Itoophiyaan bara 1983 irraa eegaltee tarree biyyoota sirna federaalizimii bulaniitti hiriirteetti. Biyyootni sirna federaalizimiin bulan 25 yoo ta’an baayina uummata adduunyaarraa dhiibbantaa 40 kan qooddataniidha. Biyyoonni kunneen sabaafi sablammoota, afaan, aadaa, duudhaa fi eenyummaa garagaraa qaban of keessatti haammatanii barootaaf jiraataa kan turanidha.
Itoophiyaan bara 1987 murtoo manni maree federeeshinii Eebla 21 dabarseen guyyaan sabootsa, sablammootaafi uummattoota Itoophiyaa Sadaasa 29 akka kabajamu ta’eera. Heerri mootummaa federaalaas erga raggaasifame eegalee waggaa waggaan kan kabajamu yoo ta’u, yeroo jalqabaatiif bara 1999 magaalaa addis ababaatti kabajameera. Bara 2000 immoo marsaa lammaffaaf magaalaa Hawaasaatti qopheessummaa mootummaa naannoo Sidaamatiin kan qophaa’eera. Bara 2001 immoo qopheessummaa mootummaa naannoo Oromiyaatin marsaa 3ffaaf magaalaa Addis Ababaatti kabajameera.
Guyyaan kun dabaree dabareedhaan bulchiinsa magaalotaafi naannolee garagaraa keessatti kabajamaa tureera. Bara kanas marsaa 20ffaaf naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa magaalaa Hosaa’inaatti kabajameera. Guyyaa kannatti uummatoonni Itoophiyaa daangaa hanga daangaatti walitti dhufuunii aadaa, eenyummaa, afaan, duudhaafi muuxannoo isaanii iddoo itti wal jijjiirudha. Guyyaan kun guyyaa itti hariiron obbolummaa sabootaafi sablammoota gidduu jiru itti cimu, sabaafi sablammoonni biyyatii guyyaa itti wal baraniifi muuxannoo itti waliif qoodanidha.
Guyyaan Ayyaana sabaafi sablammoota guyyaa aadaa, duudhaa, seenaa, hambaafi eenyummaan sabaafi sablammoota itti mul’atudha. Sagantichas sadarkaa manneen barnoota, dhaabbilee mootummaafi miti-mootummaa garagaraa keessatti kan kabajamuudha. Guyyaan kunis saboonniifi sablammoonni biyyatii wal arganii miira tokkummaafi obbolummaa kan itti calaqqisiisan, tokkummaa sabdaneessummaa cimsuun, nageenya waaraafi Itoophiyaa badhaate dhaloota egereef dabarsuuf, hariiroo walii gabbisuufi wal baruu, akkasumas bu’aa misoomaa sadarkaa biyyaatti galmaa’aa jiru ilaaluuf gumaacha guddaa kan qabudha.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad (Dr) Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa 20ffaa Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaatti kabajame irratti argamuun ergaa dabarsaniiru. Ergaa isaaniin, ummanni Hadiyyaa goota injifannoo biyyaa milkeessedha jechuun ibsaniiru. Itoophiyaanonni miidhagina, afaan, aadaafi dafqa waloon waliin jiraachuun itti fufu akka qabu dubbataniiru. Hambaaleen waloo keenyaa kan Itoophiyaanootaa qofa osoo hin taane, kan Afrikaa ta’uus dubbataniiru. Bulchaan Naannoo Giddu-galeessa Itophiyaa Indaashaawu Xaasoo (Dr) ayyaanni kun walii galtee biyyaalessaa cimsuun ijaarsa mootummaa biyyaalessaa si’achiisuuf faayidaa olaanaa qaba jedhaniiru. Dabalataanis saboonni, sab-lammoonniifi ummattoonni waltajjii tokkorratti walitti dhufanii akka miidhaganiifi akka mari’atan haala mijataa uumeera jedhaniiru.
Ayyaanichi duudhaaleen obbolummaa akka daraaruuf akkasumas tokkummaan sab-daneessummaafi federaalizimiin akka dagaagu ijaarsa seenessa waloof qooda mataasaa gumaachuu itti fufee jiraachuu ibsaniiru. Afa yaa’in Mana Maree Federeeshinii Aganyahu Tashaagar “ayyaanni saba, sablammootaafi uummatoota Itoophiyaa adeemsa sirna federaalaa dhugaa ijaaruu keessatti ka’umsa seenaa haaraarra jiraachuu keenya kan itti hubachiifnuudha” jedhaniiru. Ayyaanni bara kanaa bu’aa seenessa waloo, mallattoo tokkummaafi xiiqii keenyaa, Adwaa lammaffaa kan ta’e Hidhi Haaromsa Guddicha Itoophiyaa eebbifamuun barii pirojeektota gurguddaa jalqabsiifnetti akkasumas filannoo biyyaalessaa adeemsisuuf yeroo qophoofnetti kan kabajamu ta’uun adda taasisa jedhaniiru. Guyyaan saboota, sablammootaafi uummattoota Itoophiyaa 21ffaan bara dhufu naannoo Oromiyaa Magaalaa Jimmaatti akka qophaa’uuf murtaa’era. Pireezidaantiin Naannoo Guddugaleessa Itiyoophiyaa Doktar Indashaaw Xaasoo, aasxaa qophichaa Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaaf kennaniiru.
Moosisaa Fufaatiin


