Gaheen hawaasaa, jaarsoliin biyyaafi abbootin amantaa nageenya biyyaa eegsisuu keessaatti qaban baay’ee olaanaadha. Nagaan bu’uura guddina nama dhuunfaafi waan hundaati. Hawaasa tokko keessatti tasgabbii fiduuf nageenyi bu’uura yoo ta’u, nageenyaafi tasgabbii fiduun haal duree ijoodha. Namni kamiyyuu bahee galuuf, hojjatee of jijjiiruf , qotanii galfachuun kan danda’amu akkasumas diinagdee kamiyyuu sochoosuuf nageenyi barbaachisaadha. Wal dhabdeen yoo jiraate immoo karaa nagaan furuun walitti bu’insa namoota dhuunfaafi garee gidduutti uumamu karaa nagaatin osoo lubbuun namaa hin darbin, osoo qabeenyi hin manca’in hiikun barbaachisaadha.
Biyya keenya keessatti waggoota muraasa darbe irraa eegalee rakkoon nageenyaa iddoowwan garagaraatti muudachaa jira. Rakkoo nageenyaa biyya keenya keessatti umamaa jiru araaraan hiikuun nagaa buusuuf, mootummaan yaaliiwwan walirraa hincinne taasisaa tureera ammas taasisaa jira. Kana gochuuf immoo mootummaa qofa osoo hin taane gaheen hawaasni, jaarsoliin biyyaafi abbootin amantaa qaban isa oolaanaadha. Kanumaanis hirmaannaa qaamoleen kunneen taasisaniin yeroo ammaa biyya keenya keessatti nageenyi waaran argamaa jira. Akka bulchiinsa sablammii Oromoottis nageenya waaressuuf hawaasni, jaarsoliin biyyaafi abbootin amantaa hojiilee isaan nageenya naannicha eeguuf taasisaa turaniif taasisaa jiran hedduudha.
Jiraataa aanaa Arxummaa Fursee sheeh Mohaammad Umar nageenyi mana ofirraa kan eegalu, namni kamiyyuu bahee galuuf hojii guyyuu isaa hojjechuuf akkasuma amantaa isaa gaggeeffachuuf nageenyi murteessaa ta’uu dubbataniiru. Nageenya naannoo isaanii eegsiisuuf hawaasni bal’aan, abbootin amantaafi jaarsoliin biyyaa qaamolee nageenya hawaasaa booressaa turan waliin mari’achuun gara daandii nagaatti akka dhufaniifi nageenya waaraa argamsiisun gara misoomatti akka deebi’aniif hojii bal’aa hojjechaa jiraachuu eraniiru. Nageenyi meeshaa namni itti qoosu osoo hin taane bu’uura waan hundaa ta’uu dubbachuun namni kamiyyuu nageenya naannoo isaa eeggachuu akka qabus dhaamaniiru.
Abbaa Bokkuu bulchiinsa sablammii Oromoo kan ta’an Abbaa Bokkuu Adam Mahaammad akka jedhanitti akka sirna gadaatti wanta hunda dursa nagaaf dursi kan kennamudha. Akka bulchiinsa sablammii Oromootti nagaa waraa fiduuf tumsa taasisaa jiraachuu dubbataniiru. Ammallee qaamota hidhatanii bosonatti hafan karaa nagaan akka galaniif akka sirna gadaa Oromootti bifa jaarsummaan araarsuuf kaawunsilii nageenyaa waliin ta’uun hojjechaa jiraachuu dubbataniiru. Namoota kanaan dura waamicha nagaa fudhatanii galanis warreen qabeenyi isaanii jalaa saamamee ture waliin araarsuun akka sirna gadaattii bifa jaarsummaan araarsanii hawaasa waliin nagaan akka jiraataniif hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Bulchaan duree aanaa Arxummaa Fursee obbo Ibraahim Aliyyii kanaan dura aanaan Arxummaa Fursii rakkoo nageenyaa jala kan turte yoo ta’u yeroo ammaa rakkoo nageenyaa jalaa bahuuf hojii baay’ee hojjechaa jiraachuu himaniiru. Hawaasni, abbootin biyyaafi aabbootiin amantaa nageenya naannawichaa eegsisuuf hojii bal’aa hojjechaa turuu isaanii dubbataniiru. Akka aanichaatti bara darbe irraa eegalee hanga ammaatti qaamoleen hidhatanii bosona jiran sadarkaa hoggansaa irraa hanga sadarkaa miseensatti namoonni 400 ol karaa nagaa galanii haaromsa fudhatanii hawaasatti makamuu isaani obbo Ibraahim ibsaniiru. Kunis ta’uu kan danda’e gahee hawaasni, jaarsoliin biyyaafi abbootin amantaa tumsaaniin ta’uu isaas ibsaniiru.
Moosisaa Fufaatiin


