Kunis gabaa, birrii humnaafi omishaa bakka tokkotti fida. Guddina dinagdeef haalli ni mija’a. Carraa guddachuun magaalootaa guddina dinagdee ni saffisisa. Magaalootni haaraan karooraan deeggaramu qabu. Feedhiifi guddina ummataa irratti hundaa’uun ijaarun barbaachisaadha.
Magaalootni bakka jireenya mija’aa, bakki tajaajilaafi bulchiinsa gaarii itti kennamu taasisuu barbaachisa. Magaalootni bakka jireenya sabaafi sablamootaa ta’ani akka itti fufaniif walitti dhufeenya magaalootaa cimsuu barbaachisa. Fooramiin magaalootaa carraa kana umee jira. Kana daran cimsuun hojii idilee magaalootaa taasisu barbaada .Magaalootni wiirtuu qaroominaafi bakka jireenya sabaafi sablamootaa ta’un kan itti fufu danda’an hojiileen akkasi yoo daran cimanIi itti fufanidha.


