Waliigalteen mootummaa naannoo Amaaraafi Dhaabbata Faannoo uummata Amaaraa gidduutti taasifame ummata keenyaaf abdii uumeera jechuun Kaapteen Masrashaa Saxxeen dubbataniiru. Kaapteen Maasrashaa Saxxee ibsa baasaniin, walitti bu’iinsi naannicha keessatti adeemsifamaa jiru uummata naannichaa gadadoo, bu’uuraalee misoomaafi gaaga’ama dinagdee waan fiduuf waliigalteen kun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Dhimmoota waliigalticha keessatti ka’an irra caalaan isaanii irratti waliigalteerra ga’amuu himaniiru. Naannoo Amaaraa waliin hojjechuun walitti bu’iinsa irraa bilisa taasisuuf waliigalteerra ga’amuufi dhaabbileen idil-addunyaas deeggarsa ni taasisa jedhaniiru. Walitti bu’iinsaafi lola keessatti mo’ataafi moo’atamaan akka hin jirreefi ummataafi biyya akka miidhu qofa akka ta’e ibsaniiru. Rakkoon mariidhaan hiikuun akka danda’amuus ibsaniiru. Masiriifi Shaabiyaan Itoophiyaan dantaa biyyoolessaa amma qabdu akka hin kabajne hojjechaa jiru jedhanii, kunis karaa gareewwan adda bahanii biyyattii keessa jiran, ajandaa isaanii hojiirra oolchaa jiraachuu eeraniiru.
Dhimmi Asabiifi Galaana Diimaa Dhaabbata Ummata Faannoo Amaaraatiif dhimma du’aa ta’uu ibsuun, dantaa biyyaafi gaaffii ummataa eegsisuuf mootummaa waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Qaamoleen biroos dantaa dhuunfaa dhiisanii dantaa biyyaa eegsisuuf akka hojjetan waamicha dhiyeessaniiru.
“Wayyaaneefi Shaabiyaan waggoota dheeraaf Itoophiyaa tasgabbii dhabsiisuuf hojjechaa turaniiru, ammas dachee Tigraay tasgabbii dhabsiisaa jiru. Haata’u malee qawwee osoo hin taane mariidhaan rakkoo furuuf dursi kennamuu akka qabus dubbataniiru. Humnoonni lamaan dachee Tigraay keessattis ta’e guutummaa Itoophiyaa keessatti sababa amantiifi sabummaan jeequmsa uumuuf hojjechaa akka jiran ibsanii, rakkoo kana immoo tokko ta’anii waliin furuu akka qabanis ibsaniiru.
Moosisaa Fufaatiin


