Wiirtuun kenna tajaajila iddoo tokkoo (MESOB) jechuun tajaajilli kennamu fedhii lammiilee giddu-galeessa kan godhate taasisuu, mootummaafi lammiilee gidduutti walitti-dhufeenya gaarii uumuu, alseerummaafi alnaamusummaa hojimaata duubatti hafaa hambisuu, sirna iftoominaa kenna tajaajilaa keenya dijjitalessuu, saffisiisuufi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf kan tajaajiludha. Kanaan dura uummanni kenna tajaajilaa argachuuf irra deddeebin maamiltootaa, lafarra harkiffaan tajaajila, tajaajila malaanmaltummaan argachuu, maamiltoota ifachuun uummanni baasii hin malleefii qisaasama yeroof saaxilamaa turuun isaanii kan yaadatamudha.
Yeroo ammaa mootummaanis rakkoo kana hambisuuf caaseffama gandaa haaraa diriirsun hawaasni dhiheenyatti tajaajila barbaadu akka argatuuf hojjechaa jira. Tajaajilli kenna iddoo tokkos (Masoob) rakkoowwan kenna tajaajila hawaasummaa furuuf dhaabbata tajaajila hedduu giddu-gala tokkotti walitti fiduun sadarkaa bulchiinsa magaalotaafi sadarkaa naannotti tajaajila tuttuqaa irraa bilisa ta’een, karaa maamila deddeebisuu hin dandeenyen, karaa si’ataa akkasumas bifa diijitaala ta’een dhiyeessuf kan tajaajiludha. Haaluma kanaan kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuufi fooyyesuuf deddeebiifi baasii maamilaa hir’isuun yaadaaf fedhii maamilaa walitti qabee karaa qulqullina qabuun hojjechuuf hojiitti galameera.
Dhaabbileen kunis gurmaa’insa dhaabbilee 12 yoo ta’u tajaajila 52 kan kannanidha. Dhaabbileen kunneenis, tajaajila waraqaa eenyummaa biyyoolessaa, tajaajila immigireeshiniifi namummaa, tajaajila mirkaneessaafi galmeessa sanadootaa, Ministeera galiiwwanii, Ministeera daldalaafi walitti hidhaminsa gabaa, Ministeera hojiifi ogummaa, Komishinii inveestimeentii, Ministeera dhimma alaa, Tajaajila madaallii barnootaafi qormaataa, Itiyoo poostaafi Baankii daldaalaa Itoophiyaa kan haammatudha.
Jiraataan godina Harargee Bahaa aanaa Shana Dhugoo obbo kadir hasan akka jedhanitti tajaajilli kenna iddoo tokkoo hawaasni maallaqaafi yeroo isaa osoo hin qisaasessin akkasumas dadhabbiifi nuffii tokko malee tajaajila si’ataaa akkasii argachuun hawaasaaf faayidaa guddaa akka qabu ta’uu dubbataniiru.
Godina sab-lammii Oromootti dursaa qajeelcha siivil sarvisiifi humna namaa Aliyyi Suwalih akka jedhanitti kenni tajaajila iddoo tokkoo siivil sarvisii diijitaala ijaaruu keessatti gahee guddaa qaba, kunis dhaabbileen iddoo tokkotti gurmaa’anii walitti hidhaminsa neetwoorkin bakka tokko taa’anii tajaajila hedduu kennuu kan danda’an waan ta’eefi. kenni tajaajilaa kunis kaameraafi sirna diijitaaln waan hogganamuuf tuttuqaa, loogii, alseerummaafi harkifannaa irraa bilisa kan ta’eefii tajaajila si’ataa kan kennudha jedhaniiru.
Moosisaa Fufaatiin


