Misoomni koriidarii baadiyyaa mana jireenyaa qonnaan bultootaafi tooftaa jireenya isaanii jijjiiruu irratti kan xiyyeeffatudha. Kanuma bu’uureffachuun kutaalee baadiyyaa biyyattii garagaraa keessatti ganda moodelaa filachuun hojichi jalqabame jira. Bakkeewwan tokko tokkotti misoomicha hojiirra oolchuuf sochiin yoo taasifamu ni mul’ata.
Bulchiinsa sablammii Oromoo sadarkaa aanaa Dawwee Harawaatti kana hubannoo keessa galchuun akka ka’umsaatti gandoota moodelaa lama adda baasuun gara hojichaatti seenuuf karoorfameera. Aanichatti jiraataan ganda Kaarriphoo obbo Ahimad Abduu, barbaachisummaa misooma koriidariin walqabatee hubannoo argachuu himaniiru. Misoomichi rakkoolee bu’uuraalee misoomaa gandichaa furuuf gahee waan qabuuf gandi isaanii misooma koriidariif akka moodelaatti filatamuu isaatti gammadoo ta’uu himaniiru. ‘’Misoomni kun gama hundaan jiruufi jireenya keenyaa fooyyessuuf waan gargaaruuf yeroo misoomichi jalqabu akka jiraataa tokkootti tumsa barbaachisaa taasisuuf qophiidha’’ jedhaniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa aanaa Dawwee Harawaa, Indiris Sa’id, misooma koriidarii baadiyyaa mootummaan kan gadi buuseef hawaasni qe’ee isaa keessatti jireenya fooyyee qabu akka jiraatu taasisuufidha jedhaniiru. Misoomni kun qonnaan bultoonni fayyadamoo bu’uuraalee misoomaafi teeknooloojii akka ta’aniif gumaacha olaanaa qabaachuus addeessaniiru. Qonnaan bultoonni naannawa isaaniitti sirnaan fayyadamuun misooma kuduraafi muduraa, beeyladootaafi horsiisa kannisaa karaa ammayyaan misoomsuun bu’aa qabatamaa akka argataniif shoora qabaachuu dubbataniiru.
Itti gaafatamichi, misoomichi jiraattonni wantoota bifa salphaan naannawa isaaniitti argaman fayyadamuun baayoogaazii irraa anniisaa maddisiisuun nyaata bilcheeffachuufi ibsaa akka argataniif carraa uumaas jedhaniiru. Haalli jireenya hawaasaa qulqullina akka qabaatu taasisuun hawaasni rakkoo fayyaaf akka hin saaxilamneefis shoora qabaachuu itti gaafatamichi eeraniiru. Akka isaan jedhanitti, fedhiiwwan bu’uuraa jireenyaaf barbaachisan magaalaa irraa argaman baadiyyaatti haala mijeessuun godaansa baadiyyaa gara magaalaatti taasifamu misoomichi ni hir’isa.
Kaayyoon misooma koriidarii baadiyyaa sadarkaa jireenyaafi mana jireenyaa qulqullinni isaa eegame akka jiraatu kan dandeessisudhas jedhaniiru. Qonnaan bultoonni man-duuba isaanii keessatti kuduraafi muduraa akkasumas beeyladoota horsiisuun hojiilee maaddii guutuun qabaman fayyadamuun nyaata madaalawaan akka of danda’aniif sadarkaa aanichaatti misooma koriidarii baadiyyaa hojiirra oolchuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Aanichatti misooma koriidarii baadiyyaa milkeessuuf waajjiraalee 10 irraa koreen hundaa’ee, mariin sadarkaa hoggansaatti taasifamuu kaasaniiru.
Akka obbo Indiris jedhanitti, gandi Kaarriphoofi Dirree gandoota aanichaa misooma koriidarii baadiyyaaf akka moodelaatti filatamanidha. Gandoota kanneenitti misoomicha qabatamaan hojiirra oolchuuf barbaachisummaa misoomichaan walqabatee gad-fageenyaan jiraattota waliin marii taasisuuf karoora qabatanii jiraachuu hubachiisaniiru. Akka itti gaafatamichi jedhanitti, misoomichi erga qabatamaan mul’atee booda muuxannoo gandoota kanneen gara kaawwanitti babal’isuuf ciminaan ni hojjetama.
Guddinaa Asaffaatiin


